Yasuus yoo deebine dhalanne malee balballi mana waaqaa akka nuuf hin banamnee nutti hima. Mee yaa obboleessa kiyya ani si gaafadha? Deebitee dhalateertaa? Miseensa woldaa kiristaanaa kan taate deebitee dhalateet ta’a? Dhalachuu baannaan baddeerta. Yasuus yemmu dubbatu “Namni deebi’e dhalatu malee mootuummaa waaqaa hindhaalu” (Yoh 3:3).
Tarii atimmoo, deebi’anii dhalachuun maal jechuudha? Jettee ni gaafatta ta’a. Duraan dursinee mee worra hintaane haa ilaallu. Cuuphamuu miti, namoonni baay’een cuuphamaniiru garuu deebi’anii hindhalanne ture (H. Erg 8:18-28). Miseensa woldaa kiristaanaa ta’uunis deebi’anii dhalachuu hinta’u. Baay’een isaanii basaasaaf seenaniiruutii (Gal 2:4). Irbaata Goftaa fudhachuus miti. Namoonni heddu otoo hin galleef fudhatanii murtii ufirratti kuusaniiru (1 Qor 11:29). “Gaarummaaf haaroomsuu miti. Namoonni hedduun itti seenuu barbaadu. Garuu hindanda’ani” (Luq 13:24). Kadhannaanis miti. Yasuus yemmuu dubbate “Sabni kun afaan isaatiin na kabaja; lapheen isaa garuu narraa fagoodha” (Mat. 15:8).
Namni tokko waan danda’u gochuuf yoo carraaqe, hiyyeeyyii yoo gargaare, dhukkubsataa yoo gaafate, guyya-guyyaan yaada gaariidhaan yoo jiraate “deebi’ee dhaladheera” ufiin ni jedha ta’a. Garuu miti; otoo hinta’in ta’uu hindandeenyu. “Waahee foonii yaaduun Waaqa biratti lolatii. Seera waaqayyootiif hinbitamuu tii” (Rom 8:7). Laphee jijjiirametu nu barbaachisa. Raajotaan “Laphee haaraya isnii kenna” (Hiz 36:26) jedhameeraa tii.
Egaa deebi’anii dhalachuun maali? Attamittis argachuu dandeenya? Yasuus “foon irraa kan dhalate foon...” (Yoh 3:6) jedha. Daa’imni gaafa dhalatu nama duraan hinturree haaraya argina. Nama haaraya fooniin muldhate jechuudha. Keessa deebii yookiis lammaffa yoo ta’e garuu Kiristoos Yasuusiin hafuura qulqulluurraa yoo dhalannu jireenya haarayaa fi kan bara baraa qabaanna.
Ba’aan cubbuu keenyaa ulfaatee, akka badnetti uf laakkofne dhiphinna keenya irraa kan ka’e nagaya barbaacha gara waaqaatti yoo dhiyaannee “fayyuuf maal gochuu qaba?” jechuun yoo kadhanne, akka Phaawloos “Yasuusis amani jedhe.” Guutummaan waaqatti uf kennu qubna jechuudha. Waaqayyo laphee (garaa) keenya dhugumaan ni ilaala. Hafuurri Qulqulluunis nutti dhiyaatee nu keessatti ayyaana qajeelaa uuma (Far 51:10). Yommuus egaa dhalanneera, Kiristoos Yasuusiin amanuun dhaloota haaraya taana (2 Qor 5:17).
Garuu akka lammata dhalanne kan barruu yoomirraa jalqabneeti? Waaqayyo hafuura isaatiin “Hardha yoo sagalee isaa dhageettan...” (Ibr 3:7) jedha. Kana jechuun umurii kamirrattuu, bakka kamittiyyuu yeroo barbaannetti, waamicha isaa yoo dhageenye, hafuura isaatiin dhalannee ilmaan isaa ta’uu ni dandeenna.
Dhumairratis deebi’ee dhalachuu kiyya akkamitti beeka? Jennee gaafachuu ni daneenya. Phaawuloos Rom 8:1, 6, 9, 10 iratti yoo barsiisu “Hafuura Kiristoosii kan hinqabne martinuu kan isaatii miti. Garee (lammii) isaatii miti” jedha. Kitaabni Waaqaa akka cubbuu isaaniitiin badan nu barsiisa. Namoonni kunniinis kan itti murteeffame, kan sammu hamaa qaban, kan fooniin yaadan, kan abdii hinqabne, kan hin ajjajamnee fi kan waaqa malee ta’anii dha. Gama biratiin ammo, worra deebi’anii dhalatanin kiristaanotaan, ijoollee waaqayyo, kan kiristoosiin jiraataa ta’an, kan fayyan, kan gidiraan irra hinijirre, worra sammuu gaarii qaban, kan hafuuraan yaadan, Hafuura Qulqulluun (Ayyaana Woyyuun) kan guutaman, kan amantii qaban, kan abdii jereenya bara baraa qabanii dha. Cubbuun isaani dhiiga Yasuusiitiin miicameeraafii tii. Jaalalaan guutamanii nagaya Waaqaa isa yaada namaatii ol ta’e qabu. Fedha waaqayyo fiixaan baasuuf humna qabu. Du’a booddees mana waaqaatti abdii qabu. Namni kana hunda keessa darbee otoo hin hubatiin hafaa? Takkumaa, ijoollee waaqaa ta’uu keenna hafuurri ofuma isaatiin hafuura keenya wojjiin dhugaa baha (Rom 8:16).
Dubbisaa jaalatmaa, shaakalli kanaaf kan kana fakkaatan nagayaa fi gammachuu wojjiin gara lubbuu keetiitti yoo simachuu baatte hin boqotin. Ati lubbuu keetii fi waaqayyo wojjiin wol lolaa jirtaatii. Deebitee (lammata) dhalachuu qabda.