Joon W. Reeynoolds
Wantoota jiruu kiyya keessatti na qunnaman kanneen na ajaa’ibsiisan keessaa kan dursuu fi isa ani yeroo mara yaadadhu, kan barumsa dansaa naaf kenne seenaa namicha Joorj Liinooksi jedhamuuti. Namichi kun Ameerikaatti magaalaa Jeefarsan jedhamtu keessa kan jiraatu yoota’u faradoo hatuun beekama ture. Yakka/hanna isaa cimsee itti fufee jennaan waan himatameef itti murtaa’ee gara mana adabbii kan magaalaa Jeesiwiik keessatti argamuutti geeffame.
Iddoo adabbii sanatti albuuda cilee barbaaduu irratti qacaramee akka hojjatu taasifame. Bara 1887 fi 1888 wayitiin isaa qabbanna yeroo turetti guyyaa tokko Wantihamaan tokko keessa isaatti dhaga’ame. Innis ni jeeqame. Bakka itti hojjadhu kanatti balaan wayii gayinnaa laata jedhee yaadurraa kan ka’e waan sodaaateef sodaa isaa kana hogganaa isaatti himuuf dirqame. Hoogganaan isaas haaluma itti himameen dhufanii yoo bakka inni itti hojjatu sirritti ilaalan Wantinama sodaaachisu tokkollee akka hinjirre waan hubataniif akka deebi’ee hojjatu yakkicha sanatti himan. Innis ajaja hogganaa isaatiin gara hojii isaa deebi’ee erga gara sa’aatii lamaaf hojjatee booddee akkuma sodaaate sana bakki/iddooon inni itti hojjatu sun tasuma jigee isa irra gara gale (isa awwaale) yeroo balaan kun isa irra gahu namni arge waan hinjirreef gara sa’aa lamaatiif akkuma awwaalametti ture.
Laaqana guyyaa sanaa irratti waan hinhirmaanneef akka inni hin jirre namoonni hubatan isa barbaacha gara bakka inni itti hojachaa ture deeman. Achi yoo gayan iddoon sun jijjiiramee Wantihundi diigamee, jijjigee argan. Akka malee erga nayanii fi gaddaniin booddee namicha sana baraaruuf lafa qotuu jalqaban. Dhumarrattis biyyee isa irratti tuulamee akkasumas Wanta diigame hundaa erga isarraa kaasanii booddee yoo of eeggannoo cimaan isa baasaniyyuu inni hafuurumas hinbaafatu ture. Kanaafuu hatattamatti gara mana yaala isa geessan. Waldhaanaan yaalaas erga beekkumsa isaatti fayyadamee isa qoratee booddee du’uu isaa waan mirkaneesseef gara hospitaalaatti isa dabarse. Borumtaas reeffi isaa dhiqamee akka awwaalaaf ta’utti qophaaye. Guyyaa awwaala isaa lubni tokko dhufee erga kadhannaa dhiyeesseen booda sirni awwaala dhumuuf ka’e. Kanaafis yakkitoonni lamaas reeffa namicha du’ee kana eddoo ta’uu kaasanii sanduuqa reeffaaf qophaaye keessa akka kaa’an itti gaafatamaa damee fayyaa kan hospitaalichaatiin ajajaman. Isaanis akkuma ajajaman reeffa sana inni tokko gara miillaa inni kuun gara mataa qabatanii odoo deemutti jiran yakkichi reeffa gara mataatiin qabee deemaa ture sun gufatee gatantare/sosocho’e. Yeroo kana of too’achuu waan hindandeenyeef ni kufe; reeffis isa harkaa bu’ee lafa dhaye. Namoonni achi turan Wanta ta’e dinqisiifatanii otoo ilaalan Wantikana caalaa nama dinqisiiffachiisu uumame. Sagaleen tokkoo reeffa keessaa bahe. Sagalee cimaa u…uu jedhu. Yeruma sana socho’uu jalqabe. Jarri lamaan reeffa baadhatanii turanis waan akkamalee na’aniif/rifataniif akka Wantikun qoratamu daddafanii gara yaalaa geessan. Haakimichi akka namichi sun du’e mirkaneesse daaqiiqaa soddoma booda achi yoo gahu namichi du’ee ture ka’ee bishaan naa kennaa jedhee dhugaa ture.
