Mana

Gara marsariitii Tiraaktii Wangeelaa fi Waldaa Macaafa Qulqulluutti baga nagaan dhuftan

Tiraaktota

Yeroo ammaa ati jiraataa dha. Hafuura ni baafatta, ni deemta ni hojjattas. Siif mijaayee jiruu gaarii jiraataa jirta ta’a yookiin jiruun sitti hammaateera ta’a. Aduun ni baati ni lixxis; bakka tokkotti yeroo kana daa’imni ni dhalata; akkasumas bakka dhibiitti namni du’u yeroo mara ni jira. JIREENYI KUN QOPHII YEROO MURAASAATI GARUU, DU’A BOODDEE GARAM DEEMTA? Yoo nama amantiis taate Yookiin yoo amantii kamittiyyuu amanuu baatte gaafii baay’ee barbaachisaa ta’e kana deebisuu qabda. Namni erga yeroo gabaabaaf lafa irra jiraateen booddee gara iddoo bara baraaf keessa jiraatuu deema (Lal.12:5). GARUU EESSA DEEMTAA?

Future Life, Heaven 4 minutes

“Kunoo ati keessa namummaa namaa keessatti dhugaa ni barbaadda” (Faarsaa 51:6). Amanamtummaan waa’ee jireenya keessatti wal-qabate hundaaf naamusa qabeessummaa amanamummaati. Amanamtummaan dhugumaanuu waan onneeti. Wongeela Yesuus Kiristoosiitifis yaada bu’uuraawaadha. Waaqayyoo yaadaa fi hawwii garaa namaa beeka. Inni dhugaa akka qajeelfama bu’uuraa kan akka malee barbaachisaa ta’eetti fudhata (Keessa Deebii 32:4). Inni amanamtummaa guutuu kan garaa keenyaa dhugumaan ni eebbisa. Yommuu namni isinitti beeku danda’u dhugaa dubbatanii yeroo namni tokkollee isinitti hin beekne garuu amanamtummaa ni dhaabduu? Nama dogoggora keessa jiru tokkoo akkasumatti ni dhiistuu? Akka kafaluu hin dandeenye utuu beektanuu liqiin waa ni bittuu?

Moral 4 minutes

Joon W. Reeynoolds Wantoota jiruu kiyya keessatti na qunnaman kanneen na ajaa’ibsiisan keessaa kan dursuu fi isa ani yeroo mara yaadadhu, kan barumsa dansaa naaf kenne seenaa namicha Joorj Liinooksi jedhamuuti. Namichi kun Ameerikaatti magaalaa Jeefarsan jedhamtu keessa kan jiraatu yoota’u faradoo hatuun beekama ture. Yakka/hanna isaa cimsee itti fufee jennaan waan himatameef itti murtaa’ee gara mana adabbii kan magaalaa Jeesiwiik keessatti argamuutti geeffame.

Future 14 minutes

Sodaan Maalii? Sodaan Waaqayyoo Sodaan Fulduraa Sodaan Kufaatii Sodaan Gidiraa Arguu Sodaan Du’aa Sodaan, diina dhokataa kan namoota umrii fi sanyii kamiyyuu qabaniifi kan adeemsa jireenya kamiiyyuu weeraruudha. Sodaan haxxee fi barbadeessaa yaada keenya kan summeessu, nagaa keessa keenyaa kan saamuu fi gammachuu jireenya keenyaa kan caldhisiisuudha. Sodaan naatuu, yaada’aa, rifataa, jeeqamaa, gaddaa fi dadhabaa nu taasisa; kun dhageentaa nama hin gammachiisne fi hin barbaadamne maaliiti!

Peace 7 minutes

Maalummaa Si’ool Si’ool Eessa? Karaa Si’ool Eenyuutu Achitti gala? Worri badan achii maal godhu? Waaqayyo Cubbamaa ni Adabaa? Kitaabni qulqulluun waayee galaana ibidda isa barabaraan hin dhaamnee ifaatti barsiisa. Yeroo kanas namni cubbamaa ta’e hundi badiinsa suukkanneessaa fi gaddisiisaa barabaraa ta’e kanattii akka fayyuuf Waaqayyo isa qulqulluu ta’een akeekachiisni kennameera. Egaa akka kana sodaachisaa kan ta’e si’ool waan akkamii ta’inna laata? Dubbii Waaqayyoo keessaa waan muraasa haa ilaallu. Si’ool Galaana ibiddaati:- (Mul. 20:14). Dukkana limixii barabaraati (Yud 13).

Michuu tokkon qaba. Michuun koo kunis michuuwwan kiyya kanaan duraa hunda isaani irraa adda, inni hunda isaan iirrayyuu ni caala. Inni nama dhugaa fi baayyee gara laafessa waan ta’eef michuu koo kana wajjiin atillee akka wal barattu nan barbaada. Maqaan isaa Yesuus jedhama. Hundumarra caalaa immoo kan namatti tolu innis michuu kee ta’uuf baayyee barbaaduu isaati. Mee waayee michuu koo kanan sitti hima. Seenaa kana Kitaaba qulqulluu keessaa arganna. Kitaabni qulqulluun immoo dubbii Waaqayyoo waan ta’eef dubbii dhugaati.