Macaafa Qulqulluu keessatti akkas kan jedhu barreeffamee jira "Warri du'anis xinnaa fi guddaa teessichaa dura utuu dhaabbatanii nan arge. Macaafonni ni banaman; macaafin biraa, inni warri jireenya argachuuf jiran itti caafaman tokkos ni baname; warri du'ani immoo akka hojii dur hojjetaniitti, akka isa macaafota keessaatti caafameettis firdii argatan" (Mul'ata 20:12). Kunimmoo Waaqayyo haala itti jiraannu deddeebii tokkoon tokkoon keenyaaf galemee akka qabuu fi akka hordofu ragaadha.
Drgaggeessi Jooshuwaa Heeriis jedhamu biyya Ameriikaa Meeriiland kan jiraatu yeroo muraassaaf yeroo isaa bakka Portooriikoo jedhamutti dabarsa ture. Guyyaa tokkoo rafee utuu jiruu abjuu abjoo'ate. Deddeebii isaa keessa amanamummaan waan hin turreef Waaqayyoo karaa abjuu isaa akka isa himatu itti dhagaa'me. Abjuun kunis jireenya namaa guutummaatti jijjiiruu kan danda'u Yesuus Kiristoosii fi dhiiga isaa akka yaadatu isa taasise. Nutis seenaa isaa isinif qooduu jaallanneera.
* * * * *
(Kutattii)
Abjuu kootiin kutaa tokko keessatan of arge. Kutattiinis keenyan mana sanaa dhoksee kan jiru waraqaa yookiin kaardii xixiqqoo baafataa maqaafi teessoo qabee kan jiru sanduqoota malee waanta kan biraa qabattee hin turre. Mana macaafaa keessaa akkuma maqaan barreessitootaa fi matadureen adda addaa tartiibaan kaa'ame jiru fakkaata ture. Saanduqn galmeewwanii kunis lafaa kaasee amma ijoo manichaatti mataduree adda addaa qabatanii jiru. Dhumaa fi daariis hin qaban ture. Gara keenyan manichattis itti siqaa utuun jiru mataduree "shamarran an jaalladhe" jedhu irra iji koo bu'e. Saanduqichas banee kaardiiwwan keessa jiran tokko tokkoon ilaaluun jalqabe. Waraqaa kana hundumaa irrattis maqaan koo barreeffamee waanan argeef naasuudhaanan ariifadheen cufe.
Eenyu iyyuu utuu anatti hin himin bakkan jiru nan hubadhe. Kutaan jireenyi keessa hin jirre kunis galmeewwan xixiqqaa sana keesssatti jireenya koo guutummaatti utuu waantt tokko illee hin hafin galmeeffatee qabatee jira. Hojii koo isa yeroo hundumaa tokko illee utuu hin hafin qabatee waan tureef danddeettiin waa yaadachuu sammuu kootii dabaleen arge.
Darbe darbee faayiliichi waantoota inni of keessat qabaatee jiruu hubachuudhaan haawwiin an baruudhaaf jedhuu sodaa fi naasuudhaan walkeessa anatti ta'e naroqomsiisa ture. Gochaan an raawwadhe tokko tokko gamachuudhaa fi yaadannoo gaarii yeroo naaf ta'an; isaan kan biroommoo hanga waan namni booda kootiin dhaabbaattee anaa ilaala jiru natti fakkaattanii yeelloo fi gaabbiin akka ana qabatu na taasisu turan. Itti haansuudhaan fayilli an arge "michuuwwan koo" mataduree jedhu jalatti "michuuwwan koo warran gane" kan jedhu ture.
Matadureewwan hojii sanaa bara an Waaqayyo malee jiraachaa turee kaasee baayyee gadhee "maacaafootan dubbise," "soba an dubbadhe," "namoonnni akka isaan bashannannan kanan godhe," "qoosaan ittiin kolfaa ture" kan jedhan faa turan. Matadureewwan tokko tokkoo dhugaa ta'uu n isaanii na kofalchiisa ture "oboloota an irratti sagalee dheekkamsaa dhageessise" keessaa ammoo kan cira ana kofalchiisuu hin dandeenye "maatiin koo utuu sagalee koo hin dhaga'in kanan irratti gumgume" kan jedhu ture. Qabiyyee faayilii kanaatt baayy'een dinqisiiffadhe. Alii alii waraqaaleen kanan tilmaameen ol ta'niin arga, alii aliimmoo kanan tilmaamee gad ta'aniin arga. Wraqalee kumatti yookiin miiliyoonatti tilmaaman tarii an waggaa digdama gidduutti barreesse nan xumuraa laata. Waraqaalee hunduma irratti arka kootiin bareeffamee akka jiru argeera. Dhuma barreeffamaa kana irras kan jiru mallattookooti.
