Nageenya; nageenyi biyya keenyaaf, maatii keenyaaf akkasumas garaa fi sammuu keenyaaf eessaa argamaa? Iyyi cimaan kun bara baay’eef ni dhaga’ama, ammas akkuma addunyaan kun qorannaa gara garaatiin asiif achi soochootu akksumas akkuma soodaa adda addaatiin rukutamituun ittuma cimee deemaa jira. Iyyi kun iyya garaa/lubbuu keetiiti? Dheebuu fi jeequmsa yeroo ammaa keessatti, qabbana yeroo dheeraa si wajjiin jiraatu kan waan hunda caalu sana barbaaddaa?
Qorannoowwan daangaa hinqabne baay’een isaanii addunyaa kana bakka nageenyaa taasisuuf carraaqanii jiru,garuu iddoon gaarii fi haalli mijaawaan sun sirumaa jireenya walxaxaa fi kan hiikaa hinqabne godhaniiru. Bakka baay’etti namoonni waan akka gaarii jiraataan isaanitti fakkaata. garuu haala hamaa keessa jiru. Namoonni baay’ee yaadaan cinqamaa akkasumas dhiphachaa jiru. Fedhiin karaa, wabii/ittisa, gorsa, amantii/mirkansa argachuu gaafii hin qabu. Nu marti nageenya sammuu argachuu feena; sirritti barbaadnas.
Nageenyi sammuu durummaa guddaa dha. Qabeenyi kun addunyaa lola fi abdii dhabiinsa gara garaatiin raafamaa jirtu kana keessatti argamaa laata?
Baarbaachi ciminaan itti fufee jira.Namoonni laakkofsa hin qabne nageenya beekamummaa fi qabeenya keessa, gammachuu fi humna keessa, barumsaa fi beekkumsa keessa, walitti dhufeenyaa fi gaa’ila namootaa keessa barbaachaa jiru. Namoonni sammuu isaanii beekkumsaan, kiisii/qaraciitii isaanii ammo maallaqaan guuttachuu fedhu, garuu lubbuun isaan duwwaa jirti. Namoonni kaawwan waan dhugaa ta’e jalaa miliquuf jecha summii fi baala nama hadoochu keessatti dhokachuu yaalu, garuu nageenya hinargatan. Dalagni isaanii kun ittuma fufee akka isaan abdii kutataniif gocha hamaa keessa seenan isaan taasisa. Ammas isaan addunyaa jeeqamte kana keessatti sammuu jeeqame qabaatanii duwwaa fi kophaa jiru.
Namoonni baay’een wanta ilaalamuun/ijaan muldhatu barbaadutti ka’aniiru, garuu of keessa/gara keessaa ilaaluu irraanfataniiru. Waa’ee wanta yoo barbaadan irra gahanii sodaatinnuu laata? Waa’ee jeequmsa sammuu isaanii addunyaa jeeqamte kana ajiifatu.Qorichi dhugaa garuu garaama isaanii keessaa bahuu qaba.
Ilmi Namaa Dhiphinna Keessatti
Waaqayyo erga nama uumee booda akka inni nageenya, gammachuu fi tola dhuma hinqabne dhandhamatu iddoo bareeddu/eedan keessa isa kaa’e. Yeroo Aaddaamii fi Heewaan ajaja isaa cabsanitti garuu yakkaan qabaman. Dur akka Waaqayyo jidduu isaaniititti argamu fedhu turan; amma garuu sodaan fuula isaa duraa dhokatan. Yakkii fi sodaan nageenyaa fi gammachuu isaan dhandhamataa turan bakka bu’e. Addunyaanii fi sammuun jeeqame asirraa jalqabe.
Akkuma Addaamii fi Heewaanii atis yeroo walitti dhufeenyi kee Waaqa irraa addaan citu soda fi dhiphinni jireenya kee liqimsa. Yeroo addunyaa darbuuf jiru irratti xiyyeeffannaa gootu, addunyaa baduu fi tortoraa jiru keessatti wabii fi amantiin kee ni socho’a. Nageenyi kees ni boora’a.
