Dubbiin Waaqayyoo guyyaan Gooftaa immoo akka haattuun dhuftutti ni dhufa. Jechuun nu hubachiisa (2 Phex. 3÷10). Nu’u dhufaatiin Gooftaa dhihaachuun dhugaa akka ta’e akkamitti barre? Naannoo keenya yommuu ilaallu maal hubannaa?
Sagalee Waaqaa otoo qorannee kan bara dhumaaf barreefame hundu raawwatameera. Mee waan xiqqoo haa ilaalluu “Bara sana bishaan dura, hanga gaafa Noohi markabatti galetti, namoonni nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turan” (Mat. 24¸38). Waaqayoo adunyaa isa duraa bishaanin kan balleesse namni of jaalataa fi garaa isaatiin yaadni isaa gaarii waan hin taneeef “Waaqayyoon jaalachu irra, warra of gammachisu jaalatan” (2 Xim. 3¸4) ta’u. Bara kana keessa namoonni yaada garaa isaaniitii fi fedhii isaaniitiin of gammachiisu. Yeroo kaa caalaa waan isaan gammachiisu jaalatu; kanuma argachuuf wanti isaan hin goonee fi itti hin dadhabne hin jiru.
Mee amma yeroo kana adunyaa kanarratti badii dhaqabaa jiru haa ilaallu. Jibba, wal qooduu, gadhummaa fi gara jabummaan biyyoota baay’ee irratti babaldhchuun isaa hin muldhata. Ajeechaa hamaaf dhiiga lolaasuun guyyaa guyyaan ni raawwatama. Kun kan ta’u maaliifi laataa? Deebiin isaa ifa dha. Namoonni waan Waaqayyoon irraanfataniifii. Yeroo ammaa dargaggoonni maaliif nageenyaaf hara galfachuu dhabee sardama, gidiramaa kan hin ajajamne maalif ta’anii? Ijolleen ijoollummaa issaaniitii jalqabanii dubbii Waaqaatiin gorsaa fi jaalaalaan dura bu’anii agarsisuun siriitti guddisuun kan barbaachisu maatiin garuu dhilabb’uudhaan, hojjaan, yookiin sababa adda addaan ijollee isaaniitiin otoo wal hin argiin kan dabarsan waan ta’aniif ijoollee isaanii akka malee ufiin uf akka bulchaniif waan dhiisaniifi. Daandii irra deemuun yeroo baay’ee rakkoo kan uuman ijoollee akkasiiti. Dirqamaan yakka raawachuun, saamuun yeroo yeroon baay’ataa jira. Yakki sodaachiisaan akkanaa yammuu taasifamu wanti rakkisaan guyya guyyaan fuula isaa jijjiirataa akkasumas baay’ataa yemmuu deemuu ni ilaalla; ni dhageennas. Egaa yaa dubiisaa maal yaada? Wanti kun ammaan booda kan siraayu, yookiin karaan itti qajeeluu jira jettee yaaddaa? Kun hamma yommiitti itti fufa? Waaqayoo Gooftaan hamma ammaatti obsullee Hafuurri (Ayyaanni) isaa garuu yeroo mara goorsaan hin turu. Guyyaan namni marti waayee ufii Waaqa fuldurattti deebii kennu ni dhufa.
Namni amane bara kana maal yaada laata? Wanta dura dhufuuf qabuuf eddoo kennaa jiraa laata? Moo ifa isaa dhuugaaf akka hin ibsine wanti adunyaa gammachuu fi wanti adda addaa jireenna issaa hudhee qabeera? “Lafaaf sooqidda” kan jedhamee humna mi’a isaa dhabee jiraa? Sagaleen Waaqaa “Ifnii isin keessa jiru duukkana yoo ta’e dukkanni hammam hamaa haa ta’u?” jedha. Dhugaa dha. Hundi keenya ifni dukkanaayaa demmuu isaa ni beekna kunis yeroo dhiyootti lubbuun hundumti abbaa murtii fulduura dhaabate waayee ufii akka deebii kennu beeksisa.
Akka Kitaabni Qulqulluun nutti himutti dhugumaan Yesuus ni dhufa. “Dubbii kana dubbatees, otuma issaan ilaalanii gara samiitti ol fudhatame; duumeessis isa simate, ija isaanii duraas ni dhokse. Otuma isaan karaa inni ol baye sana irraa ija hin buqqifatin, kunoo, namoonni uffata adii uffatan lamaan isaan bira dhaabatanii, ‘Isin namoota Galiilaa, maaliif dhaabattanii samii keessa ilaaltuu? Yesuus, inni isin biraa gara samiitti ol fudhatame kun, akkuma amma gara waaqaa dhaquu isaa argitan kanatti immoo, deebi’ee ni dhufa’ jedhaniin” (H. Erg. 1÷9–11). Kun dhugaa shakkii hin qabne. Ni dhufa ijji hundumtuu ni arga. “Yommuu dhufu namoonni biyya lafaa hundumttuu isa fulduratti wolitti qabamu; akkuma tikseen, hoolota re’oota irraa gargar foowu, innis namoota sana gargar baasa” (Mat. 25÷32). Kan qophaayan isa faana ulfinnaan deemu; kan hin qophoofne garuu ni hafu. Ati hoo? Warra deemani mo’o warra hafanii? Tokko filachuu qabda.