Kaardiin "sirboota an sirbe" jedhu fuudhe. Qabiyyeen waraqaalee kanaas dabalaa akka deeme nan bare kaardiiwwan kun baay'ee walitti sissiqanii jiru turan. Dhuma isaa bira ga'u hin dandeenye. Qaaniidhaanis faayilicha nan cufe meeshaa muuziqaa an dhaggeeffadhee garaa garaa utuu hin taane kun hundumti akka barreeffamuuf yeroo inni fudhate yaadannoo keessa galcheen male.
Yeroo an gara faayilii "hawwii koo isa fedha ejjaatiin guutame" jedhu ilaalu dhagni koo na diilalla'e. Mata duree isaa ilaaluuf jedheen ture gara faayilii kanaa kanan ilaale. Isa booda kaardii sana nan fuudhe. Keessa isaatti waan barreeffamee jiru yeroon ilaalu dhagni koo na rom'e. Waanti hundumtuu kaardii kana irratti. Galmaa'uu isaa yeroon hubadhu akka dhukkubsachuun ta'e.
Akka tasaasattis akka bineensa haareen ta'e. Yaadi tokkos sammuukoo na too'ate "galmeewwan kana eenyu iyyuu arguu hin qabu akkuman godhe godhee balleessuun qaban jedhe!" Akka nama sammuun isaa xuqamees ta'e saaxinicha isaa galmeewwan kana qabatee jirus buqqisuudhaaf jedhee nan harkise kana godhus garuu kaardii tokko illee baasuu hin dandeenye. Baasuudhaaf jedhee yeroon wallansoo qabus akka sibiilaa jabaata waan deemuuf abdiin kutadhe.
Moo'ameed akka nama gargaaraa dhabee ta'e galmeewwan kana bakka jiranitt nan deebise. Keenyan manichaattis hirkisee gadduu koo mul'isuuf jedhee guddiseen hafuura baafadhe nan aades. Ammas irra deeb'e gara galmeewwan kana yeroon ilaalu mata duree "namootan an wangeela dhugaa ba'eef" jedhun arge. Qabannoon galmee kanaa haaraadhaa. Kanaan dura harki namaa waan itti bu'e hin fakkaatu. Qabannoo isaas yeroon fuuchuudhaaf harkaa koo hiixadhu saanduqi xiqqoon tokko harka nabuute. Kardiiwwan inni of keessa jiran illee lakkaa'uudhaaf naaf hin danda'amne.
Imimmaan koos na dhabbachuu dide. Baayiseee nan boo'e. Amma nadhkkubuttis nan boo'an ture. Jilbeenfadhees boo'uuttan ka'e. Boo'ichi koos kan sodaan guutamee qofa miti qaaniis of keessaa qaba ture. Baayy'inni kaardiiwwan kutaa kana keessa jiraniis ija koo namarsan nanjoonja'es. Kutattii kana nan cufa bantuu isaas nan dhoksa.
Garuu yeroodhuma sana imommaan koo nan yaadadhe. Isas nan arge miti! Isa miti! As jiraachuu hin qabu! O! Garuu nama kan biraa ta'u hin qabu. Inni Yesuus.
Galmeewwan hunduma ishee tokko tokkoon banee yeroo inni dubbisu akka nama abdii hin qabnee ta'een gara isaa ilaale waan inni naan jechuuf yaadef deebii kennuu akkan hin dandeenye nan tilmaame. Gara isaa yeroon ilaalu garu ana caalaa gadddu isaa ijaa isaa irraaa natti mul'ate. Gara galmeewwan gaggadhee ta'anitti beekaa waan adeemaa jiru anatti fakkaate. Tookkoon tokkoon ishee maalif dubbisa?
Dhuma irrattis iji koof iji isaa wali irra bu'e ijji isaas gaddaan guutuu ture. Gaddi isaa kunis akkan haaru ana hin goone. Gad jedhees gara lafaa nan ilaale fuula koos barruu koo lammaaniin dhokseetan boo'uu jalqabe, innis gara koo dhufees harkka isaa ana irra kaa'e.