Haakimichis yeroma sana uffata namichi du’e sun ittiin kafaname akka irraa baasanii/mulqanii uffata dhibii itti uffisan ajaje. Sanduuqa reeffaa sanas akka namni biraa ittiin awwaalamu godhamee. Namichi du’ee ture kun ammo qorannaaf gara hospitaalaa geeffame. Bakka balaan kun isarra gayee kaafamee yeroo mana yaalaatti ilaalamu akka miilli isaa bakka lamatti cabee haakimtichaan waan mirkanaa’eef akka hospitala keessa turee waldhaanamu ajajmee. Ji’a jahaaf gargaarsa haakimii argachaa erga tureen booddee yoo qoratamu waan fayyeef gara bakka kanaan dura itti hojjatuutti deeb’ee hojii isaa itti fufe.
Anis seenaa dinqisiisaa kana keessattu du’aa ka’uu isaa hiriyyaan isaa waan natti himeef waan ajaa’ibiifadheef guyyaa hojii maalallee kana dhagaye irraa jalqabe abbaa seenaa kanaatiin walbaruu fi haalli inni keessa ture maal akka fakkaatu isa gaafachuu yaade. Garuu yeroo dheeraaf hinmilkoofne ture. Dhumarrattis nan milkaaye. Akka tasaa ani waa’ee bakka albuudni cilee itti barbaadamu kanatti akka ani gabaasa waggaa barreessu waan ajajmaeef achi deemuu kiyyatti baay’ee gammade. Fedhii kiyya cimaa kana namoonni qayyabatan namichi ani barbaadu sun otoo biiroo kiyya biraan dabru arganii natti himan. Sana booddee namicha sanaan wal arginee erga nagaya walgaafanneen booda anis akka isa dubbisuu barbaadu isaatti himnaan tole jedhe.
Beellama qabannee akka inni guyyaa beellamaa sana gara biiroo kiyyaa dhufu itti hime. Innis sa’aa isaa eegatee guyyaa beellamaa sanatti biiroo kiyya dhufe. Erga xiqqoo waliin taphannee booddee waayee seenaa isaa dinqisiisaa sana akka dhaga’ee fi isarraa hubachuu akka fedhu itti hime. Innis akka seeqachuu ta’ee seenaa isaa natti himuu jalqabe. Anis sirritti isa hordofuu eegale. Namichi kun bareedaa, umriin isaa kan 30 irra hindabrine akka ta’ee fi akka gamna ta’e gara biraatiin ammo nama waa yakkuu fi amala hamaa qabu akka ta’e natti himuun seenaa isaa jalqabe.
Bara jiruu isaa keessa Wantinama ajaa’ibsiisu kun kan ta’e yeroo inni balaadhaan miidhamee du’e sana akka ta’es na hindhoksine. Anis haala gabaabsanii barreessuutiin waan inni dubbatu barreessaa isa duukaa bu’e. Yeroo balaan isa qunname sana irraa kaasee akkana jedhee natti hime.
