Har’a addunyaa kanarra namoota onneen isaanii cinqamtu baay’etu jira. Sababoonni cinqii kanaas baay’eedha. Sababa kamiifuu Waaqayyo rakkoo kana akka beekuufi dhaabatee onnee cinqamte hunda gara isaatti amantiidhaan yoo dhufte simachuudhaan nagaya isiif kennuudhaaf eegaa jira. Waaqayyo si jaalata, onnee kee keessas boqachuu fedha. Akka hiika dubbii kanaatti onnee namaa jechuun nama yookiin sima, waan ati hojjataa jirtuu fi waan onnee kee keessaa burqu jechuudha. Waaqayyo uumaan yeroo jalqabaatiif nama uumee gammachuudhaanis akka jiraatuu fi isa tajaajiluuf iddoo bareedaa eden gannat keessa kaaye. Booda immoo wanti karoora Waaqaa kana xureessu ni dhufe. Innis diinticha nuti seexana jennee yaamnu santu Waaqa jibba ture. Namni akka shakkuu fi waaqaafis hin ajajamne taasisa. Sababa kanaafis onneen namaa badummaa fi cubbuudhaanis kan guutamte turte tun hariiroo tokkos Waaqa wajjiin akka hin qabaanne taasise. Onneen isaas tan nama gowwoomsituufi garmalees badduu taate. (Erm. 17:9). Namnis Waaqarraa ni fooyame. Jaalala isaa guddaa irraa kan ka’e Waaqayyo ilma isaa gooftaa Yasuus Kiristoosiin cubbuu namaatiif akka du’uuf erge. Amma abdiin nama hundaaf kennameera. Waaqayyo onnee tokkoon tokkoon namootaa keessa qubachuu barbaada. Gaaf tokko warri fayyan isa wajjiin iddoo bareedaa inni keessa jiraatu kan Jaannata jedhamu jiraatu. Inni cubbuun bara baraaf akka achi hin seenne seera baase. Cubbuun yaada, ilaalcha, gochaa fi amantaa fedha Waaqaatiin faallaa ta’eedha. Kunniin onneen namaa akka xurooftu taasisu. Waaqayyo qaama alaa qofa osoo hin taane keessa onnee namaas ni ilaala.
Wanti isa jalaa dhokatu tokkos hin jiru. Namni hundis aagiidhaan gara isaa akka dhufus ni ajaja. (H. Erg. 17:30). Namni ajaja kana hin fudhanne gara ibidda bara baraa azaaba jedhamuutti ni darbatama. (Mat. 25:41). Cubbuu keenna aagefachuu fi irraa deebi’uudhaan akka nuuf dhiifamu gochuu qabna.
Kana yoo goone Waaqayyo gara keessa onnee namaa seenee nama jajjabeessa, ni qajeelcha, xumura jireenya lafa kanaa irrattis Waaqayyo gara isaatti nu fudhata.
Onnee Cubbamtuu
Onneen akkanaa seera beektota addunyaa kanaatiin kan bultuudha. Kana gochuudhaanis jiruu nama cubbamaa kanaa hafuura hamaadhaan too’ata. Hafuura hamaa kan jedhaman lamatu jira. Isaanis of tuulummaa fi of jaalachuudha. Ibsa kana keessatti seexana jidduu onnee akkanaa argita. Simbirroon pikook jedhamtu, leenci, booyyeen, boftii fi bineensonni biroo kan bakka bu’an: of tuulummaa, tuffii, xuraa’ummaa, fi hafuura hamaa onnee nama cubbamaa keessa jiru bakka bu’a. Wanti gaariin onneen kun burqisiisus Waaqa biratti fudhatama hin qabu. Sababni isaas of tuulummaa fi kabaja dhuunfaatiin waan mirqaanuuf. Onnee kana keessatti cubbuuwwan akka dhugaatii dhuguu bu’aan isaa qaanii fi araara of keessaa dhabuudha. Dharraa lafaatiinis kan guutamteefi waan hamaa kan dubbattuudha. (Fak. 23:29-33). Barmaatileen akka tamboo xuuxuu fa’a onnee Waaqayyo akka mana qulqullummaatti keessa jiraatu kana ni xureessu. (1 Qor. 3:16-17). Fedhiin namummaa, gaarummaan akka dhuunfaatti onneen namaa burqisiiftus Waaqa afotti fudhatama hin qabu. Dhuganii machaa’uun, araara dhabuu fi qaaniidhaan guutamuun bu’aa onnee kanaati. Dharraa lafaa fi waan hamaa dubbachuudhaanis ni beekamti. (Fak. 29:29-33). Hawwiin foonii, hamaa yaaduunii fi sagaagalummaa fa’a of keessaa qaba. Yasuus ijaan laalaniituu dubartii hawwuun sagaagalummaadha jedha. (Mat. 5:28). Kun immoo jiruun nama cubbamaa qaanii keessaa kan hin baane ta’uu ibsa.