Nahaammates, waan baay'ee natti dubbachuu ni danda'a ture, garuu umaa tokko hin dubbanne anaa wajjin boo'uutti ka'e. Ana biraas gara kaardiiwwan sanaatti deebi'ee galmeewwan kutattii sana keessa jiran hunduma isaanii as baasee bakka maqan koo jirutti maqaa isaa bakka mal'attoon koo jirutti mallatoo isaa kaa'ee waliin ga'e. Anis kun ta'uu hin qabu jedhee ariitiidhaan gara isaatti yeroon fiige "hinta'u hinta'u" jedhe nadeebise. Maqaan isaa bakka maqaa kootiitti barreeffamuun anaaf hin ta'u ture garuu barreeffamicha irratt maqaan isaa baay'e ifee jirattas ta'e irratti barreeffamee mul'ata ture. Maqaan koos maqaa isaatiin dhokfamen arge, maqaan isaas kan barreeffame dhiiga isaatiin ture.
Achumaanis suuta jedhee kaardiiwwan sana iddootti deebise. Seeqqannaa gaddaan wal keessa ta'eenis maqaa isaa barreessuu fi itti mallatteessuu jalqabe. Akkaataa kamiin ariifatee akka waliin ga'e naaf galuu hin dandeenye garuu inni xumuree gara koott deebi'e harka isaa ana irra kaa'e "raawwatameera" jechuu isaa qofan dhaga'e.
Ol jedheen dhaabbadhe kutattii sana keessaas nageggeessaa gad nabaase. Kutattiin cuftuu humaa hin qabdu. Amma iyyuu sichi waant heedduun akka irratti barreeffamuuf jiran nan hhubadhe.
* * * * *
Waaqayyo akkaataan itti jiraachaa jiru ni arga jettanii yaaddanii beektuu? Yesuus Wangeela Maatewoos 12:36 irratti "namoonni dubbii yaada malee afaan isaanii keessaa ba'e hundumaatti gaafatamanii, guyyaa firdiitti deebii deebisuuf jiru" jedhee dubbatteera. Ammam amnamoodha yoo ofiin jenne gadda fi gabbiidhaan yaadaa fi hojii keenyaan dhoksaatt waan raawwaneen akka isa yakkine ni beekna. Nutis yakka dhoksaatti hojjenneen sammuun keenya yaada hamaa akka raawwatuuf fedhii kennuufii keenyaan fuulli keenya yeelloon ni huffifama. Roomaa 2:16 irraa barsiisa akkas jedhu arganna "akka wangeela an barsiisuutti guyyaa Waaqayyo harka Yesuus Kiristoosiin dhoksaa namootaa bakkee baasee faradutti,waanti kun ni beekama." Ergamaan Pheexroosis Hojii Ergamoota 3:19 irratti "Egaa yaada garaa keessanii geeddardha inni cubbuu keesssan akka isiniif haxaa'utti gara Waaqayyootti deebi'aa" jedhee barsiiseera. Cubbuu fi yakka keessan Yesuus Kiristoos isini irraa haaxaa'eeraa laata? Moo yookiinis sammuu keessan keessaa baduu didee isin dhiphisaa jira?
Kana irra birmaduu ba'u ni feetuu? Yaadi gaarii hin taane fi hojiin keessan inni hamaan duraan hojjetaa turtan har’a isin dhiphisaa jiruu? Cubbuun keenya yaada keenyaa fi jireenya keenya irratti dhiibbaa guddaa geessisu. "Cubbuu hin qabnu yoo jenne of ni sossobna dhugaanis nu keesa hin jiru" (1 Yohannis 1:8) jedha. "Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du'a; kennaan Waaqayyo inni Kiristoos Yesuus gooftaa keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraat" (Roomaa 6:23).
Yesuus Kiristoos cubbuu keenya nuudf dhiisa. Gara biyya lafaa dhufee dhiiga isaa qulqulluus kan dhangalaase cubbamoota hundumaaf. Isin fayyuu nibarbaadduu "Ilimichi yoo birmaduu isin baase eegaa isin warra birmaduu baataniidha" (Wangeela Yohannis 8:36). Akkasumas Faarsaa 51. Ammuma gara Yesuusitti dhiyaadhaa cubbuu keessan himadhaatii qalbii keessanis diddiirradha. "Cubbuu keenya yoo isatti himanneinni amanamaaf qajeelaa waan ta'eefcubbuu keenya nuuf ni dhiisa, jal'na keenya hundumaattiis nu qulleessa" (1 Yohannis 1:9). Jireenya haragalfiif boqonnaan guutame jiraachuu yoo feetan Yesuusiiin amanadha. Guyyaa guyyaatt karaa akkamii irra akka deemuu qabnuu inni qajeelfama nuuf kennaa.
KUTATTII - 1995
Jooshuwaa Hariisiin