Guyyaa balaan sun narra ga’etti yeroo kaanirraa haala adda ta’een na jibbisiisee ture/natti hintolle ture. Hardha balaa wayiittu narra gaha yaada jedhuun guutame ture. Yaada kana too’achuu waan dadhabeef gara hooggana kiyyaa gara obbo Geeriisan deemee akka iddoon ani itti hojjadhu kun balaa narra geessuu danda’u soodaadheera jedhee itti hime. Hoogganaan kiyyas haaluma itti himameen dhufee yoo bakka ani itti hojjadhu sirritti ilaalu Wantinama sodaaachisu tokkollee akka hinjirre waan hubateef akka caljedhee hojjadhu na ajajee deeme. Anis hojii kiyya itti fufe. Sana booda hanga sa’aa lamaatiif yoo hojjadhu akka tasaa iddoo itti hojjadhu sana keessaa akka baayyee hindandeenye, bakki ani qotaa ture sun narratti jige. Iddoon isaas dukkanaan guutame. Yeruma sana waan balballi guddaan tokko saaqamee karaa balbala sanaa deemu natti fakkaata. Akka du’ee gara addunyaa du’aan dooddee deemes nan tilmaame. Sababiin isaas ani sagalee tokkollee hindhagahu; nama tokkos hinargu tureeti. Garuu anis sababii hinbeekneen erga balbala sana keessa dabree otoo deemaa jiru duubarratti gara qarqara laga tokkoo gaye. Iddoon kun dukkana hinturre; ifas hinqabu. Garuu ifti xiqqaan tokko akkuma urjii halkan keessa ibsanii ni muldhata. Utuma ani as jiru namichi tokko lagarra doonii isaa laaqaa/oofaa gara kiyya dhufee ana bira dhaabate. Ani waan tokkollee dubbachuu dadhabe. Yeroo muraasaaf ija keessa na ilaale; sana booddees akka na ceesisuuf gara kiyya dhufee natti hime; akka doonii yaabbadhee isa waliin gama cee’u na ajaje. Anis ni ajajame. Waa tokkollee hindubbanne. Inni eenyuun akka ta’e garamis akka deemaa jirru gaafachuu barbaadee ture, garuu naaf hintaane. Arrabni kiyyaa laagatti ol maxxane. Homaa jedhuu hindandeenye. Dhumarrattis gara qarqara lagichaa geenye; namichi sun gara inni bu’e dhabe (ija kiyya duraa dhokate).
Maarree adda kiyya gatamuu kootiin waanuma godhu wallaale. Fuula koo dura yoo ilaalu karaa lamaan odola dukkanaayaa keessa dabran arge. Karaa sana keessaa inni tokko baldhaa fi kan akka gaaritti irra deemamu fakkaata. Karaan inni kuun qalloo fi kan fuullee dhibbiitiin deemamu fakkaata. Ani karaa isa gaarii natti fakkaate sanarra akkuma deemuu jalqabeen natti dukkanaayaa deeme. Kana irra kan caalu garuu ifti woyii fagotti naa ibsa ture; haala kanaan adeemsa kiyya irratti ifa argachaa deeme.
Yeroo kana uumama adda ta’een, kan ani waayee isaa ibsa kennuu hindandeenne tokkoon wolarge. Qunnamtii kana ilaalchisee yaada sodaaachisaa isinitti hima. Uumamni kun nama fakkaata; garuu namoota ani kanaan dura argerraa adda kan ta’eedha. Dheerinni isa gara meetira shanii ta’a. Dudda isaaaa irratti koola qaba. Inni akkuma cilee ani qotaa turee sana gurraacha limixii dha. Harka isaatti eboo/sibiila qabannaan isa meetira torbaa fi wodhakka ta’u qabatee ture. Ijji isaa akka qaanqee ibiddaa ifa. Ilkaan isaa kan akka albuuda gatii guddaan bitamuu addaatu sun santi meetra lamaa dheerata. Funyaan isaa, baayee guddaa, badhaa akkasumas baxxee ture. Sijjaan/mataan isaa dheeraa shookkisaa yoota’u guddatee ceekuu isaa irra ciisa. Sagaleen/qoonqi isaa akka aaduu leencaa ti.
Ani yeroo ifti tokko fagorraa naaf ibsu sana isa ilaale. Ergasii nayee gonkumaa dhaabachuu dadhabe. Innis gooraadee isaa akka waan na woraanuuf jiruu ol kaase. Ani achumatti dhaabadhe. Qoonqa nama sodaaachisuun akka ani isa duukaa deemu na ajaje; akka adeeemsa kiyyarratti na masakkuuf ergame natti hime. Ani isa duukaa bu’e. Maal gochuu danda’a jetteeti? Erga yeroo muraasaaf deemnee booddee gaara guddaa tokkotti dhufne. Gaarri nu afoo jiru akka waan bakka lamatti addaan cite. Garri tokko fudhatame.