Sirbuu, sinimaa ilaaluu, tiyaatiraa fi barreeffamoonni adda addaa dharraa onnee cubbamootaa sooru. Namni qaama ofii xureessu ofirratti cubbuu labsa. (1 Qor. 6:18). Humnaa ol nyaachuun machaa’uu faana wal qixa akka ta’e seera kakuu moofaa keessatti akka cubbuu hamaatti ibsame. (Kes. Deb. 21:18-21). Tamboon dhugaatiin alkoolii, qorsi aadaa, hashiishii fi kkf onnee akkanaa ni dhuunfatu. Kanniin keessaa muraasni sammuu miidhuu qofa osoo hin taane qaamaa fi lubbuus balleessuu danda’u. Qumaara taphachuun hatuun, sobuunii fi gowwoomsuu bu’aan isaa cabiinsa onneeti. Cubbuuwwan kunniin haala adda addaatiin ibsamu. “Eennus kana ni raawwata” jedhanii gadi xiqqeessanii ilaaluudhaan, “kun marti dogoggoraa miti yookiin kun nama kamiinuu hin hubu, abbaan fedhes kana ni raawwata” fa’a jechuudhaan.
Waan nama biroo dharra’uun sammuu namaa huba. Qabeenya nama biroo dhuunfachuu nama dharraasisa, waan itti hin dadhabne gama seeraa fi seeraan alaatiinis akka yaalan nama taasisa. Gochaan Waaqaan faallaa kamiiyyuu qabeenya lafaa kuufachuu irratti hundaa’a. Haalli kun amala namicha sooressa kitaaba (Luq. 16:19-31). Namichi kun ija isaa banatee gara gaaraa ilaalaa arraba isaa goge jiifachuudhaaf copha bishaanii kadhachaa ture. Gowwummaa dhibaa’ummaa fi kkf cubbuu onnee akkanaa keessatti argamuudha. Hojii jibbuu fi ceemphuun akkasumas amanamummaadhaan hojjachuu dhabuudhaan kan nama biroo hawwuun amala isaati. (Fak. 21:25-26). Humni qoricha namatti gochuu, waan hin taane raaguun, waa’ee fuulduraa sobaan tilmaamuu fi kan biroos wantoota onnee nama cubbamaa masakkaniidha.
Waaqayyo wantoota maddi isaanii seexana ta’e kamiinuu ni morma. Sababni isaas wantoonni kun cubbamaa ni miidhu malee hin fayyadani. Bu’aan isaaniis gowwoomsaa fi jeequmsa hammeessuudha. (Isa. 47:12-15). Dheekkamuu irraa of dhoorgi, inni waan gara hamaa hojjachuutti si geessuuf hin aarin. (Far. 37:8) Cubbuu kanniin akka of keessaa baafnu nu ajaja. Ta’us onneen cubbamootaa of jaalattuudha. Yeroodhaaf hafuura hammeenyaa kana of keesstti qabachuu dandeetti. Kun immoo yeroo dhiyotti gara Badiinsaatti geessa. Wanti kanarraa argamus gadda, caba onnee, dhukkubbii fi du’a fa’a. Hinaaffaa fi dheekkamsi onnee kana dhuunfate abbicha bira darbee garaa nama biroos hammeessuu danda’a. Of tuulummaan sammuu isaa fokkisaa fi onnee duwwaa of tuuluun hordoftoota isaatiif ilaalcha gadaanaa qabaachuu malee waan gaarii hawwuun hin jiru. Midhaagina addunyaa qarshiin, meeshaalee adda addaa qabaachuun, kabajni dhuunfaa, nama baay’eedhaan beekamuun, hundaa olitti of ilaaluun, ofumaan qulqulluudha ofiin jechuunii fi mirga dhuunfaa akka qabanitti of ilaaluun ibsitoota nama onnee cubbamtuu qabuuti. Salphamatti aaruun, an maaf kabaja dhaba jechuudhaan of guddisuunii fi kkf kanuma ibsu. Of tuulummaan, firoomaan wal tajaajiluun, maatii ofiif qofa waan gaarii hawwuun, taayitaa dharra’uun ol of guguddisuun, tuffii fi waan barreeffame xiqqeessanii ilaaluun bira darbee hanga of sirreessuu dadhabuutti nama deemsisa. Of tuulummaan bara baraaf mana samiitii kan darbatame yoo ta’u, deebi’ee balbala san gayuus hin danda’u. Waaqayyo ilaalchuma of tuulummaatuu ni jibba. (Fak. 6:16-17). Ka’umsi isaa seexana yoo ta’u, ga’umsi isaa immoo ibidda bara baraati. Of tuulummaan kufaatii duursa. (Fak. 16:18). Waaqayyo haala kamiinuu of tuulummaa ni jibba ni mormas. Garuu warra gad of diqqeessaniif araara ni kenna. (1 Phe. 5:5), warri sobduun, kan of hin argine, yaanni garaa isaaniis gubatee mallattoo seexanaa godhate kun jara kana wollaalchisanii gara galchaniiru. (1 Xim. 4:2). Ta’us kan achuma turu yoo ta’e cadheensa keessa yeroo muraasa booda itti ni murtaa’a.
