Yeroo ammaa ati jiraataa dha. Hafuura ni baafatta, ni deemta ni hojjattas. Siif mijaayee jiruu gaarii jiraataa jirta ta’a yookiin jiruun sitti hammaateera ta’a. Aduun ni baati ni lixxis; bakka tokkotti yeroo kana daa’imni ni dhalata; akkasumas bakka dhibiitti namni du’u yeroo mara ni jira.
JIREENYI KUN QOPHII YEROO MURAASAATI
GARUU,
DU’A BOODDEE GARAM DEEMTA?
Yoo nama amantiis taate
Yookiin yoo amantii kamittiyyuu amanuu
baatte
gaafii baay’ee barbaachisaa ta’e kana
deebisuu qabda.
Namni erga yeroo gabaabaaf lafa irra
jiraateen
booddee
gara iddoo bara baraaf keessa
jiraatuu
deema
(Lal.12:5).
GARUU EESSA DEEMTAA?
Dhagaan awwaala kee irra kaa’ame lubbuu kee awwaaluu hindanda’u. Yookiin reeffi kees yoo gubatee gatame lubbuu kee barbadeessuun hindanda’amu. Haroo guddaa keessattis yoo duute lubbuun kee bishaaniin hinlqifamu.
LUBBUUN KEE GONKUMAA
HINDU’U!
WAAQNI SAMII FI LAFA UUME
“LUBBUUN HUNDI KIYYA”
JADHEERAA OTI.
Erga duuteen booda eenyummaan kee kan dhugaa (lubbuun kee) wantoota ati otoo jirtu hojjatte. Wantoota gaarii yookiin hamaa ni argita (Ibr. 9:27).
Sirritti Waaqeeffatta ta’a
Gocha hamaa keetiif gadditeerta ta’a
Kana malees waantoota ati dur nama jalaa
Fudhatte/hatte hunda bakkatti deebifteerta ta’a.
Dhuguma waantoonni kun barbaachisoo dha-
GARUU-
Cubbuu kee irraa of baraaruu hindandeessu.
Waaqni samii fi lafa uume, abbaan murtii qajeelaa jiruu keetii fi cubbuu kees ni beeka. Wanti isa jalaa (duraa) dhokate tokkollee hinjiru. Ati cubbuu kee irraa kan ka’e addunyaa dhufuuf jiru keessatti bakka ulfinnaa fi eebba Waaqaatiin guutametti galuu hindandeessu.
Garuu Waaqni samii kun Waaqa jaalalaati. Inni baraara lubbuu keetiitiif jireenya keetiif karaa qopheesseera. Gara si’ool iddoo ibiddi boba’ee hindhaamnetti gatamuun sirra hinjiru. Waaqayyo lubbuu kee fayyisuuf jecha Yesuusiin gara biyya lafaa erge. Yesuus yeroo fannorratti dhiphatee du’etti cubbuu kee hunda ofirratti fudhatee dhiphate. Waaqni waan qabu hundaa kan caale Yesuus Kiristoosiin cubbuu keetiif arsaa godhee kenne. “Inni garuu sababii cubbuu keenyaatiif ni waraaname, yakka keenyaafis reebamee caccabsame; akka nu nagaa argannuuf inni adabame, madaa isaatiin fayyinna argame” (Isa. 53:5). Jechi kun otoo Yesuus gara biyya lafaa hindhufin waggaa baay’een duratti raajame/himame.
Akka Yesuus si jaalatu amantaa? Cubbuu kankee kadhannaan isatti himachuu barbaaddaa? Qalbii jijjiirattee cubbuu kee irraa deebi’uun Yesuus Ilma Waaqaatitti amanuu feetaa? Yeroo ati gutumaan guututti Gooftatti of kennite Gooftaan lubbuu keetiif nageenya akkasumas du’aan booddee jireenya kabajaa (jiruu bara baraa) siif ni kenna. Atis kanaan booddee waa’ee bakka bara baraaf keessa jiraattuu akkasumas jajjabeenya lubbuu keetiif argattuu beekuu dandeessa.
Garuu wanti nama gaddisiisuu tokko namoota jaalala Yesuus isaaniif qabu tuffatan ibidda bara baraattu isaan eeggata. Erga du’aniin booddee gara biyya lafaa deebi’anii jiraachuun yookiin fayyinna argachuun hindanda’amu. “Ergasiis warra karaa bitaa isaa jiraniin akkana jedha; ‘Isin abaaramtoota nana, na duraa badaatii ibidda barabaraa isa daabiloosii fi ergamoota isaatiif qopheeffametti galaa’ ” (Mat. 25:41). “Garbicha faayidaa hin qabne kana dukkana alaatti, bakka booyichii fi ilkaan qaruun jirutti gadi darbadhaa” (Mat. 25:30).
Waaqayyo Kitaaba Qulqulluu keessatti akka biyya lafaa irratti murtii adeemsisu ni dubbata. Kitaabbileen Qulqulluun kunneen guyyaa murtiitiin duratti mallattoowwan gara garaa haala ifa ta’een akka mula’atan ni ibsu.
Dhufiinsa Gooftaatiin duratti warannii fi oduuwwan waa’ee waraanaa ni dhaga’amu. Biyyonnis ni gadduu, rakkoo gara garaatiinis ni raafamu. Biyyoonni wal waraanu; akkasumas haala ittiin gargarummaa isaanii wal danda’anii jiraataniin hin argatan.
Sochiin lafaas bakka garagaraatti ni ta’a Kitaabni Qulqulluun akka namoonni hamtoonni (hamoonni) dhiphachaa deeman ifa godha. Namoonni gammachuu fi jaalala aduunyaatiin waan fudhatamaniif akeekkachiisa kennameef hinfudhatan. Nu’u akka wantoonni raagootaan dubbataman ta’aa jiran dhugaa bawuu (rageessuu) hindandeenyuu (Mat. 24:6,7,12 akkasumas 2 Xim. 3:4)?
Mootiin qajeelaan Abbaan murtii kan hunda caalu (Yesuus Kiristoos) qabeenya, hiyyummaa, beekamoo ta’uu, tuffatamuu (jibbamuu) bifa, sanyii, gosa, ilaalcha keenyaan hin socho’u. Inni yeroo maraa isuma (hinjijjiiramu). Gaafa tokko fuula Waaqa nu uumee duratti murtii hojii keenyarratti hundaa’ee nuuf kennamu fudhanna (Mat. 25:32,33).
Jiruu dhufuuf jiru keessatti (jiru bara baraa keessatti) sa’aatiin yeroo lakka’uu, kalandariin waggoota lakaa’an akkasumas jaarraaleen hinjiru. Ibiddi bakka cubbamtoonni bara baraaf keessatti gubatanii boba’u gonkumaa hin dhaamu. Gammachuun, faaruun, eebbii fi jajjabeenyi bara baraa warra furama argataniif (warra Yesuusitti amananii cubbuu isaanii irraa dhiqamaniif) ta’a ammuma filadhu! Yeroo gabaabaa booda carraa kana dhabuu dandeessaa tii. “Kunoo, yeroon malu amma; kunoo, guyyaan fayyinnaas hardha” (2 Qor. 6:2, Mat. 11:28-30).