Koonyaa gaara isa dhaabatee hafee irratti barreeffama akkana jedhu dubbise. “Kun sii’ooli” masakkaan kiyya gara gaara sanaa dhiyaatee eboo isaatiin yeroo sadi woraannaan balballi badhaan tokko nuuf baname. Nus gara keessa ol seenne. Karaa gaara keessa dabarsu sana masakkaa kiyyaan gargaaramee deemsa kiyya itti fufe. Yeroo muraasaaf dukkana duudaa/limixii keessa deemne. Dukkana sannarraa kan ka’e masakkaa kiyya kan hordofu ijaan argee otoo hintaane kottee deemsa isaa sodaaachisaa sana dhagayuuni. Otoo haala kanaan jirru sagaleen akka sagalee/qoonqa nama du’uuf ta’uu tokko dhagaye. Sagalee bishaan! Maalo bishaan! Bishaan jedhu. Balbala duraa dabrinee balbala dhiibiitti dhufne. Bakka kana dabrinee balbala biraatiin seenne. Sagalee amma dhagaye kana namoonni moliyoonnatti laakkaayaman yoo bishaan! Maalo bishaan! Bishaan jechaa iyyan dhagaye. Eddoo kana erga dabrineen booda ammas masakkaan kiyya dhumarratti balbala dhibii rurrukute. Balbala nuu bannaan gara alaa baane. Yoo gadi baanu Wantiarge dirree badhaa tokkodha. Kana booddee akka gaara keessa deemnee as geenne hubadhe. Asitti masakkaan kiyya namoota dhibii as fiduuf kophaa na dhissee deeme. Anis kana booddee maal ta’innaa jechaa otoo yaadu uumamni isa dura na masakkaa ture sana fakkaatu tokko gara kiyya dhufe. Inni kun akka isa kaanii eboo otoo hinta’in gooraadee harkatti qabatee ture. Inni kun Wantidhufeef dhiphinna fuldura na qunnamu natti himuufi. Sagalee sodaaachisaa sanaan hanga akkamalee rifadhutti “Ati amma sii’ooliin keessa jirta!” naan jedhe. Itti aansees as gahuu keetiin duratti karaa deemaa dhuftetti sagaleen ati dhageette kan bishaan! Maalo bishaan! Bishaan jedhu sagalee namoota ibidda gahaannamiitti gubataa jiraniiti; atis kana malee abdii biraa hinqabdu naan jedhe. Akka gara haroo ibiddaa sanatti darbamtee warra achitti gubaataa jiran waliin gubattu hanga balballi siif banamuu yeroo muraasaaf as turta. Wantinamoonni gara ibidda kanaatti darbatamuun duratti xinnoo as turaniif akka otoo fedhii isaaniitiin murtee hamaa murteeffachuu baatanii bakka gammachuu fi nageenyaa kanatti bara baraan jiraatan akka hubataniifi. Atis xinnoo as turi naan jedhe. Akkuma kana naan jedheen fuula kiyya duraa dhokate. Anis deemsa dadhabsiisaa yookiin sagalee dhiphinaa kan dhaga’e sana irraa kan ka’e akkamlee dadhabe. Haala gaddisiisaa ta’een akka too’annaa jala jiru hubadhe. Jabeenyi na gane; qaamni kiyyas hollachuu jalqabe. Maalo akkamitti jalaa ba’a? Eenytu na baasa? Wantikiyya asitti xumure. Kana duubatti ani gara bakka itti gargaarsa hinarganneetti gara dhiphinnaatti seenaa jiraa? jedhe. Of qabachuu dadhabee mammaramee kufe; gar tokko hirribaan gar kaan immo waan guyyaan aabjoodhu natti fakkaata. Ol jedhee ilaale fagotti ana gubbaa Wanta akka dur yeroo ani kitaaba Qulqulluu keessatti dubbisee fakkaatu magaalaa bareedditti tokko arge. Koonyaan magaalaa kanaa baay’ee