Kuni yakkaa fi soda fida. Kun labsii waaqayyoo kan namni hundi akka gara murtee dhufu ibsuudha. Lubbuun cubbuu hojjatte ni duuti. (Hisq. 18:4). Onneen cubbamtuun karaa dogoggorsuutiin, tuffiitiin, gowwummaatiinis ifumaan jaalala Waaqayyoo mormu of jajjabeessuudhaanis ummata lakkoofsaan heddu ta’e gara badii bara baraatti geessa. Gara fuula duraatti cubbuu hojjachuu fi waa’ee isaa yaaduudhaan gammadu yookiin garbummaa jalatti kufu. Waan hin amanneefis macaafa qulqulluu irraa gara galuudhaan gara adabbiitti deemu. Seexanni araara maleessi ija isaa dhugaa irraa jaamseera. Onnee dubbii waaqaaf dhiyoo taates gara hin taanetti masakka. Heewwan akka Waaqa shakkituufis “Waaqayyo kana jedheeraa”? Jedhee gaafate. Waaqayyo itti fufee onnee tanatti dubbate. Sababa addunyaa tana jaalatuuf jechuudha. Kanaaf tokkicha ilma isaa kennuudhaan kan isatti amane hundi hin badu jireenya bara baraa argata. (Yoh. 3:16).
Eeyyen onnee cinqamte Waaqayyo yaamaa jira. “Kan gara koo dhufu hundumaa of irraa hin ari’u.” (Yoh. 6:37). Abbaan koo kan anaaf kennu hundinuu gara koo hin dhufa isa gara koo dhufus an of irraa hin ari’u.
Irraa Deebi`uu Fi Aagii Galuu
Cubbamaan onnee aagii of keessaa qabu jaalalaa fi murtee Waaqaatiif deebii kennuu eegala. Hafuurri qulqulluun akka inni cubbuu irraa deebi’uuf akka murteeffatu isa gargaara. Cubbamaan gara yesuusii akka ilaaluu fi fayyina argatu taasisa. Cubbamtichi kadhannaadhaan gara teessoo araaraatti qajeela.
Kanas kan godhu afaaniin qofa osoo hin taane booyichaa fi gaabbii guddaadhaan lubbuu isaatiif dhimmeeti. Fuula isaa irraallee garbummaa fi dhiphina isarra gayaa turerraa bilisoomutu mudhata. Waandhi ardii fi samiis haala kana argeera. Booyicha gargaarsaaf taasifamu ni dhagaya, ni deebisas. (Ba’u. 3:7). Araara Waaqa uumaa irraa kan ka’e onneen ifaa fi hubannaa argatti. Ifti kunis cubbuu ofii akka agartuuf gama dubbii Waaqaa hubachuudhaanii fi amantiidhaan fudhachuudhaan ta’a. Dhiphinnii fi rakkoon guddaan dur onnee tana keessa tureera. Onneen cubbuudhaan guutamte Waaqa afotti hamtuu taatee beekamti. Innis waan barbaachisu hubatee adabbii Waaqaa isa eeggatu jalaa bayuun barbaachisaa ta’uu hubateera. Sababa an gowwoonfameef madaan koo foolii foolii jedhe, ni mala’es. (Far. 38:5). Akka nama hidhameettis ni booya. (H. Erg. 16:30). Jaalatamtoota, fayyuudhaaf dirqama maal gochuu qaba? Akkuma gadda onnee isaa beekeen waaqayyo booyicha isaa dhagayee cubbamatti araara mudhise. (Luq. 8:13). Jechi Waaqaa cubbuu namarraa haqee abdii namaa kenna. Akka ifaatti onnee dukkanooftuu cabsee keessa seena.
