Maalummaa Si’ool
Si’ool Eessa?
Karaa Si’ool
Eenyuutu Achitti gala?
Worri badan achii maal godhu?
Waaqayyo Cubbamaa ni Adabaa?
Kitaabni qulqulluun waayee galaana ibidda isa barabaraan hin dhaamnee ifaatti barsiisa. Yeroo kanas namni cubbamaa ta’e hundi badiinsa suukkanneessaa fi gaddisiisaa barabaraa ta’e kanattii akka fayyuuf Waaqayyo isa qulqulluu ta’een akeekachiisni kennameera. Egaa akka kana sodaachisaa kan ta’e si’ool waan akkamii ta’inna laata?
Si’ool Kana Fakkaata
Dubbii Waaqayyoo keessaa waan muraasa haa ilaallu. Si’ool Galaana ibiddaati:- (Mul. 20:14). Dukkana limixii barabaraati (Yud 13).
“Furtuun boolla lafa jala isa gadi fagoo ni kennameef ... aarri akka aara bakka ibiddaa guddaatti ka’u boolla sana keessaa ni bahe” (Mul. 9:1-2). “Innis ofii isaatii daadhii woyinii dheekkamsa Waaqayyo isa otoo makaa hin qabaatin, xoofoo dheekkamsaa isatti buufame dhuguuf jira; fuula ergamoota qulqulootaatti, fuula hoolichaa durattis, ibiddaaf dhagaa bobayuun dhiphifamuuf jira. Aarri ibiddaa isaan dhiphisu immoo baruma baraan ol ni baha;... halkani-guyyaas hara galfachuun hin jiru.” (Mul. 14:10-11) jechuudaan ibsa.
Si’ool Eessa Jira?
Barruun qulqullaawoon akka nutti himanitti bakka Waaqayyo jiraatu irraa addaan bayee fagaatee kan jiru, gadifageenya kan qabu, lafa jala kanjiru boolla dukkanaa ti. “ Karaan nama ogeessaa bakka lafa jalaatti akka inni gadi hin buuneef, gara jireenyaatti ol isa ni geessa” (Fak 15:24). “...Gara lafa jalaatti gadi ni darbatamta” (Mat. 11:23). “Kana hundumaa irratti immoo as gama keennaa, gara keessanitti darbuu Worri barbaadan akka hindandeennetti achiis gara keenyatti akka hin ceenetti bowwaa guddaan isaa nu jidduu jira” (Luq 16:26). Gabaabaa dhumatti sagaleen Waaqayyoo kun si’ool eessa akka ta’e agarsiisa.
Karaa Si’ool
Dubbiin Waaqayyo “...karaan gara badiinsaati Geessu guddaa balballi isaas baldhaadha, kan itti galanis baay’ee dha” (Mat 7:13). Jedha. Jalqabatti bakka kanatti galuuf baay’isee salphaadha. “Karaan isaa boochoo waan ta’eef.” Lammata ammoo bakka kana turuuf waanuma tokko rakkisaa miti, lafti isaa boochoo waan ta’eef. Sadafaa namoota heddutu karaa kana irra deema.”
Si’oolitti kan Galu Eennu?
Sagaleen Waaqayyoo yeroo deebii kennu “Worri jallatan gara bakka lafa jalaatti gadi haa bu’an, lafa irraa Worri Waaqayyoon irraanfatanis akkasuma gadi haalixan” (Far. 9:17). “Isin Worri rakkachaa jirtan immoo gaafa Gooftaan Yasuus ergamtoota aangoo isaa wojjiin Waaqaa irraa muldhatu nu wojjiin kana jalaa isin ni baasa. Gooftichi ibidda bobayaa wojjiin ni muldhata; gaafas worra Waaqayyoon beekuu hin barbaadin, worra wongeela gooftaa keenya Yasuusiitiif hin ajajamnes ni adaba.” (2 Tas 1:7-8) jedha.
“Namni maqaan isaa kitaaba isa Worri jireenya argachuuf jiran keessatti barreeffaman keessatti hin argaminis, kuufama ibiddaatti gadi ni darbatame” (Mul. 20:15). “Qoodni worra lugnoota, worra amantii hin qabne, worra ciiga’amoo, worra gumaa, worra Waaqa tolfamoo Waaqeeffatan, worra soban hundumaas garuu, kuufama ibiddii fi dhagaan bobawu keessa balalchu ni ta’a.” (Mul 21:8) jedha.