Cubbuun namaa fi Waaqa addaan baase. “Nu hundumti keenya akka hoolootaa karaa irraa badnee turre, adduma addaanis kara-karaa ni gorre; Waaqayyo garuu yakka hundumaa keenya isa irra kaa’e” (Isa. 53:6). “Marti isaaniiyyuu cubbuu hojjataniiru, ulfinni Waaqayyoo isaani irraa hirdhateera” (Rom. 3:23). Yakki, sodaan, aariin, jibbiinsi, ufittummaan, akkasumas amalli diinummaa nama bakka jirutti weerareera. Isaan kunniinis dadhabbii fi doofofuu fidu.
Of jaalachuun hidda cubbuu ilma namaa kan ajajamuu dhiisuu waliin walqabatee dha. Ammas ittuma fufee si’illee gara karaa abdii kutachuutii fi gara gadda hammana hinjedhaminiitti si geessuuf jira. Fedhii fi yaada keetiin yoo ofittoo taate ati ni cinqamta, ni sodaattas. Akkuma of jaalachuutti fuftee deemtutti dhiphachuun kee ittuma fufaa deema.
Jireenyi Waaqarratti
Hundaa’e Nageenya Fida
Akka qixxalamaan jiruutti of ilaaluu dhiisiitii gara Waaqaa deebi’uu kaayyoo jireenya keetii godhi. Yoo jiruu kee keessatti Waaqaaf hin bitamnee haala xiqqaan kufta. Akkasumas afaan yaada hamaa, ofitti gadduu, sodaa, akksumas cinqamuu jalqabda. Waaqayyo jiruu kee keessa jiraannaan garuu jiruun kankee guutuu fi gammachiisaa ta’a. garaa/onnee Waaqatti irkate qofatu jireenya naga’aatii fi kan homaanuu hinsochoone qabaata.
Daawiit faarfataan akkana jedha, “Garaan kiyya hin shakku, yaa Waaqayyo! Garaan kiyya hin shakku; siif faarfadha, sagalee mi’a gara garaas ni dhageessisa” (Far. 57:7). Eenyumaa isaa hundaan Waaqatti amanee qabbana sammuu isaatiif ni gammada. Garaan keenna Waaqatti maxxannaan/irkannaan, jequmsa ala jiru keessatti nageenya sammuu arganna. Kitaabni Waaqaa kana ilaalchisee akkana jedha. “Nu karaa cufaan ni dhiibamna; garuu hin cabnu; ni burjaajoofna, garuu abdii hin kutannu” (2 Qor. 4:8).
Yesuus Kiristoos Abbaa Nageenyaa
Yesuus namoota mara gara shaakala hiika qabeessaa fi jiruu jijjiirameetti affeera. “Eegasiis Yesuus barattoota isaatiin, akkana jedhe, ‘Namni kamiyyuu yoo na hordofuu barbaade, inni ofisaa haa ganuu. Fannoo isaa baadhatees ana haa hordofuu’ ” (Mat. 16:24). “Kanaaf eenyullee yoo Kiristoos keessa jiraate inni uumama haaraadha; inni moofaan dabreera; kunoo inni haaroofni dhufeera” (2 Qor. 5:17). Affeerraa gara kiyya koottu jedhu kana fudhachuu barbaaddaa? Inni bakka dukkanaatti ifa, iddoo shakkiitti, amantii,iddoo lolaatti nageenya,iddoo gaddaatti gammachuu, iddoo abdii kutachuutti abdii, iddoo du’aatti jireenya namaa kennaatii.
Waaqayyo iruu/lubbuu namaa fedhii isa waliin walitti dhufeenya gochuuf barbaaduu wajjiin uume. Waaqayyo lubbuu jiraataa kan yeroo mara isa waliin walitti dhufeenya fedhu nama keessatti uume. “Borofni akkuma bishaan yaa’u argachuu yaadu, lubbuun kiyyas akkasuma si yaaddi, yaa Waaqayyo! Lubbuun kiyya Waaqayyoon Waaqa jiraataa akka bishaanii ni dheebootti; yoom dhufa, Waaqa kiyya durattis yoom argama!” (Far. 42:1-2). Waaqa jiraataa qofatu lubbuu kee quubsuu danda’a. Waa’ee kanaa sirritti beekuu qabda. Yoo Waaqa waliin nagaa hin qaabaatin ati ofii keetii nagaa hinargattu.