Iftii fi aangoon Waaqa jiraataa seexana oftuulummaa, badummaa fi hafuura xuraa’aa onnee isaa keessaa baasa. Seexanni badummaa isaatiin hafuura qulqulluudhaan ni morma. Onnee cubbamtuu keessa dhokachuudhaanis cubbuun ija Waaqaa duratti akka hin mudhanne dhossuufis ni yaala. Onneen akkanaa hanguma harka jaalala Yasuus fayyisaa jala galuudhaaf fedhii burqisiiftu tasuma fannoo baachuudhaaf fedhii horatti. Qaanii kophummaa keessaa bayuudhaan gara jaalala guddaa sanaa dhufti. Kanneen ilma Waaqaa qabanii fannisan, worananii fi dhiigsan, uffata isaas irraa fudhatan ni qaana’an, ni gaabban. Inni addunyaa kana ilaaluudhaaf hundaa olitti ol kaafame. Cubbu maleessaa fi qulqulluudhas ture. Hattoota jiddutti fannifame. Ofii isaa garuu mudaa tokkos hin qabu ture. Cubbamoonni sunis jecha isaa fannoo irraa dhagayan.
Kunis “abbaa koo waan godhan hin beekan waan ta’eef isaaniif dhiisi” kan jedhu ture. (Luq. 23:34). Onneen aagii galte takka immoo booyaa “ani namicha kanarratti hanqina tokkos hin argine” jette. Kun cubbuu kooti, onnee koo badduu tana du’aa fi dheekkamsa bara baraa isii barbaachisa. Inni akkamitti anaaf jedhee du’a? Inni nuuf jedhee madaa’e. Foon isaas nuuf jedhee cite. Nageenyi keenyas isaan ta’e. Madaa’uu isaa kanaanis nuti fayyine. (Isa. 53:5). Hafuurri qulqulluunis nutti hasaasuudhaan nu jajjabeessa. Cubbuun kee rakkachuu fi du’uu tokkicha ilma waaqaatiin siif dhiifameera. Kana hundumaa harka koottu hojjate. Hundinuus akkasuma ta’e. Ani garaa isa gadi deebi’aa fi hafuura cabaa, isa yemmuu an dubbadhu hollatuu nan ilaala. (Isa. 66:2) jajjabinni onnee miidhamteef kennamu, keessattuu gadda guddaa keessa kan seenteef miila fannoo isaa jala dhiyaatutu ta’aafi. Jechi seexanaa cabeera. Onneen haaroftis uumamteerti. Nageenyillee samii irraa waaqa abbaadhaan kennameera.
Onnee Haarawa
Kanaafuu kana booda abaarsi worra gara Yasuus Kiristoos dhufanirra gayu hin jiru. Kan fedha foonii duukaa bu’an osoo hin taane fedha hafuura qulqulluu duukaa kan bu’an (Rom. 8:1). Nageenyi amansiisaan kennameera, jiruunis jiruu cubbuu irraa gara jiruu qulqullummaatti jijjiirameera.
Dabarsanii of kennuun ta’eera. Haarawoomuunis uumameera. Onneenis addunyaa tanaa fi fedha ishii irraa fannifamteerti. (Gal. 6:14). Hafuurri dhugaa sun yoo dhufu gara dhugaa hundumaatti isin masakka. Inni waan dhagaye dubbata malee of keessaa fuudhee hin dubbatu. Waan dhufuuf jirus isinitti mudhisa. (Yoh. 16:14). Akka daa’imman reefuu dhalatan aannan barbaadanitti isinis fayyinaa fi ittiin guddachuudhaafis yeroo hundaa dubbii hafuuraa badummaan keessa hin jirre san akka aannanii dharra’aa. (1 Phe. 2:2) firiin hafuura qulqulluu jaalalaa, gammachuu, nagaya, obsa, gaarummaa, of dhoorguudhas. Eegaa seerri isaan kanaan mormu hin jiru. (Gal. 5:22-23). Akkuma hoolonni tisseedhaan geggeeffamtu onneen haaroftis bishaan jireenyaa wajjiin geggeeffamti. (Far. 23). Gaarummaan hafuura qulqulluu irraa dhufu ajajamuu fi ajajamuu dhabuu addaan baasee onnee haarawa dhalattetti jiruu isaa fi hojjattoota isaatti mudhisa. Haa ta’uu malee hundeen Waaqayyo kaaye jabaatee ni dhaabata. Mallattoo gooftichi warra isaaf kaa’es ni beeka. Kana malees namni goofticha maqaa dhayatu jallina irraa haa deebi’uu jedhus ni qabaata. (2 Xim. 2:19). Kanarraas jallina irraa haa deebi’uu jedhus ni qabaata. (2 Xim. 2:19). Kanarraas ni deebi’a. Dubbii Waaqaas ni qu’ata. Qulqullummaan bilisummaa isaa faana dhufa. Nuti garuu ofii keennaa waan arginee fi dhageenne himuu hin dhiifnu. (H. Erg. 4:20).