Hundi Keenya Cubbamtoota
Hundi keenna uumama cubbu-qabeessaan dhalanne. Hundii kenya akka hoolotaa kan babbane dha. Eennullee gaarii hin hojjatu. Eenuyyuu ani cuubuuraa qulqulluu dha jechuu hin danda’u. Sobuu, fakkeessuu, gowwoomsuu, waliin dhahuu fi hatuun amala namaa kan uumamaati. Ijoollummaa keennarraa jalqabnee waan siirii hin taane baay’ee hojjataa turreerra. Erga guddannee booda waanuma gaarii hin taanee sana cubbuu ta’uu beekaa deeddebinee hojjanna. Cubbuun immoo miindaa qaba. Cubuun gonkumaa otoo hin adabamin hin haafu. “Namni akka yaada foon isaatti facaasu, yaada foon isaa sana irraa badiinsa ni galfata” (Gal. 6÷8). Cubbuurraa qulquulaawuuf wanti nu’u ufii kennaan goochuu dandeenyuu hin jiru. Cubbuun siruumaa mana samii hin jiru! Egaa eessa gahuufi? Abdiin bakka hin jireetti dukkana barabaraatti cinqamaa jiraachuu wayya mo’o qalbii jijjiirachuu sii wayya?
Warra jireenya bara baraa argatanii qophaayanii dhufiinsa Gooftaa eeganiif akka isa waliin ulfinnaan jiraataniif isaan fudhachuuf goftaan lammata akka dhufu Kitaabni Qulqullun ni dubbata (1 Tas. 4÷16,17). Eddoon Waaqayyoo qulqullootaaf qoopheese baay’ee nama gammachiisa. Enyuyyuu hin argine. Wanti isaan qixxaayu hinjiru “Ijji namaa hin argine, gurri namas hin dhageenye, yadni namaas bira hin geenne” (1 Qor. 2÷9) jechuun caqasa. Bakka Waaqayyo qulqullotaaf qoopheesse argachuuf ammuuma qophaawuu baanaan assitti hafna achiin Kitaabni Qulqulluun yommuu akkeekkachiisuu lafti ibidda cimaadhaan gubatti jedha (2 Phe. 3÷10). Ibiddi kun kan bara baraati “raammoon nama nyaatu hin du’u, ibiddi isaas hin dhaamu” (Mar. 9÷44). Boohichaaf ilkaan woliin qaruun bara baraaf achitti ta’a. Lafa irratti warra hafan hunda irratti rakkinnaaf dhiphinna guddatu ta’a. “Aarri ibidda isaan dhiiphiisuu immo baruma baraan ol guddataa deema” (Mul. 14÷11). Sammuun keenna bara baraaf gatamuunni fi Waaqa irraa adda bayanii bakka abdiin tokkollee hinjirretti baduun hangam cimaa akka ta’e qayyabachuu hin danda’u.
Hundarra baay’ee gaddisiisaa kan ta’e garuu kennaa tola Waaqayyoo kan ta’e jireenya bara baraa kan dhabnu dhilbaawuummaa kennaan laphee keenya jabeesuudhaan, dubbii Waaqaa dhagahuu dhiisuuni. Kunis gammachuu biyya lafaati fi cubbuu jaalachuu irraa dhufa. Kun dogoggora keenya malee kan nama dhibiitii miti. Enyuttuu irkisuu hin dandeennu. Akka nu’u filatamtoota Waaqayyoo taanee jireenya bara baraa argannuuf fedhii Waaqaati. Jaalalli Waaqayyoo badirraa akka baraaramnuuf karaa nuf qopheesseera. Fayyuu keenyatti gammannee isa faana jiraachuuf waamamneerra.
Jaalala Waaqayyoo
Waa’ee jaalala Waaqaa Yoh. 3÷16,17 kan caaluu kutaan ibsuu danda’u hinjiru. “Kan isatti amane hundumtuu jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee, akka hin banneef. Waaqayyoo ilma isaa tokkicha hamma kennuti biyya lafaa akkasumatti jaalateeraa tii, biyyi lafaas akka isaan fayyuuf malee biyya lafaarratti akka murteessuuf Waaqni gara biyya lafaatti isa hin ergine.” Affeerriin jaalala Yesuus namoota hundumaafi. Akkas jechaa gara isaatti nu waama. “Isiin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba’aniis kan isinitti ulfaate martinuu gara kiyya koottaa; anii boqonnaa isinif kennaa. Qambara kiyya baadhaa, ana irraallee baraa; ani garraamiidha kan gadi uf deebiseefis; boqonnaa lubbuu keessanii akka argattaniifi. Qambarri kiyya nama hin miidhu; ba’aan kiyyas salphaadha” (Mat. 11÷28–30).
