Sodaan Maalii?
Sodaan Waaqayyoo
Sodaan Fulduraa
Sodaan Kufaatii
Sodaan Gidiraa Arguu
Sodaan Du’aa
Sodaan Maal
Sodaan, diina dhokataa kan namoota umrii fi sanyii kamiyyuu qabaniifi kan adeemsa jireenya kamiiyyuu weeraruudha. Sodaan haxxee fi barbadeessaa yaada keenya kan summeessu, nagaa keessa keenyaa kan saamuu fi gammachuu jireenya keenyaa kan caldhisiisuudha. Sodaan naatuu, yaada’aa, rifataa, jeeqamaa, gaddaa fi dadhabaa nu taasisa; kun dhageentaa nama hin gammachiisne fi hin barbaadamne maaliiti!
Nu walitti bu’iinsaa fi jijjiirama, kufaatii fi dhiphinaa ni sodaanna. Namoonni tokko tokko dhukkubaa fi gidiraa arguu ni sodaatu. Namoonni kaan hubaatiin jaallan isaanii akka jalaa hin kufisne ni sodaatu. Namoonni gariin namoota kaanii fi ilaalcha isaanii ni sodaatu. Namoonni biroommoo dukkana yookaan kophaa ta’uu ni sodaatu. Namoonni baay’een du’uu fi waan hin beekkamne qunnamuu ni sodaatu. Kiristaannonni fayyuun isaanii abdachiisaa akka hin taane yookaan Waaqayyoo akka cubbuu isaanii hin dhiifneef kan sodaatan ni jiru. Isaan du’uu qofa hin sodaatani; jiraachuus ni sodaatu malee.
Sodaan suuta suutaa fi caldhisaan sammuu keenya keessa seenuudhaan akka dhiibbaa miidhamaa inni nutti fidu hin hubanne nu godha. Sodaan xinnooniyyuu akka coba halluu burcuqqoo bishaanii halluu waan hundaa ni balleessa. Yommuu lagnii qallaan soda kun dhaabbachuu baate, bo’oo yaada kallattii biraatti geeddaru ni kuta.
Jiruun walxaxaadha; addunyaan cimaadha; rakkoowwan bakkee garuu nageenya keessaa balleessuun irra hin jiru. Sodaa keessa keenya jiru qunnamuu qabna. yeroo fedhiin keenya akka malee barbaachisaan sun guuttamudhaabaate sodaan ni seena. Lubbuun keenya fakkaatii Waaqayyootiin uumamte; isattis ni boossi. Yommuu Waaqayyoorraa fagaannu jibba waan tokkotiin wantoota ulfaatoo fi sodaawwan akka nurra ga’an ni eegna.
Seexaanni bu’aa guutuu kan soda keenyaa ni fudhata. Carraa argate hundatti soda ittuma fufsiise caalmaattiyyuu dhugaa fi waan fudhatama qabu ni fakkeessa. Hanga biliisoomu abdii hundaa dhabnutti karaan keenya dukkana gara dukkanaatti geeddarama; ba’aan onnee keenyaas ulfaataadha gara ulfaataati geeddarama.
Seexanni dukkana keessa hojjata. Sababii “Waaqayyo ifa; dukkannis matumaa isa keessa hin jiru” (1 Yohaannis 1:5) ta’eef sexaanni ifa keessatti hojjachuu hin danda’u. Seexaanni dadhabinawwan keenya beeka; iddoowwan kaniiniittis yaadaa fi sodaawwan dhiyeessa. Inni dhugaa barbadeessuu fi kijibaan nu joonjeessuu barbaada. Yoo wantoota kanneen dukkana onnee keenyaa keessatti haguugne, hojii isaa hamaa kan abdii kutachiisuu fi sodaachisuu itti ni fufa. yoo nu ifaaf isa saaxille, inni injifatamuu fi humnoonni isaas duubatti deebifamuu ni danda’u.