Onneen haarofti tun kan argitu itti fufiinsaan qulqullaa’uu, kadhachuu, faarfannaadhaan “Waaqa koo keessa koo sakatta’i, onnee koos beeki, anas yaali, yaada koos beeki, cubbuun keessa koo jiraachuus ilaali.” (Far. 139:23-24). Damee osoo anatti jiru ija hin godhanne hundumaa ni mura. Damee ija godhatu hundumaa garuu caalchisee akka ija godhatuuf irraa nan gamasha. (Yoh. 15:2). Hojii qulqullummaa ni agarsiisa. Kiristoosiin ala woma tokkos gochuu akka hin dandeenne beekuudhaani. Gooftichi isaa kan fannifamee fi du’aa ka’e yeroo hunda isa afoo jiraata. Ol kaafamees ni mudhata. Hundeen gammachuu isaa Kiristoos. Nama isa gammachiisu hundumaaf jireenna haarawa ni kenna. Onneen akkanaa humna Waaqaa irratti amanamummaa qabdi. Yasuus “Hoolonni koo sagalee koo ni dhagayu, anis isaan ni beeka, isaanis na hordofu. Ani jireenna bara baraa isaaniif ni kenna. Isaan gonkumaa hin badan. Eennus harka koo keessaa isaan baasuu hin danda’u.” Jedhe. (Yoh. 10:27-28). Inni hamma danda’ameen itti fufiinsaan tiksicha dhagayuu fi hordofu badii jalaa ni oola. Seexannis harka Waaqaa keessaa isa baasuu hin danda’u. Akka kadhatuu fi Waaqa eeggatus qajeelfamni kennameeraafi. Sababni isaas seexanni dharraa fi fedhii isaa saniin isa qoruu waan danda’uuf. Yeroo tokko tokko seexanni akka leencaa aadaa humna isaa injifachuuf gara isaa dhufa. Yeroo tokko akka maleeykaa ifaatti isa xiqqeessuu fedha. Kanarratti seexana duukaa buunaan seexantichi akka inni tiksicha harkaa bayu taasisa.
Kaayyoon seexanaa hatuu, ajjeesuu fi barbadeessuudha. Ta’us hammuma onneen tun Waaqaaf of kennitu diinticha ofirraa ittifti. Seexantichis ni dheessa. Onneen tunis hammuma sagalee tiksichaa dhagayaa deemtuu fi hordoftu nagayaanis jiraatti.
Onnee Gara Duubaa Mucucaattee Fi Xumura Ishii
Onnee akkanaa gadda guddaa suuta suutaan sababa soba seexanaatiin, cubbuutiin, dhimma dhabuu fi tuffiidhaan qabamtee hafuura araaraatiin addaan bayuu jalqabdi. Seexannii fi hafuurri cubbuu dur sababa Waaqa waliin jiruuf irraa dhoorgamaa ture bifa badummaa isaatiin itti deebi’a. Araarri Waaqaa tasgabbii qabu bifa kuukurruu fi hoolaatiin ibsama. Onneen tun garuu Fayyisaa irraa duuba deebi’uudhaan waadaa dhuunfaa jiruu baraa baraa dura argatterraa adda baati.
Kiristaanni amanamaa fi ajajamaan kan ciminaan Waaqa eeggatu jiruu isaatiin mudhisa. Obboloowwan hafuuraas onnee gara duubaa deebiteef bifa akeekkachiisaatiin ni kadhatuuf. Kan raftee jirtu dammaqi. (Efe. 5:14). Kan jedhu yaamicha hafuurri qulquluun irra deddeebi’ee taasisuudha. Onneen gara duubaa deebite garuu hirribaa hin dammaqne. Siree namni dur Waaqa beeku kun irra ciiseeru kana seexanni harka isaatiin qabee olii gadi sosochoosuudhaan akka inni hirribaa hin kaaneef sossobaa jira. Addunyaa tanaaf dhiphachuudhaan, yaada badhaadhinaatiin gowwoonfamuudhan, dharraa dargaggummaa hamaadhaanii fi maaltu na dhibe jechuudhaan, kadhannaa
Waaqaa fi qo’annaa dubbii Waaqaa dhiisuudhaan bifa hamaa ta’een jechoota sobaan guutamanii fi nama gowwoomsan kan faayidaa hin qabne keessa galu. Onneen tun gara jalqabaa jireenni Kiristaanummaa isaa alarraa yoo laalamu sirrii Fakaata. Mana sagadaa ni deema. Qo’annaa macaafa qulqulluu irrattis hirmaatee yaada ni kenna. Kadhannaa duwwaa ta’e kadhachuudhaafis ni jilbiinfata. Darbee darbees raga bayuu ni danda’a. Suuta suutaan garuu maalnadhibdee fi of tuulummaadhaan cubbuun onnee tana faalee akka of wollaaltu godha. Kana booda obboloowwan hafuuraa caalaa obboleeyyii biyya lafaa filachaa deema. Amaloonnii fi bashannanni bu’aa hin qabne akkasumas barsiifanni addunyaa kanaa fuula isaa naannessa. Haasawaa fi taphni bu’aa hin qabne baay’ataa dhufu. Yaadqalbiin tanaan dura qulqulluu ture amma duwwaa ta’ee waan hadooduuf sagalee lolfataa (gorfataa) salphatti dhagayuuf itti cimaa deema. Kanarraa kan ka’e cubbuudhaan salphatti gammaduu danda’a. Hadhaan, hinaafuun, kanneen biroo jibbuun, namoota miidhuu fi dhiifama gochuu dhabuudhaan cubbuun kun deebi’ee onnee tana too’annoo jala yoo oolchu.
