Waayee kankee waan hunda kan beeku namni tokko akka jiru beektaa laata? Inni Waaqa isa guutuu addunyaa kanaafi kanneen isa keessa jiraatan hunda isaanii uume. Ilmi Waaqayyoo, Yesuusis waan ati erga dhalattee hojjette hunda ni beeka. Inni waan darbe, kan ammaafi kan fuula duraa hunda ni beeka. Inni waan baayyee si jaallatuuf cubbuu kee irraa si furuuf, si qulqulleessuuf gara biyya lafaa kana dhufe. Inni jireenya gammachuu akka argattuuf karoora siif qaba.
Gaaf tokko Yesuus bartoota isaa waliin karaa deema ture. Utuma adeemanii gara mandara Samaariyaa keessa jirtuu tokko gahan. Hamma hiriyoonni isaa gara mandaraa deemanii nyaata bitanii deebi’anitti boolla bishaanii tokko bira taa’ee boqotaa ture.
Utuma Yesuus boolla bishaanii sana cina taa’ee jiruus dubartiin Samaariyaa tokko bishaan boollaa sana waraabbachuu dhufte. Yesuusis “Bishaan dhugaatii anaaf kennuu dandeessaa maaloo?” jedhee dubartittii gaafate.
Yesuus bishaan dhugaatii ishee gaafachuusaatiin dubartittiinis baayyee dinqisiifattee. “Attamittiin ati yihuudii taatee, ana dubartii Samaariyaa bishaan dhugaatii gaafatta? Yihuudonni, warra Samaariyaa wajjin qodaa tokko keessaa akka hin dhugne hinbeektumoo?” jettee Yesuusiin gaafatte.
Yesuusis, deebiseefii, “Utuu kennaa waaqayyoo beektee, inni bishaan dhugaatii si kadhate kunis eenyu akka ta’e utuu hubattee, silaa situ kadhata ture, innimmoo bishaan yeroo hundumaa jiraatu siif nikenna ture,” jedhee deebiseef.
Dubartittiinis deebiftee, “Yaa Gooftaa ati hoo waan ittiin waraabdu hin qabdu, boollichimmoo gadi fagoodha, bishaan yeroo hunda jiraatu sana eessaa fiddaree?” jettee Yesuusiin gaafatte.
Yesuus immoo deebi’ee, “Warri bishaan boolla kanaa dhugan hundinuu deebi’anii ni dheebotu, bishaan isa ani siif kennuuf jiru kana yoo dhugde garuu bara baraan hin dheebottu,” jedheen.
Dubartittiinis deebitee, “Yaa Gooftaa, deebi’ee akkan hin dheebonneef, bishaan waraabbachuufis akkan deebi’ee as hin dhufneef, bishaan kana anaaf kenni,” jette.
Yesuus immoo, “Dhaqii abbaa manaa kee waamii kottu” jedheen.
Dubartittiinis deebiftee, “Ani abbaa manaa hinqabu,” jette.
Yesuusis “Isallee dhugaa keeti,” jedheen. “Abbaa warraa shan qabda turte, inni amma sii wajjin jiru abbaa warraa kee miti” jedheen.
Dubartittiinis, namni kun akkamiin waayee koo kana hunda beeka, jettee ofgaafatte. “Yaa gooftaa, akka ati raajii taate nan arga. Gaaffiin si gaafadha. Abbootiin koo dur bakka kanatti waaqa isaanii waaqeffatu ture. Isinimmoo bakki itti waaqayyoof sagadan Yeruusaalem ke‘essa jettu,” jette.
Yesuusis deebisee, “Bakki itti waaqayyoof sagadan baayyee kan nama yaaddeesu miti; amantoonni dhugaa, hardha bakka kamittiyyuu dhugaafi hafuuraan waaqayyo abbaadhaaf sagaduu danda’u.”
Dubartittiin deebiftee, “Masihiin inni Kiristoos jedhamu akka dhufu anuu beeka, inni gaafa dhufu waan hundumaa nutti hima,” jette.
Yesuusis deebisee, “Ani Masihicha,” ittiin jedhe.
Isheenis qodaa bishaaniishee achumatti gattee gara mandaraatti ol fiigdee, “Kottaa namicha waan ani kanaan dura hojjedhe hunda natti hime, ilaalaa, inni Kiristoos mitiiree?” jette.
Achiin boodas, namoonni mandarichaa hundi gara bakka Yesuus jiruutti bahanii Yesuusiin ilaaluuf dhufan. Waayee isaanii waan hunda waan inni beekeef namoonni baayyeen inni Kiristoos isa fayyisaa ta’uu isaa amanan. Seenaa kana Kitaaba qulqulluu keessaa Wangeela Yohaannis Boqonnaa 4 Lakkoofsa. 3-42tti jiru irraa dubbisuu dandeessu.
Yesuus waayee keenya waan hunda ni beeka, isa gaariis ta’e isa badaa. Nuti badii hojjenne hunda dhoksuu barbaanna, haata’u malee garuu Yesuus jalaa waan tokkollee dhoksuu hin dandeenyu. Inni adaba nuti cubbuu keenyaaf adabamuuf turre jalaa nubaraaruuf gara biyya lafaa dhufe.
Inni waan nutti ulfaate hunda nurraa kaasee nagaa nuuf kennuu danda’a. Inni cubbuu keenya nurraa kaasee gaafa duunu mootummaa waaqayyoo keessaa bakka jireenyaa akka qabaannuuf nuuf du’e.
Yesuus waan sibarbaachisu hundaafls ta’e gaaffiiwwan kee hundumaaf deebiidha. Inni michuukee ta’uu barbaada. Inni hir’uu jireenyakeetii siif guutuu barbaada. Inni sodaafi boqonnaa dhabuukee nagaafi boqonnaatti sii geeddaruu ni danda’a.
Yesuus “gara koo kottaa...anis nagaafi boqonnaan isiniif kennaa” jedha. (Wangeela Maatiwoos 11:28). Ati waaqayyoon kadhadhu, cubbuukees akka siif dhiisuuf qalbii geeddaradhu. Yesuus, gara jireenyakoo kottu jedhii kadhadhu. Yammuu ati amantiidhaan jireenyakee waaqayyo guddaa kanatti kennitu, innimmoo lapheekee keessa jiraachuu jalqaba. Jireenyakee keessa jiraachuun isaa gammachuu guddaa siif kenna. Innis jireenyakeetiif jabinaafi kaayyoo jireenyaa siif laata. Inni deebii gaaffiiwwan kee hundaa siif ta’a.