Namoonnii bara kakuu moofaa keessaa dhiiga jibichaa kan korbeessaa kan ree’otaa. Kan gugee dhiifama cubuutiif yammuu aarsaa taasiisan. Kunis waan aarsaa malee dhiifamni cubbuu akka hin jirree hubataniifi. Dubbiin Waqaya Isaayyaas 53 irratti akka dubbatutti ilmi Waaqayyoo Yesuus Kiriistoos sababa cubbuu adunyaa kanaatiif aarsaa ta’uudhaaf akka hoolaa oofame; afaan isaallee hin banne jedha. Eyyee hundumtti keenya cuubuun hidhamneerra. Kanarraa nu oolchuu kan danda’u waayee cuubbuu keennaatiif dhiiga isaa dhangalaasee kan nu fayyise Yesuus Kiriistoos fayyisaa keenna amanuun yoo isa gara jiruu keennaa simanne ta’a. Akkuma inni nubarsiisetti jiraachuunis nurraa eegama. “Innis ani karaa dha, dhugaa dha, jireenyas nuun jedheeraa tii” (Yoh. 14÷6). “Itti dabalees nama gara kiyya dhufu gara alaatti hin baasu” jedha (Yoh. 6÷37). Dubbii Waaqaa yemmuu dubbifanu cubuu adunyaa kan balleesse hoolaa Waaqayyoo isa ta’e gara Yesuus Kiristoosiitti nu geesa. Innis biyya lafaa kanarra yeroo jiraate sana hundumaa akka barsiise wanta gaariis akka taasiise warra ba’aan itti ulfaate akka boqqochiise warra dhukkubsatanis akka fayyise warra du’anis akka kaase nutti hima. Dhumarratti waa’ee cuubbuutiif fannifamee akka du’e, erga awaalamee boodas guyyaa sadiin boddatti du’aa ka’uu isaa ifaan dubbataa. Kanarraan kan ka’e hojjaan fayyinnaa isaan hojatame xumuurameera. Innis gahaa fi qulqulluu dha. Kanafuu fayyinna akkanaa yoo daganne akkamitti jalaa baanaa?
Gahee Nama Amanee
Yeroon nuti adunyaa kana irra jiraannu raawachuuf dhihaateera. Gaafiin inni guddaan garuu hujiin keenya hojjatameraa? Nama goofatatti hin amanne tokko akka inni Kiriistoos Yesuusitti ammanuudhaan fayyinna argamu dhugaa bahuuf otoo dandeennu dagachuu keenna irraa kan ka’e yeroon kun yoo jala darbe lubbuun isaa rakkatte Kiriisttoos malee gara qiliileetti (jahaannamii) otoo buutee itti gaafatamuumaan nutti hin dhagahamuu?
Waaqayyoo Hizqeel raajicha yommuu hubachiisu “Yeroo ani nama jallateen, ‘Ati dhugumaan ni duta’ jedheeni, ati immo yoo isa akeekkachiisuu baatte, karaa isaa jallaa irraa akka deebi’u itti himuu baannaan, namni jallaan sun yakka isaatiin du’a; ani ammoo dhiiga isaa harka kee irraa barbaada” (Hiz. 3÷18) jedha. Boqonnaa kanarra kan jiru qabxiilee afur tartiibaan yoo ilaalle namootaaf sagalee fayyinnaa dubbachuuf itti gaafatamummaa nutti kenname yoo hubannee baay’ee nama sodaachiisa. Nu’u ragoota isaati. Ilaalchi nu’u jireenya umamaatiif qabnu fi ilaalchi hafuuraaf (ayyaanaaf) gadi fageenyaan qabnu ilaalcha namoonni ammantiif qabaniif bu’uura ta’a. Karaa dhugaa beekuu dhisuu irraa kan ka’e rakkinni isaan qunnamu du’a barabaraa hubachuun badii kanarraa akka fayyaniif Hafuura Qulqulluuf (Ayyaana Wayyuu) jaalala Waaqaatiin guutamnee dubbii Waaqaa dhugumaan warra dhugeessan ta’utu nurra jira. Nu’u garuu sagaleen jireenyaa namootaa akka dhaqqabuuf guyyaa guyyaan cimne kadhachuudhaan dhugaa bahuu otoodandeenyuu baay’inaan akkanumaan ilaalaa jirra. Egaa amantoonnii tajaajila guddaa fi waamicha yeroo kanaaf uf kakaasuun nuf hin ta’uuree hojjaan keenya hojjatamee dhume mo’o? Yookiin kenna arganne jireenya bara baraa irraanffannee dubbii dadhabneerraa? Gooftaaf hojjanna yoo jenne ammo hojjachuun nuf ta’a “inni dhufuuf jiru, ni dhufa hin turu” (Ibroota 10÷37).
Guyyaa isaa beekuu baannullee Yesuus ni dhufa; yeroo isaa addaan baafachuu baannullee dhugumaan ni dhufa. Qixxee halkanii yookiin ganamaan ni ta’a yookiin guyyaa tassa dhufa. Bari’uun gahulle isa maaltu dhoorguu danda’a? Galgalayyuu akka tasaa dhufuu danda’a. Gooftaan keenya yeroo ulfinnaan muldhatu ani hoo qophaayee guyyaa mara isa egaa jiraa?