Namichi kun dhiibbaa hafuura oftuulummaa keessatti kufuu isaatiif kunniin ragaadha. Onnee tanaan dura qulqulluu turte cubbuun durii, hawwiinii fi barteewwan foonii ni dhaalu. Onneen gara duubaa deebi’e qulqullummaa dhuunfaatiin gowwoonfamee “yaa Waaqayyo ani akka nama biroo waan hin taaneef si galatoonfadha” (Luq. 18:11) jedhee yoo kadhatu ni dhagayama ta’a. Karaa addunyaa kanaa jaalatee itti deebi’uu isaatiin Kiristoosiin akka waan hin Beenne akka onnee isa hin fudhanneetti kan badu ta’a. Tiksichi garuu waa’ee onnee badde tanaa ni yaadda’a. Halkaniin hoolota yoo too’atu hoolaan tokko akka deebitee hin gallee fi akka badde laalaa ture. Jaalalli isaa akka inni cadhisu waan hin dandeessifneef hoolattii osoo jirtu badde sana barbaaduudhaaf ni ka’a. “dhiiga koo siif jedhee dhangalaaseera waan ta’eef koottuu deebi’i” jedhee ni yaama. Onnee gara duubaa deebiteef fannoon arrabsoo ta’a. Yaanni mataa ofii waakkachuu jedhus ni irraanfatama. Karaan ijoollee Waaqaa fi tokkummaan kan bu’aa hin qabnee fi wallaalummaa itti ta’a. Haa ta’uu malee hafuurri isaa fi idaayyichi “koottu” jedhu. (Mul. 22:17). Onneen tun adabbiin harka Waaqaa karaa adda addaatiin yoo itti dhagayames gaabbitee aagii galuu caalaa yaaddoodhaan guutamti. Qulqullummaa Yasuus Kiristoosiin amanuudhaan argamu qulqullummaa dhuunfaa fi sababootaan bakka buufti. Kan hin jijjiiramnee fi tiksoonni sobaa cubbuun onnee tana keessa mijeeffatee akkasumas qanani’ee akka jiraatu waan sossobaniif gara duubaa deebi’ee shaakaluu fi cubbuu duraa irraa bilisa ta’uudhaaf fedhii hin qabaatu. Bayanii kan turan hafuuronni xuraa’oon gara mana isaanii isa duraa deebi’anii iddoo sanas ni too’atu. Kana booda deemee isa caalaa hamoo kan ta’an hafuurota hamoo biraa torba isa wajjiin qabatee seenaniis achi ni jiraatu. Kanaafis nama kan durii caalaa kan boodaa itti ni hammaata. (Luq. 11:26) egaa onneen haala kana keessa jirtu akkam kan nama gaddisiiftuudha.
Yeroo tokkoon dhuunfachuuf kan turan cubbuuwwanii fi barteewwan adeemsa yeroo keessa gammachiisaa ta’uun isaa badaa deema. Durummaan Waaqaa immoo onnee tana aagiidhaan akka deebituuf yaamicha addaan hin kutu. Yaa dubbisaa isa gara boodaa deebite, onnee kee keessatti “ka’ee gara abbaa kootii nan deema, yaa abbaa koo samii fi afoo keetittis si yakkeera (Luq. 15:18)” jedhii deebi’i. Guyyaan fayyinaa hadha waan ta’eef gara fayyinaatti hadhuma daddafii deebi’i. “harka Waaqa jiraataa irraa kufuun kan nama sodaachisuudha” (Ibr. 10:31) onnee kee hin gossin. Karaa Yasuus Kiristoosiin dhiifamsa Waaqaa ibsame akka salphatti hin ilaalin. Balballi araaraa banaa ta’ee osoo jiru kennaa fayyinaa fudhachuudhaaf ariifadhu. Yeroon ni ariifata. Onneen cubbamtuun gara du’aatti dhiyaataa jirti. Qaamni dhibeedhaan dhayamee onneen sodaadhaan guutamteerti. Qabeenyi kuufamaan yoo jiraates yeroo kana faayidaa hin qabu. Hiriyoonni yeroo badhaadhinaa turan sun tokkos amma hin jiran. Gadaannifni cubbuu komiidhaan hordofamee dhufeera. Bara baraaf kan jiraatan seeronni Waaqaa kurnan yeroo du’aatti ifaan ifatti dubbatu. Sagaleen Waaqayyoos yeroo xumuraatiif “haafuurri koo namarra bara baraan hin jiraatu” (Uma. 6:3) jedhee dubbata. Hafuurri Waaqaa gara warra lubbuudhaan jiratanii deebi’ee xumurarratti sagalee raga bahumsaa “egaa gatiin cubbuu du’a” jedha. Yeroo onneen cubbamtuun duutu daqiiqota gara dhumaa san arguun jibbisiisaadha. Abdii fi fayyisaa akkasumas ifa kan qabdu abdii kan kutattee fi dukkanaan guutamte taati. Booyichi, ilkaan waliin riguu fi ibiddi bara baraa isii eeggata. (Mat. 13:42). Murteen sukkaneessaan kun cubbamoota aagii hin gallee fi onnee gara duubaatti deebite hunda eeggata.