Lola Garaa Keenya Keessa Jiru
Lubbun keenya yoo Waaqa barbaaddeyyuu namummaan uumamaa keenya garuu karaa Waaqaa irraa fincila. Qaama keenya keessatti gamni tokko Waaqa barbaada, gamni kuun ammo fedhii foonii guutachuuf carraaqa. Garaan keenya dirree lola addaan hin cinneeti. Lolli garaa keessaa kun cimqamaa fi dadhabbii hinmadaalamne namarra geessa. Waaqaan alatti nu’u, “…akka galaana unkuramee, boqonnaa dhabuu, akka isa dhahaan isaa dhoqqee jalaa kaasee bishaan booreessuu ti” (Isa. 57:20).
Hanga jireenya guutuun jechuunis sammuun, qaamaa fi hafuuraan isaaf bitanmutti nageenyi jireenya keenya keessa jiraatuu hin danda’u. Inni Gooftaa biyya lafaa qofaa miti, jiruu keetii fi kiyya jalqabaa kaasee hanga dhumaatti sirritti beeka. Inni waa’ee keenya yaadee gara addunyaa kanaa dhufe. “Ifti kunis warra dukkana keessa jiranii fi warra gaaddidduu du'aa jala jiraniif akka ifa kennuuf; miilla keenyas karaa nagaa irra akka qajeelchuufi” (Luq. 1:79).
Yesuus mootii nageenyaa gara isaa si affeera. “Isin warri dadhabdan, warri ba'aan isinitti ulfaate hundinuus gara kiyya koottaa; anis isin boqochiisa” (Mat. 11:28). Yeroo gara isaa dhuftutti bilisa inni siif kennu irraa kan ka’e gargaarsaa fi bashannana argatta. Nageenyi kee akkuma lagaa ta’a yaa’ee hindhumu. Yeroo mara gammachuu haaraa fi ifaan guutame qabaatta (Isa. 48:18). Nageenya dangaa hinqabnes ni argatta. “Nageenyi Waaqaa kan hubannaa maraa ol ta'e sun karaa Kiristoos Yesuus iitiin qalbii fi yaada keessan ni eega” (Fil. 4:7). Ba’aa kee hunda isarratti gattee gara Yesuusii dhufuu barbaaddaa? Inni akkana jedha. “Ani nagaa isin biratti nan hambisa, nagaa kiyyas isiniif nan kenna; ani akka biyyi lafaa kennutti isiniif hin kennu; garaan keessan hin raafamin, hin sodaatinis” (Yoh. 14:27).
Amantii fi abdachuun qoricha sodaa fi dhiphinnaati.Waaqa bara baraaf jiraatu hiryaa /michuu yeroo tokkollee hin jijjiiramne, abbaa jaalalaa kan jaalalli isaa takkumaa hinduune amnachuun hangam boqonnaa namaaf kenninna laata? hiryaan/michuun kun yeroo hunda waa’ema keenya yaada; yeroo hundas nu tiksa. Kanaafuu maaliif sodaanna, maaltu nu dhiphisa? Akkuma 1 Phex. 5:7 dubbifnutti waan kana gochuu haa yaalluu. “Waan inni isinii yaaduuf, yaaddoo keessan hunda isa irra keewwadhaa.” Erga waraanni xumureen booddee nageenyi jira. Kannafuu jiruu kankee dabarsitee maaliif Gooftatti of hin kennitu ree? Kana beeki: yoo Waaqatti amante hincinqmtu; yoo cinqamte, Waaqatti hinamanne jeechuudha. “Isa garaan isaa cimsee si amanatu, sababii inni sitti of kennatuuf ati nagaa guutuudhaan ni eegda” (Isa. 26:3).
Nama jibbuun summii gammachuu sammuu keetii si jalaa hatuudha. Innis gara abdii kutachuutii fi hisannaa dhabiinsaa si geessa. Nama si yakkeef dhiifama godhuuf humna sidhabsiisa. Ati garuu ofii keetiif dhiifama argachuuf duraan dursitee dhiiifama gochuu qabda. “Yoo isin namootaaf yakka isaanii dhiisuu baattan garuu Abbaan keessanis akkasuma yakka keessan isiniif hin dhiisu” (Mat. 6:15). Akkuma amantiin guddataa deemtuun fedhii kankee Waaqaaf kennita. Bakka aarii fi jibbiinsaa garaan kee jaalalaa fi dhiifama gochuun guutama. Keessa keetittis nageenyi sitti dhaga’ama. Yoo Yesuus jiruu kee irratti moo’aa jiraate, ati diinoota kee jaalachuu jalqabda. Kun hundi karaa dhiiga Yesuus Kirsitoos kan baraaruu danda’u sanaan ta’a.