bareeda, albuuda lulaa irraa hojjatame fakkaata. Iddoon kun akkam bareeda? Jedhee of gaafadhe. Ammas ol jedhee ilaale gaarreen akkasumas sinsilaata garrenii ililii bareedaniin uwwisaman arge. Jidduu isaaniis bishaan akka bishaan jireenya fakkaatu tokko akkasuma galaana akka burcuqqoo addaatu tokko arge. Eragamoonni laakkofsi isaanii baay’ee tokkos farfannaan Waaqa galateeffatu turan. Isaan keessaa bara muraasa duratti dhageettii dhabuu fi hameenya kiyyarraa kan ka’e kan gaddaan duute haadha tiyya kan jaarte sana arge. Isiinis na argitee akka gara isiin deemtu deemu mallattoon na waamti. Otoo naaf ta’e akkam gammada ture! Garuu eenyutu na kaasee garas na geessa? Ani yoo ka’uuf yaale Wanta natti fe’amee gadi na harkisutu jira natti fakkaata. Otuma ani akkasitti jiruu urgaan ililii yoo gara kiyya dhufee natti urgaayu hubadhe. Iddoo kanatti faarfannaa ergamootaa sirritti dhaga’uun danda’ama. Isaan wajjiin ta’uu hawwee! Garuu naa hintaane. Waa’ee bakka maadeeffachiisaa kanaa otoo yaadaa achis galuuf otoo dhundhumu Wantiani ilaalaa turre hundi ija kiyya duraa miliqe. Eenyu akka fudhates hinargine. Yeruma sana bakka itti ciisee ka’e uumamni waa’ee bakka ani bara baraaf keessa jiraadhuu natti hime sun gara kiyya dhufee “Amma yeroon ga’eeraa na hordofi/na duukaa koottu” naan jedhe. Filannoo biraa waan hin qabaanneef ergamaa kiyya sodaaachisaa sana duukaa deemee karaa balbalaa tokko keessa darbinee gara jidduu ol seenne. Dhuma karaa kanaattis kan argamu galaanaa ibiddaa guddicha kan jedhamu sana. Galaanni ibiddaa kun fageenyi isaa ija namaatiin ilaalamee bira hingahamu. Wanti nama sodaaachisu kan biraa ammo qaanqeen ibidda sanaa yoo ol bahu arrabni ibidda sanaa kana jedhamee jechaan hinhimamu. Galaana kana keessa namoonni danbaliin yoo olba’aa gadi deebi’an ni muldhata. Namoonni kunniin yoo ibidda sana keessaa muldhatan ilkaan isaan qaraa aariif gadda cimaa keessa ta’anii Waaqa arrabsaa sagalee bishaan! Maalo bishaan! Bishaan jedhu erga dhageessisaa turaniin booda gara ibidda bobayuu sanatti seenuu isaanii ilaaluun nama gaddisiisa. Galaana ibidda kana keessatti namoonni gubatan isaan bara baraaf Waaqaan adda ba’an akka ta’e erga hubadheen duubatti carraan kiyyas asumatti bara baraaf gubachuu ta’uuu isaa beekee holladhe. Yoo gara duubaa gara galee ilaalu balbala yeroo muraasaan boodde itti seenu arge. Balabala kanarratti ammo barreeffamni “Kun ibidda jahaannamii iddoo namoonni bara baraaf itti adabamani” jedhu ni muldhata. Akkuma tasaa miilli kiyya mucucaatee/sugugaatee gara galaana ibiddaa kanaa akka siiqaa jiru natti dhagayame. Yeroma sana oo’ii ibiddaa natti dhaga’amee baay’ee na dheeboosse. Anis akka namoota kaanii bishaan! Maalo bishaan! Bishaan jedhee iyyuu jalqabe. Ammas otuma ani bishaan jedhee iyyu ijji kiyya naa baname yoo gara galee ilaalu ibidda sana keessatti otoo hinta’in hospitaala keessatti of arge.