Namoonni al tokko du’uuf kaayamaniiru. Sana booda murteetti dhiyaatu. (Ibr. 9:27).
Onneen Mooyicha Argatte Gara Manaa Yoo Deebitu
Tun onnee mooyicha karoorfatteedha. Kaayyoon ishii hundi gara mootummaa fi ulfinna Waaqayyo itti yaamuutti jiraachuudha. (1 Tas. 2:12) namni Waaqaa kun jireenya isaa jijjiiruu kan danda’u dhaloota haarawa humna qabu. Yeroo mara jireenya isaatti ba’aa kan ta’uu fi dafee cubbuu isa marsu of irraa dhoorgaa mataa amantii fi raawwataa kan ta’e Yasuusiin ilaalaa fiigicha fuuldura isaa jiru obsaan ni fiiga. Seexanni aariidhaan onnee nama kanaa yoo hordofes namni kun garuu humna Waaqaatiin waan eegamuuf (1 Phe. 1:5) Kiristaana nagayaa fi fayyummaadhaan eegameedha. Rakkoo fi yaaddoon gara garaa yeroo ofii eeganii gara onnee nama kanaa ni dhufu. Namni Waaqaa kun hiriyootaan akka jibbamuu fi fudhatama dhabu, hiriyoonni dhiyoonis osoo hin hafin ariisaa kan irraan gayan yoo ta’es keessa darbuu danda’a. Yeroo tokko tokko fannoo fi dhiphina Kiristoos isarraa buusanii kuffisuufis ni yaalu. Mijaa’inni daandii badhaa, gammachuu fi tolli gara ijaa fi gurra nama deemsa qulqulluu irra jiru kanaa ni dhufu. Foon mijaa’ina barbaadus gaaffii bilisummaa ni dhageessisa.
Seexanni hidhaa onneen tun milixxee baate irraanfatee hawwii fi cubuudhaan guutamee kan ture jireenya bara durii duuba deebi’ee akka ilaalu affeerraa dhiyeessa. Hafuurri qulqulluun garuu “eennullee dongoraa qabatee osoo qotu gara duubaa yoo ilaale mootummaa Waaqaatiif gahaa miti” (Luq. 9:62) jechuudhaan of eeggannoo kenna. Tiksichi onnee tana hoolota keessaa akka takkaatti iddoo lalisaa fi bishaan boqonnaatti geessa. Onneen tun qormaata gara garaa fi rakkoolee ittiin marfamte keessaa tiksichaan gara iddoo boqonnaa kanaatti qajeelfamaa yeroo baay’ee lubbuun akka itti deebitu ta’eera. (Far. 23). Diinota fuulduratti maaddii ishiif qopha’e irratti diinota akka jaalattuu fi waan hamaadhaan ishii ari’aa kan turaniifis akka kadhattu ishii dandeessisa. (Mat. 5:44). Onneen tun jireenya bara baraa kan fudhatte mormii kamiifuu kan hin dhiyeessinee fi hawwiin ishii kan dhumaa Yasuusiin arguu qofa kan ta’eedha. Barnoonni qulqulluu fi fayya qabeessa ta’e jireenya qulqullummaa waliin kan keessa jiraatu cuuphaa bishaanii macaafa qulqulluu irratti hundaaye kan of keessaa qabu qaama Kiristoos kan taate mana sagadaa waaqa jiraataa kan taate yoo argitu tokkummaa kana hawwaa kan turte lubbuun sun boqatteerti. (1 Qor. 12), (H. Erg. 2:41). Wangeela Kiristoos isa kabajamaa jaalachuu fi akka ambaasaaddaraatti wangeelicha labsuun nama ilma Waaqaa ta’eef gammachuu kenna. Onneen tun akka muka yaa’a bishaanii biratti dhaabamee fi yeroo hunda firii yeroodhaan kennuuti. (Far. 1:1-3).
