Woggoota baay’ee dura gaafii namichi mana hidhaa eegu tokko gaafate namoonni lakkoofsi isaanii hedduu ta’e hanga hardhaatti ni gaafatu. Gaafichi “Fayyuuf maal gochuutu narra jira?” kan jedhu ture. Dhugumaan gaafii kana namni hundi gaafachuun kan isaaf ta’uu fi gaafii jireenya namaatiif murteessaa ta’e dha.
Dubbisaa jaalatamaa; gaafiin kun gaafii keetis ta’uu ni danda’aa? Fayyuu ni barbaaddaa? Yasuus Kiristoos "Lammata dhalachuu qabda" (Yoh. 3:7) siin jedha. Lammata dhalachuu jechuun maal jechuudha? Lammata dhalachuu jechuun dhaloota haaraya ta’uu jechuu dha. Kunis akkuma fooniin dhalanne hafuuraanis (ayyaanaanis) dhalachuudha; dhiifama cubbuu argachuu dha. Dheekkamsaa fi murtii Waaqaayyoo jalaa bayanii hafuuraan jiraataa ta’uu dha (H. Erg. 3:19).
Lammata dhalachuun eennuuf barbaachisa? Eenyuyyuu dhiiraa dubra kan ta’e biyya lafaa irra kan jiraattu, fooniin kan dhalate hundi cubbamaa waan ta’eef lammattaa hafuuraan dhalachuutu isarra jira. Woggoota dhibba baayy'een dura Isaayyaas raajichi cufti keenna cubbamtoota akka taane, sababa cubbuu fi yakka namootaatiif Yasuus Kiristoos dhiphinna guddaa isaatiin akka nuuf du’e dubbatee jira (Isa. 53:6). Irratti “Nu’u hundumti keenya akka hoolotaa karaa irraa badnee turre; adduma addaanis kara-karaa ni goorre . . .” Yasuus Kiristoos fannoo irratti dhiiga isaa dhangalaasuun dhiphinna namarra gayuuf ture fudhateera.
Barsiisaa amantii kan ture Niiqoodimoos kabajamaa nama amantii fi beekaa seeraati. Haata’uu malee amantiin isaa du’aa gara jireenyaatti akka isa hindabarsine Yasuus Kiristoos akkana jedhee itti hime “...dhuguma, dhuguma sitti hima, eenyullee deebi'ee yoo dhalachuu baate, mootummaa Waaqayyoo arguu hin danda’u” (Yoh. 3:3). Jechuudhaan lammata hafuura qulqulluudhaan dhalachuun akka isairra jiraatu mirkaneesseeraafi. Namni martinuu dhalootaan cubbamaadha. hardhas gooftaan Yasuus worra ba’aan isaanitti ulfaate hundumaa harka isaa baldhisee “Isin worri dadhabdoonni ba'aan isinitti ulfaate gara kiyya koottaa. Ani boqonnaa isiniif kennaa...” (Mat. 11:28-30). Jechuun cubbamootni hundinuu gara isaa dhufanii akka araara argatan isaan affeera (Rom. 5:1).
Tolaa kan ta’e Yasuus Kiristoos cubbuu nama hundaatiif uf aarsaa godhee kenneera. Cubbuu keenyatu akka inni dhiphatu, akka fannifamu, dhiigni isaas akka dhangala’u godhe. Kitaabni Qulqulluun “namni Cubbuu isaa dhoffatu, hin le’u, namni Cubbuu isaa himatu, kan dhiisus garuu araara ni argata” (Fak. 28:13) jedha.
Dubbisaa jaalatamaa! Cubbuu kamiyyuu yoo qabaatte ulfaataadhaaf baay’ee yoo ta’es ati abdii qabda. “Kottaa mee wojjiin taanee dhugaa baafnaa” jedha. Waaqayyoon “cubbuun kessaan akka dhiigaa yoo isin diimeesseyyuu, akka cabbii ni addaata; diimaa biluus yoo isin godheyyuu akka jirbii iddamaa adii ni ta’a” (Isa. 1:18). Gara isaa yeroo dhufnu dhiigni Yasuus Kiristoos cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa; cubbuun inni hin qulqulleessine tokkollee hin jiru “Isaan kun worra rakkinna guddaa keessaa bayanii dhufanii dha. Uffata isaanii dhiiga hoolichaatiin miiccatanii addeeffataniiru” (Mul. 7:14). Cubbuun hundinuu dhiiga Yasuusiitiin qulqullaaya.
Kitaabni Qulqulluun namootani hundi cubbaamoota akka ta’an, ulfinni waaqayyoos akka isaanitti hiradhate yoo dubbates namni abdii hinqabu jechuu isaatii miti. Sababiin isaas fayyinna hundumaa kan jaalatu Waqayyo namni martinuu wojjiin nyaata jedha.
Egaa lammata dhalachuu kan jennu Yasuusitti amanuudhaan adeemsa jireenya barabaraa jalqabuu jechuu dha. Kunis eebba guddaa argachuu dha.
Yeroo lammata dhalannu jireenya keenna keessatti jijjiirama guddaatu ta’a. “Kanaafis namni kan kiristoos yoo ta’e, uumama haaraya; inni moofaan dabree jira kunoo hunduu haaraya ta'eera” (2 Qor. 5:17). Uumama haaraya yeroo taanu yaada haaraya ilaalcha haaraya, fedhii haaraya, jireenya haaraya qabaanna. Hundumtuu ni hafa. hawwiin foonii, hawwiin ijaas, qabeenya boonuunis (1 Yoh. 2:15-17). Akkasumas hojiin foonii “ejji, xuraawummaan, jireenya gadi-dhiisii, Waaqa tolfamaa waaqessuun, diinummaa, qoccolloo, dheekkamsa, ufittummaa, machii, sirbuu kan kana fakkaatan hundinuu jireenya keenya keessaa baduu qabu (Gal. 5:19-21). Bakka isaan kana hundumaa jaalala, gammachuu, nageenya, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, garramummaa, uf bitummaan jireenya keenya guuta (Gal. 5:22-26). “Namummaa foonii cimsuuf uf qopheessuun wonta muraasaaf nama gargaara. Nama Waaqayyoo ta’uuf uf qopheessuun wonta baay’eef nama gargaara. Jireenya ammaatis isa dhufuufis abdiin isuma keessa jira” (1 Xim. 4:8). “Egaa amma murtiin worra Kiristoos Yasuusitti qabamanii jiraatanitti murteeffamu tokkolle hinjiru” (Rom. 8:1).
Dubbisaa jaalatama; lammata dhalachuudhaan Waaqa biraa dhiifama cubbuu argattee? Lammata hin dhalanne yoo taate gonkumaa mootummaa Waqayyootti galuu hin dandeettu. Kanaafuu ammuma murteessi!
Cubbuu keetti gaabbuudhaan qalbii jijjiirradhuutii Yasuus Kiristoosiin akka fayyisaa keetiitti simadhu.