Seenaa dinqisiisaa kana nama tokkottiyyuu hinhimne. Sababiin isaas yoo ani seenaa kana isaanitti hime waan mataan na dhukkube/waan maraadhe waan isaanitti fakkaatuuf akka gara iddoo namoonni qalbii dabarsan itti kunuunsamanii na hinergineef jedhee iccitii kana garaa kiyyatti qabadhe. Ilaali kaa ani Wanta dinqisiisaa akkanaa keessa dabarsee har’a gaheeera. Amma garuu hiikkaan jiruu waan naaf galeef gammadeera. Sababiin isaas akka manni samii (jeennatni) akkasumas si’ool (jahaannam) jiru ija kootiin argeera. Kun hundiinuus akkuma kitaaba Qulqulluu irratti barreeffame sana ta’ee argeeraatii. Baga carraa deebi’ee lubbuun jiraachuu argadhe malee kana booddee waan godhu anuu beeka. Gara si’ool gara ibiddi isaa bara baraaf itti nama gubu sanaa gonkumaa deebi’ee hinseenu. Akka tasaa yoo dammaqu waan hospitaala keessatti of argeef lubbuun kiyya dhiphinna daangaa hinqabne sana jalaa waan baraaramteef gammachuu guddatu natti dhaga’ame. Yeroma sana otoo yeroo hinfixne murteessee cubbuu kiyyaaf Waaqa dhiifama gaafachuun jiruu kiyya Gooftaaf kenne. Kana booddee Kiristoos Yesuusiin akka fayyisaa lubbuu kiyyaatti fudhadhee yoo jiraadhes yoo du’es homaa natti hinfakkaatu. Yaadni hadhaa’aan waa’ee si’ool sun sammuu koo keessaa hinbadu. Ammas bareeddinna mootummaa samii/jennataa/mana samii tii fi gammachuu achi jirus irraanfachu hindanda’u. Amma yoo du’ellee gara bakka gammachuu sanaa deema. Bakka haati tiyya tan natti aaruu/dallanuu isii irraa kan ka’e gaddaan duute sun itti argamtu gara mana samii deemee isii arguu fedha. Achitti bakka bishaan bara baraa yaa’u sanatti, bakka gaarreen ililiin bareeddini isaanii jechaan hinibsamneen uwwisaman sanatti yoo namoonni kiristoositti amanuun fayyinna argatan Waaqayyoof faarfannaa galata dhiiyeessan, isaan waliin faarfachuun hangam namatti tola. Kun gammachuu waan hundumaa caaludha. Kunin gammachuu ani yeroo mana hidhaa kana keessa akksumas kanaan dura qabuun waan takkumaa waliin hinmadaalamneef Yesuusiin akka fayyisaa fi Gooftaatti fudhatanii kiristaana ta’anii jiraachuu Wanticaalu akka hinjire hubadheera. Amma ani waan fayyinna argadheef bilisa ta’eera. Hiriyyoota kiyya yakkitoota sanaan walarguu dhiiseera. Jiruu kiyya kan hafuuraatiin guddachuuf namoota gaarii kara kanarratti na gargaaruu danda’an waliin walargina. Jechuun seenaa isaa ajaa’ibsiisaa sana xumure.
Dubbistoota jaalatamoo, akkuma dubbistan ragaa dhugaa ta’e kan obbo Liinooksiin qunname sana isarraa dhageenyeerra. Ragaan namicha kana akka namoota cubbuu irraa hinbayin baay’ee kakaasu akka ta’u jedhaa deebii isaa isiniif dhiifna.