Yaadqalbii ishii badummaa irraa bilisa kan ta’e, jireenyi ishii boqonnaa fi eebbaan kan guutame akka ta’u taasisa. Jaalalli guutuun onnee nama kanaa keessa jiru soda baasee akka gatu isa gargaara. (1 Yoh. 4:18). Gammachuu fi ulfina onneen tun Yasuusiin barbaaduu fi isa duukaa deemuudhaaf gootu jechoonni addunyaa kanaa ibsuu hin danda’ani. Kiristaanni akkanaa magaalattii Waaqayyo warra isa jaalataniif ijaaree fi qopheesse amantiidhaan arguu danda’a. Onneen tun yoo Yasuus “onneen teessan hin raafamin mana abbaa kootii iddoo jireenyaa baay’etu jira. Iddoo isinii qopheessuudhaafis ni deema. Deemee iddoo yoo isinii qopheesse bakkuma an jiraadhu isinis akka ana wajjiin jiraattaniif lammaffaa deebi’ee ni dhufa. Gara koottis isin fudhadha.” (Yoh. 14:1-3). Yoo jedhu ni dhagaya. Ergamticha phaawuloos wajjiin ta’uudhaanis “du’a injifachuudhaan liqimfame. Yaa du’a meeshaan waraanaa kee eessa jira? Yaa si’ool moo’annaan kee eessa jira? (1 Qor. 15:54-55) jedhaa labsa. Yasuus “ka’iinsii fi jireenyi ana. Kan anatti amanu yoo du’es jiraataa ta’a. Ana jiraataa ta’e kan amanan hunduu bara baraan hin du’an.” (Yoh. 11:25-26) Kan jedhe yoo yaadatu jajjabina isaaf ta’a. Foon uffataan hundi du’uun isaa waan hin hafneef onneen mooyicha argatte tunis turtiin addunyaa kanarra jiraattu yoo xumuramu addunyaa tanarraa du’aan fooyamuun waan hin hafne. Duuti mataa isaatiin wanta nama gammachiisu ta’uu yoo baates Kiristaanni garuu gammachuu jireenya bara baraa eeggachaa jiru san ni yaada. Nagayaa fi tasgabbiin bara jireenyaa shaakalaa ture xumura turtii lafa kanaa irrattis walumaan jiraata.
Hojiin Yasuus Kiristoosiin booji’amuu gonfoo jireenyaa akka fudhatu raga bahumsa hafuura qulqulluu fi dhugummaa lubbuu addaan hin baasu. Bara jireenya isaa jireenya Kiristaanummaa dhugaatiin amantiin jabaatee dhaabate jiraataa bara baraa fi ilma Waaqaa kan ta’e Yasuus Kiristoos irratti kan hundeeffame waan ta’eef du’aanis isa hin qaanessu.
Yasuus lubbuu ilma isaa amanamaa kanaa akka fidaniif maleeykota ni erga. (Luq. 16:22). Ergamticha Yohaannis iddoola fiiximoo jedhamtu irra yeroo turetti mudhata fudhate keessatti “eennus laakkayuu kan hin dandeenye ummataa fi gosa garee fi afaan keessaas namoota baay’etu ture. Uffata adii uffatanii dame meexxii harkatti qabatanii sagalee guddaadhaanis wocaa isa teessoo ulfinaa irra taa’eef fayyina waaqa keenyaa fi hoolichaati.” Jechaa ilaalu. Keessattuu “isaan kun warra rakkina guddaa keessaa dhufani, uffata isaaniis dhiiga hoolichaatiin kan qulqulleeffatan… kana booda hin beela’an, hin dheebotanis. Hoolichis tiksee isaanii ni ta’a. Waaqayyos imimmaan ija isaanii irraa ni haqa.” Jedhee dubbateera. (Mul. 7:9-17). Jireenyi kanaa olii ni argamaa laata? Mootummaan mana samii kan nama dharraasiftuu mitii? Kanneen nuti jaalannu balbala ulfinaa irratti nu eegaa jiruu laata? Ati hoo Yohaannis ummata mudhataan argite keessa jiraachuutti argamuu hin hawwituu? Yasuus hanga ammaa balbala onnee keetii dhaabatee rukutaa jiraa? Eegaa balbala dhaabadhee nan rukuta, eennus sagalee koo dhagayee balbala yoo naaf bane gara isaa nan seena. Isa wajjiinis irbaata ni nyaadha. Innis na wajjiin nyaata. (Mul. 3:20) koottu! Ammuma koottu! Kanaa achi yeroon sagalee isaa dhagayuu hin dandeenye ni dhufa.