Yaa Dubbisaa:- Waaqa qulqulluu fulduratti cubbamaa ta’uu kee irraa kan ka’e murtiin du’aa akka sitti murtaaye beektaa? Namni cubbamaan du’a bara-baraa jalaa bayee jireenya bara-baraa qabaachuuf araara Waaqayyoo argachuu qaba. Araara kun isa waaqni beenyaa cubbuu keennaa irraa ittiin nu baraaru jechuudha. Fayyinni akkanumaan gatii malee tola kan argamuu ta’uillee Waaqayyo gaarummaa fayyinnaa kana karaa tokko malee hinkennu. Waaqayyo haalli gaarummaa isaa kana itti keennuu jecha tokkoon woyta wolitti qabamu “Qalbii jijjiirachuu” dha.
Yohaannis cuuphaan dubbii Waaqaa lallabaa dhufe. Ergaan isaa hundi ifaa fi ulfaataa turan. “Mootummaan Waaqaa dhiyaateeraati yaada garaa keessanii jijjiiradhaa!” (Mat. 3:2). Ilmi Waaqaa Yasuusis ergaa kanaan tajaajila isaa jalqabe. Pheexiroos ergamaan qalbii jijjiirachuun gaafii fayyinnaa akka ta’e dubbateera (Mat. 4:17)? “Egaa yaada garaa keessanii jijjiradhaa, inni cubbuu keessan akka isinirraa haxaayutti gara Waaqayyoo deebi’aa” (Hos. 3:19). Qalbii jijjiirachuu keennaan balballi araaraa nuuf banama, fayyinnis arganna.
Martinuu Cubbamaadha
Biyya lafaa kana irra namoota adda addaa heddutu jira. Kara hedduus tokko tokkoon keenya kan biraa-irraa adda-addaa dha.
Hunduma keenyaaf kan ta’u garuu eenyumti keenya kan hinhubanne wonti tokko jira. Dubbiin Waaqaa kana ifatti lafa kaayee jira. “Hundinu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hirdhateera” (Rom. 3:23). Ammoo hubadhu, “Namni qajeelaan hinjiru” (Rom. 3:10) jedha. Raajii Isaayyaas keessattis akkas jedha, “Nu’u hundumti keenya akka hoolotaa karaa irraa badnee turree, adduma addaanis kara-karaa ni gorree” (Isa. 53:6).
Yaada muummicha eergaa kanaa hubattee? “hunduu karaa irraa bade” “qajeelaan hinjiru” “hundi yakkaniiru” jedha. Jaalatamaa dubbisaa; lubbuun keetii fi jreenni kee kan Waaqaa ti. Dhiira ta’e dubra, jaarsa ta’e jaartii namni Waaqayyoof hin ajajmne cubbuu keessa jira. Dubbiin Waaqayyo ammo “lubbuun isa cubbuu hojjatuu ni du’aa” (Hiz. 18:14) jedha.
Cubbuun Waaqarraa
Gargar Nama Baasa
Cubbuun kee sii fi Waaqa gargar baasee jira. Keessa keetitti fedhiin ati ibsuu hindandeenne jiraachuun ni mala. Kophaa kee kan jirtu kan gatamtee yookiin ammo Waaqayyoo kan si hin dhageenne sitti fakkaachuu danda’a. Haala kanaaf sababii isaa ilaalchisee dubbiin waaqaa akkana jedha. “Kunoo, harki Waaqayyoo gabaabbatee isin fayyisuu hin dadhabne; gurrii isaas duudee iyya keessan dhagawuu hin dadhabne; yakka keessantu isinii fi Waaqa jidduu goree gargar isin ittise” (Isa. 59:1-2) jedha. Akkasumas “Beenyaan nama cubbuu dalaguu du’a” (Rom. 6:23) jedha. Waahee jireenya keetii fi waahee cubbuu kee yeroo yaaddu waayee waaqaallee yaadadhu. Waaqayyo cubbuu hinqabu. Kanaafuu inni qulqulluu dha, qajeelaadha, dogoggora tokkollee hinqabu; cubbuuf murtii ni barbaachisa jedha. Akkasumas “Waaqayyos hujii hundumaa gaarii ta’us hamaa ta’us dhoksaatti hojjaetamu maraafuu murtii ni kenna” (Lal. 12:14). Yaa dubbisaa:- sii fi Waaqa jidduu garaagarummaa guddaa akka hallayyaa ta’etu jira. Hallayyaa guddaa nama cubbamaa ta’ee fi Waaqa isa qulqulluu jidduu jiru karaa wolquunnamsiisu yoo argatte malee du’a bara-baraa ni duuta (Luq. 16:26). Eeyyee! Garuu abdiin siif ta’u jira; karaan siif ta’us qophaayeera.
Yasuus Balbala Bane
Murtiin Waaqayyo cubbuuf qopheessee du’a ta’uillee inni garuu Waaqa jaalalaa ti. “Waaqayyo jaalala” (1 Yoh. 4:10). Ati yoo Cubbuu keessa jiraattes, Waaqayyoo garuu si jaalata. Jaalala isaatiin karaa fayyinnaa siif qopheeseera (Yoh. 3:16). Waaqni gonkumaa soba hindubbanne, cubbuu irratti murtii dheekkamsaa ni buusa. Murtiin kun nama cubbamaa yennaa argatu, cubbamtichi sun du’a bara-baraa ni du’a.