Yaa dubbistoota, maarre namoonni akka si’ool jiru akkamitti shakku? Dubbiin Waaqaa kan bara baraaf jiraatuu fi kan hinjijjiiramne sun akkas jedhaatii. Itti dabalees namoonni akka obbo Liinooksii waan argan otoo homaa itti hindabalin otoo hinhirdhisin nutti himaniiru. Namoonni seenaa kana dubbiftan qalbifadhaa! Wanta dhugaa ta’e jalaa dhokachuuf hincarraaqinaa. Jiruu fi jireenyi keessan Waaqa waan hundaa beekuu fi waan maraa ilaalu sana duratti ifa waan ta’eef eessattiyyuu dhokachuu hindandeessan. Cubbamtoota ta’uu keessan amanuun Waaqa dhiifama gaafachuun dhiifama cubbuu keessanii argattanii yoo fayyitan qofa Waaqayyo si’ool/bakka dhiphinnaa sana jalaa isin baasa. Karaan cubbuu keessan irraa ittiin qulqulloftan dhiiga Yesuus Kiristoosiitiin dhiqamtanii qulqullayuuni. Yoo karaa kanaan dhiifama argattan Waaqni garaa keessan nageenyaa fi gammachuun guuta. Jiruu biyya lafaa kana bilisa taatanii, mana samii isa fuldura isin eegatuttis eebba Waaqaa keessa jiraattu. Dhugaa kana fudhachuu baannaan isin akka namicha seenaa isaa dubbisne kanaa sa’aa 48 tiif otoo hin taane bara baraaf ibidda si’olii keessatti gatamtu.
Namicha Dureessaa fi Alaazaar
(Luq. 16:19-31)
“Namicha dureessa uffata diimaa akka dhiigaa haphii kan quncee talbaa irraa hojjatame uffatee, guyyuma guyyaan qananiin jiraatu tokkottu ture. Karra isaa dura immoo namichi hiyyeessi Alaazaar jedhamu kan nafni isaa hundi mammadaa'e tokko ciisaa ture. Innis hambaa maaddii dureessa sanaa irraa harca'ullee nyaachuu ni kajeela ture; saroonnis dhufanii madaa isaa arraabu turan. Gaafa tokko namichi hiyyeessi sun duunaan maleekkonni Waaqayyoo isa baatanii gara hammuu Abrahaamiitti isa geessan; dureessichis du'ee awwaalame. Otoo Si'ool keessatti cinqamaa jiruus ol mildhatee Abrahaamin fagootti, Alaazaariin immoo bobaa Abrahaami keessatti arge. Innis iyyee, ‘Yaa Abbaa kiyya Abrahaam, waan ani ibidda kana keessatti cinqamaa jiruuf maaloo garaa naa laafiitii akka inni fiixee quba isaa bishaan keessa cuuphee arraba kiyya naa qabbaneessuuf Alaazaarin naa ergi’ jedheen. Abrahaam garuu akkana jedhee deebise, ‘Yaa Ilma kiyya, ati bara jireenya keetiitti waan gaarii akka argatte, Alaazaar immoo waan hamaa akka argate yaadadhu; amma garuu asitti isatti toleera; ati immoo dhiphataa jirta. Waan kana hundaa irrattis, akka warri nu biraa gara keessan dhufuu barbaadan dhufuu hin dandeenyeef yookiin akka warri isin biraa gara keenyatti cee'uu hin dandeenyeef nuu fi isin jidduu boolla guddaattu jira.’ Dureessi sunis akkana jedhee deebise, ‘Yoos yaa Abbaa, akka ati gara mana abbaa kiyyaatti Alaazaarin naa ergitu sikadhadha; ani obboleeyyan shan qabaatii; akka isaanis bakka dhiphinaa kana hindhufneef inni dhaqee isaan haa akeekkachiisuu.’ Abrahaam garuu, ‘Isaan Muusee fi raajota qabu; isaanuma haa dhaga’anii’ jedhe. Dureessichis, ‘Akkasiimiti; Yaa Abbaa kiyya Abrahaam; yoo warra du'an keessaa namni tokko gara isaanii dhaqe garuu, isaan cubbuu irraa ni deebi'u’ jedheen. Abrahaamis, ‘Isaan yoo Muusee fi raajota hindhageenye, yoo namni tokko warra du'an keessaa ka'ellee hin amanan’ jedheen.”
Kutaalee kitaaba Qulqulluu kan dabalataa: Mul. 21:7-8; Mul. 20:10,12,13; 2 Phex. 3:10-12