Sodaa Waaqayyo
Beekumsa jireenya nama Waaqayyoon hin gammachiifnerraa madduun cubbuun akka sodaan nama fudhatu godha. Addaamii fi Hewaan yeroo akka ajaja Waaqayyo eeguu didanii muka bakka ashaakiltii jidduu jiru keessaa nyaatan Seexanni yaada dhiyeesseef injifatamuun isaanii guyyaa gaddisiisaa ture. isaan ajajamuu diduudhaan cubbuu hojjatan; eegasiis argama Waaqaa duraa dhoktaan. Galgaluma sana Waaqayyo isaan waame; Addaamis “Ani sagalee kee iddoo ashaakiltii keessatti dhaga’ee nan sodaadhe” (Uumama 3:10) jedhe. Dhalootawwan maratti Addaamiirraa kaasee, dhalli namaa hundi gaaddisa cubbuu kana jalaan dhufeera. Murtii Waaqayyo sodaachuun kun, yoo namticha gara cubbuu isaarraa deebi’uutti isa deebise, jireenya nama tokkoo keessatti humna gaarii ta’uu danda’a. “Sodaan Gooftaa jalqaba qaroomaati” (Faarsaa 111:10). Kun ulfinni baay’ifnee kennuu fi qabnuudha; kabaja nutti dhaga’amus. Nuti guddina Waaqayyo, qajeelummaa isaa, murtiiwwaan isaa, jaalala isaa araara isaa, qarooma isaa fi le’ii bara baraa isaa gartokkee agarra. Inni waan hunda beekaa, waan hunda danda’aa fi iddoo hundatti kan argamuudha. Jireenyi keenya guutummaan guututti harka isa keessa akka jiruu fi nutis akka uumama isaatti fuula isaa dura jirru hubanna. Waaqa akkanaa kana aarsuu ni sodaanna. Qajeelinni Waaqayyo warra cubbuu keessa jiraatan ibidda jaannamaatiif akka itti muru beekna; “Erga beekumsa dhugaa arganneen booddee yoo jaallanee cubbuu hojjanne, aarsaan si’achi cubbuudhaaf dhiyeeffamu hin jiraatu; murtii sodaachisaa eeggatuu fi dheekkamsa abiddaa kan mormitoota fixuutu jira maleetii” (Ibroota 10:26,27). Beekumsi kun cubbuu sodaachuu fida. Akkuma gara Waaqayyo akka michuu dhuunfaa keenyaa beekutti geenyeen cubbuurraa deebi’uun dhiifamaa fi ajajamuun soda Waaqayyootii fi jaalalaan kakaanee isa tajaajilla; kennaa fayyinaa raajessaa isaatiifis galata galfanna. “Jaalala keessa sodaan hin jiru; jaalalli mudaa hin qabne garuu soda alatti gata; sodaan cinqii qabaati. Namni sodaatu jaalalaan muda maleessa hin ta’u” (1 Yohaannis 4:18). Sodaan isaaf qabnu onnee keenya kan shororkeessu utuu hin ta’in, jaalala isaaf qabnurratti kan hundaa’edha. Yommuu soda kana guutumaan guututti jiruu keenya keessatti hojiirra oolchinutti sodaan kun sodawwan kaan hunda injifachuu danda’a. Yoos namoonni hedduun maaliif duumessi soda akka onnee isaanii ciniinuu, sammuu isaanii rakkisuu fi karaa jireenya isaanii gurraachessuu eeyyamaniif? Karaan Waaqayyoo karaa nagaatii fi amantiiti.
Seenaan mucaa dhiiraa xinnaa tokkoo isa yeroo halkan kophaa isaa deemu sodaatuu fi yeroo abbaan isaa isa cina deemuu fi harka isaa qabatu garuu sodaan hundi irraa bade dubbatameera. Sababii jaallatuu fi abbaa isaa abdatuuf, akka innis isa eegu beekuuf, dukkanni amma isa hin sodaachisu. Furtuun sodaarraa bilisanu taasisu kanadha. Abbaa keenya kan samii sirriitti beekuu barachuu qabna. Akkuma Waaqayyo beeknetti, jireenya keenyaaf guutumaan guututti isa abdanna; harka keenyas harka isaa miidhaan irra hin geenyeetti keewwata. Gaaffiiwwan sammuu keenya unkuranii fi kanneen jireenya gaddisiisanii abdii kutachuutti nu oofan of qabuun isatti dubbanna.
Fakkeenya Pheexiroos Ergamtichaa kan Yesuus akka suulaa dambalii galaanaa Galiilaarra deemuuf isa ajajee qabna. Pheexiroos hanga ijasaa Gooftaarraa kaasutti hin sodaanne; erga kaasee dambalii sodaan ilaaluu jalqabe. Eegasiis gad dhidhimuu eegale (Maatewos 14:24-31). Akkuma sodaarraa bahuu barbaannee abdii keenya Waaqayyoorra keenyetti, Hafurri isaa sagalee xinnaa hin jedhamneen nutti ni dubbata. Akkuma sodaawwan keenya caalaa gara Isaa ilaalletti dambalii nuuf tasgabbeessa. Inni eegasii gaaffiiwwan keenya kan wal dha’aniif deebii kennuu, shakkii keenya abdiin iddoo buusuu fi harka keenya harka Isaa namatti toluun qabuu danda’a. Nus ayyaana Isaatin, bu’aa sodaan laamsha’uu moo’uu dandeenya.
Sodaa Fuulduraa
Iccitiin hin beekkamne kan fuulduraa namoota tokko tokko yaadda’aa godha. Ganama ganama isaan guyyaa hin raajamnetti dammaqu. Isaan akkuma sammuun isaanii daandii dhiphoo dukkana kan manaama yaaddoon guutame sanaan dorgomaniin kanneen achiiho jedhanii itti qoxxisan quunnaman. “Waan hundumaatti kadhataa fi himataan galata wajjin gaaffiiwwan keessan Waaqayyoo duratti akka beekkaman godhaa malee; homaafuu hin cinqaminaa” (Filiphisiiyus 4:6). Waa’ee fulduraa harka Waaqayyotti imaanaa kennachuun ba’aa kan hin beekkamneef isatti harka kennachuu dandeenya. Mee yaalaatii ilaalaa!