Haata’uu malee Waaqni eenyullee akka hinbadne beenyaa cubbuu keenyaa akka kaffalu ilma isaa Yasuus Kiristosiin erge. Dubbiin Waaqayyoo akkas jedha, “Egaa gaarummaa fi humna Waaqayyoo yaadadhu!” (Rom. 11:22). Gaarummaan Waaqayyoo namoota fayyisa; murtiin isaa garuu adabbii fida.
Sababni inni guddaan Yasuus gara biyya lafaa dhufeef cubbuu keenya irraa nu fayyisuufi. Inni qulqulluu dha; cubbuu kan hinqabne, balleessaa tokkollee kan hinqabne hoolaa Waaqayyoo ti. Jaalalli Waaqni nuuf qabu kan mirkanaayee yennaa cubbuu fi badii keenna akkasumas beenyaa cubbuu, du’a bara-baraa nuuf ta’uu malu fuudhee Yasuusiin irra kaayee dha. Gaarummaa isaa ilaali! Yasuus abbaa isaatiif ajajamuun beenyaa cubbuu keenya fudhate innumti mataa isaatiin cubbuu ta’e (2 Qor 5:21). Murtii Waaqayyoo fudhachuuf fannoo irratti fannifame. Hanga beenyaan cubbuu keenyaa kafalamuutti sa’aatti jahaaf dhiphinnaaf gidiraadhaan lubbuu isaa keenne. Garajabinna Waaqayyoo hubadhuutii ilaali.
Qalbii Jijjiirachuu: Qooda Keenya
Dubbisaa Jaalatamaa:- Yasuus yennaa du’u sababa cubbuu keetiitiif du’uu isaa ni hubattaa? Yasuusiin eenyutu fannisee? Dursitoota worra yihuudoota qofaa dha? Itti gaafatamummaan kan philaaxoos yookiin kan loltoota Roomaa qofa sitti fakkaataa? Pheexiroos ergamaan uummata kumaan lakkaayamaniif yemmuu wongeela barsiisu akkas jedhee itti dubbachaa ture. “Namni kun (Yasuus) akka Waaqayyoo dur murtoo godhetti, akka yaada isaattis dabarfamee keenname, isin ammo harka worra seera Waaqayyoo hineegneetiin, muka irratti fanniftanii isa ajjeeftan” (H. Erg. 2:23).
Dubbisaa jaalatamaa:- Yasuusii badii kee baachuun du’a kee fudhate ilaaltee? Gocha gaddisiisaa kana gadi fageenyaan ilaaltee qalbii Jijjirachuun dhugaa isa jalqabaati. Humna hafuura Waaqaatiin otoo hubattee Cubbuu keetiin du'uutu sirra ture. Garuu Yasuus adabbii kee fudhate!! Dhugaan kun laphee kee keessa gad-fagaatee yoo seene cubbuu keetitti gadduun ni gaabbita. Adabbii du’a nama tokkoof ta’uu malu namni biraa keessattuu ilmi Waaqaa fudhachuu qaba jedhanii murteessuun baayise sodaachisaa dha. Gatii cubbuuf kaffalame guddaa kana garaadhaan kan hubatan gaabbii fi imimmaaniin cubbuu isaanii Waaqatti himatu. Sirritti yeroo yaadnu murtiin nu irratti ta’uu' malu Yasuus Kiristoos irratti yoo bu’ee yaa Waaqayyoo “Ana cubbamtichatti araarami!” (Luq. 18:13) jennee boowuu qabna.
Kun egaa qalbii Jijjiirachuu isa jalqabaa ti. Qalbii Jijjiirachuun yeroo itti fufuu, karaa keenya isa cubbamaa irraa deebine gara karaa Waaqayyootti fuula keenya qajeelchutu nurra jira. Namni tokko karaa isaa isa hamaa irraa woytii deebi’u garaa isaa gara Waaqaayyootti deebisa. Namoota gara isaa dhufaniif hujiin qalbii Jijjiirachuu, gabaabumaan laphee isaanii irratti barreeffannoo kana dha. Namni qalbii Jijjiirachuu baannaan nagaya, gammachuu fi fayyinna gonkumaa argachuu hindanda’u. Gidiraa fi dhipinna getesemaani Yasuusiin wojjiin yoo hirmaachuu baannee gammachuu du’aa ka’iinsa isaa irraa hirmaachuu hindandeenyu.
Dhuma irratti qalbii Jijjiirachuun fedhii Waaqaatiif gad uf qabuunii fi kabajaan ajajamuun mirkanaaya. Kunis woldaan kristaanaa daandii jireenya kakuu haarayaatiin akka deemtuu taasisa.
Otoo namoota duuti itti murtaayee fi bakka itti miliqnu kan hinqabne taanee jirru kiristoos garuu akkas jedhe “Gara kiyya koottaa ani boqonnaa isiniif keenna” (Mat. 11:28). “Waan inni duraan dursee nu jaalateef, nus isa jaalanna!” (1Yoh. 4:19).