Cubbuu Himannee Dhiifama
Gaafannaan Nageenya Sammuu Arganna
Balleessaan kee kan durii sitti ulfaatee garaa kee cinqaa jira ta’a. kanrraas kan ka’e ati haala waan kanarraa addaan baatuun dhabdeerta ta’a. Gooftaan waa’ee kanaaf fala kenneera. “Kanaaf akka cubbuun keessan haqamuu fi akka barri haaroomaa Gooftaa biraa dhufuuf cubbuu irraa gara Waaqaatti deebi’aa” (H. Erg. 3:19). 1 Yoh. 1:9 ammo akkana jedha, “Nu yoo cubbuu keenya himanne, inni cubbuu keenya nuu dhiisuuf amanamaa fi qajeelaa dha; jallinna mara irraas nu qulqulleessa.” “Kanaaf, eega amantiin qajeelummaa argannee nu karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiitiin Waaqa waliin nagaa qabna” (Rom. 5:1).
Daawiiti mootichi faarfannaa isaa boqonnaa 23 keessatti haala inni ittiin Waaqatti amane ibsa. Nageenya Waaqa irraa argate sana haala ifa ta’een namootaaf ibsa. Nageenyii fi walitti dhufeenyi cimaan kun namoota gara Waaqaa deebi’aniif ta’a.
Faarfannaa Daawiiti Boqonnaa 23
Waaqayyo tiksee koo ti, ani homaa hin dhabu!
Inni akka ani marga lalisaa keessatti
boqodhu na taasisa,
gara laga itti hara galfataniittis na geessa;
inni lubbuu anatti ni deebisa,
maqaa isaatiif jedhee daandii
qajeelaa irra na adeemsisa.
Ani bowwaa dukkanaa’aa
sodaachisaa keessa yoo deemeyyuu,
hamaan anatti dhufa jedhee hin sodaadhu;
ati ana wojjiin jirta,
uleen keetii fi dhaabanni kee ana ni jajjabeessu.
Otuma worri na cunqursan ilaalan,
ati maaddii anaaf ni dhiyeessita
mataa kiyyas dhadhaa ejersaa ni dibda,
xoofoon kiyyas guutee irra ni dhangala’a;
eeyyee, bara jireenna kiyyaa mara
gaarummaan keetii fi arjummaan
kee ana duukaa ni bu’u;
guyyoota kana hundumaas
mana Waaqayyoo keessa nan jiraadha.
Ati tiksee kana beektaa? Isaatti amanuu barbaaddaa? Isaayyaas raajichi waa’ee tiksee kanaa akkana jedha. “Inni akka tikseetti hoolaa isaa ni tiksa, ilmoolees harka isaatiin walitti ni sassaaba, ceekutti isaan ni baata, haadhootii hoolootaa kanneen hoosisanis suuta jedhee ni oofa” (Isa 40:11). Joonjaayinna biyyaa lafaa kana keessaa bilisa taatee irree Waaqaa keessatti nagaan jiraachuu barbaaddaa? Cubbuu kee kan darbe isatti himachuu, qorumsa kee kan yeroo ammaas, akksuma ammo sodaa kee kan fulduraa isatti himattee ofii kankee gutumaan guututti isaaf kennitaa? Waaqayoo carraa kana siif kenneera. Murteessutu sirraa eegama.
Nageenya Yeroo Hundaa
Yoo garaa kee guutuun gara Gooftaa dhufte, dadhabbiin ati nageenya sammuu argachuuf gootu cufti deebii argata. Inni nageenyaa fi qabbana isa qofa biraa argamu sana siif kenna. Atis akkuma walaleessaa kanaa akkana jetta:
Bakka naggeenyi hin jirretti, ani nageenya beeka,
Bakka bubbeen hamaan bubbisutti, qabbana,
Bakka iccititti Gooftaa kiyya ilaalaa
Isa Waliin deemuu fedha.
-Raalf Spaaldiing Kuushmaan
Addunyaa jeeqamaa jirtu tana keessatti nageenya sammuu argachuu ni dandeessa. Balbala garaa keetii Yesuus iif bani-amumma bani-guyyaa tokko inni ammo balbala mana samii siif banaatii. Achittis nageenya daangaa hinqabnee fi hindhumanne dhandhamattaa tii.