Sababii jireenya isaaniitiif qajeelfama hin qabneef namoonni baay’een waan fuulduraa sodaatu. Garam akka deeman waan hin beekneef, isaan waan fulduratti ta’uu danda’u yaaduudhaan sodaatu. Waan fuldura jiru Waaqayyootu beeka; yoo akka Inni isaan hogganu dhiisaniif, jireenyi isaanii akka gara manaa seenutti ta’a maloo adeemsa kaayyoo hin qabne hin ta’u.
Waaqayyoo isaan waan hin beekkamne fuldurratti qunnamaniyyuu, warra isa abdataniif amanamaa akka ta’u waadaa seeneeraaf. Isin kana ni amantuu? Dambaliin hagam hammatuyyuu yookaan halkan dukkanaa’uyyuu yookaan gaarii ol dheeratuyyuu, inni keessan isin baasa.
Sodaa Kufaatii
Nuti hawwii milkaa’uu ni qabna; garuu akka of hin kufisne, maatii keenya in kufisnee fi jiruuyyuu hin kufisne sodaanna. Akka filmaata dogoggoraa hin gonee fi karoora dogoggoraa hojiirra hin oolchine sodaanna.
Waaqayyo Iyyaasun, “Jabaadhu; cimis; hin sodaatin; bakka deemtu hundatti Waaqayyo Gooftaan kee si wajjin jiraatii” (Iyyaasuu 1:9). Yommuu jireenya keenya qaleelfama Gooftichaa jala keewwanne, kufaatiiwwan dabran dhuma hin ta’an; isaan dhagoota gara milkaa’innaa ittiin cenu ta’an.
Gidiraa Arguu Sodaachuu
Hundi keenya yaada dhukkuba qaamaa, dhukkubbii ceephoo, waraansa kophummaatii fi gaddaa sodaannee duubatti dheessina. Waaqni gidiraa arguu hundarraa nu hin baraaruu; inni garuu ayyaana ittiin dandeenyee baanu ni dhiheessa. Inni rakkoolee keenya keessatti nagaa fi abdii waadaa seeneera. “Waaqayyo rakkoo ammayyuu jiru keessatti dahannoo fi jabeenya keenyadha. Kanaafuu nuti hin sodaannu” (Faarsaa 46:1,2). Nu yoo Gooftaa jaallane, gidiraa arguu keenya gaarummaa keenyaaf itti ni fayyadama. Gidiraa arguu keenya gaarummaa keenyaaf itti ni fayyadama. Gidiraa arguun carraa argama isaa beekuu fi humna Waaqayyoo kan nama ol qabu sana kenna. Gidiraa arguun gadi fageenya amalaatii fi garaa hubataas ni laata. Gidiraa arguun nu hojjachuu yookiin nu cabsuu danda’a. Kam haa nu ta’u?
Sodaa Du’aa
Du’a sodaachuun dhala namaatiif baay’ee baratamaadha. Nagaatti ta’i jechuun hoj-manee baay’ee nama dhukkubsuudha.
Nuti gara gaaffii dulloome qabannee dhufuutu nurra jira; “Namni yoo du’e, deebi’ee ni jiraataa?” (Iyyoob 14:14). Yesuus du’arraa nu baasuf dhufe (Ibroota 2:14, 15). Inni du’ee kan ka’e kanaaf; Inni kanaaf “Ani jiraataadhaati, isinis ni jiraattu” jedhee waadaa seena (Yohaannis 14:19). Isa wajjin, duuti balbala waan homaattuu hin ooletti fidu miti; balbala calaqisaa jireenya haaraatti nama galchuu malee. “Garaan keessan hin boora’in: … Mana Abbaa kootii keessa iddoo jireenyaa hedduutu jira: … Ani iddooisiniif qopheessuuf deema” (Yohaannis 14:1,2). Iddoon kun namoota qophaa’aniif iddoo qophaa’edha.
Isin qophooftanii? Jireenya cubbuu keessanirraa deebitaniirtuu? Cubbuurraa deebi’uun cubbuu dabarsinetti gaabbuu fida; jireenya moofaarraas deebi’udha. Yeroon dhumaa kan kadhataan gara Gooftaa ittiin dhuftanii fi balaa baattan, yaaddo keessaniifi soda keessan isatti kennatan yoom ture? Yesuus “Isin warri dhamaatanii fi ba’aan isinitti ulfaate hundi gara kiyya koottaa” (Maatewos 11:28). Afeerraa akkamiti! Abdii akkamitii!
Amanamummaan, haafura kadhataatiin, abdiidhaan kottu- nagaa sammuu ni argatta.
Kottu- jireenya boqqonnaatiin gammachuu akka argatte ni beekta.Waaqayyo akka ati Yesuus Kiristoosiin amanattu si affeera akkasumas bilisa, sodaa irraa bilisa sii godha. Kottu!