“Isin abaaramoo nana, na biraa deemaa. Gara ibidda barabaraa isa sheexanaaf ergamtoota isaatiif qophaayee dhaqaa. Beelaye beela na hinbaafne, dheebodhe dheebuu na hinbafne, daaree (qulla ta'ee) daara na hinbaafne. Dhukubsadhee na hingaafanne, hidhamees na hin dubbifne. Keessummaa ta'es na hinsimanne. Isaanis deebisanii, yaa Goftaa! Yoom kana maraa arginee sitti cadhifne? Jedhanii ni gaafatu. Yammuus deebisee, “worra hundumaa irra gadi ta’an kana keessaa isa tokkichaaf kan hin godhin anaafis hin goone” jedhee ni dee bisaaf. Isaan gara ”adaba barabaraa, Worri qajeelonni garuu gara jireenna barabaraa ni dhaqu” (Mat. 25:41-46) jedha.
Worri Adabaman Si’ool keessaa maal Godhu?
Akka dubbiin Waaqayyoo jedhutti “achitti namootni ni booyu, ilkaan isaaniis ni qaru” jedha (Mat 22:13). Jireenya barabaraa argatanii Worri fayyanii fi jennata keessa Worri jiraatan qulqullooni jajjabinnaa fi gammachuu isaanii isa kan barabaraa ilaaluudhaan, carraa kana worra hin arganneef immoo baay’ee gaddu.
“Harka isaa fi miila isaa hidhaatii dukkana isa alaatti darbadhaa! Achitti namootni ni boowu. Ilkaanis ni qaru” (Mat 22:13). Qiliilee keessas dhiphachaa otooma jiruu ol ilaalee, Abrahaamiin fagootti, alaazaariinis isa biratti arge. Achumaanis, yaa abbaa kiyya Abrahaam naa nayi; fiixee quba isaa bishaan cuuphee, akka arraba kiyya naaf qabbaneessuuf alaazaariin as naa ergi. Ani ibidda kana keessatti gubataa jiraa. jedhe. (Luq 16:23-24).
Waaqayyo Cubbamaa ni Adabaa laata?
Dubbiin Waaqayyoo waayee kanaatiif deebii inni nuuf kennu yoo jiraate “Waaqayyo ergamtootayyuu worra cubbuu hojjatan gadi darbatee boolla dukkanaa keessatti sinsilaata sibiilaatiin hidhamanii guyyaa murtiitiif akka eegaman godhe malee isaanii garaa hinlaafne. ...worra Waaqa malee jiraatan bishaan irra lolaasee;...Soodoomii fi Gomoraatti murteesse; worra Waaqa malee jiraatanitti wonta dhufuuf jiru fakkeenna isaanii irraa akka argitan, godheera...egaa gooftichi namoota Waaqaaf bulan qorama keessaa baasuu, worra jalloota ammo hanga guyyaa murtiitti adabaaf kaawuu ni beeka” (2 Phex 2:4-9).
Dhugaa dha cubuunii fi daddarbiin kamiyyuu shakkii tokko malee ni adabama. Kanaaf isin Worri hin amanamne, isa qulqulluu dubbii Waaqaatiif kan hin ajajamne, hojii gaarii kan hin qabne, fedhii foon keessaniif jecha kan garba taatan dhugaa Waaqayyoo irratti kan qoostan kan ga’istan, uftuultoonnii fi hamoonni “Attamitti murtii Gahaannamii jalaa baatu ree?” (Mat 23:33)
Isin worri qabeenya baay’ee qabdan, badhaadhummaan wolitti qabdan kun waan nagaya isinii kennu kan isinitti fakkaatu, hundumaa qabna Worri jettan ija Waaqayyootiin yeroo ilaalamtan garuu duwwaa kan taatan, Isin kadhannaa tokko malee baatanii galuudhaan, karaa deemaa waayee isaa kan hin beekne, badhaadhummaa Keesan malee kan hin yaadne, mee dhagayaa! dubbiin isaa akkana isiniin jedha. “Kanaaf eddoon lafa jalaa garaa isaa ni baldhifata, afaan isaas baay’ee baldhisee ni bana; gurguddoonni isaaniitii fi namoonni baay’een, Worri gammadanii fi Worri wocan achitti gadi darbatamu” (Isa. 5:14).
Isin nu’u kiristaana kan ufiin jettan bara keessan cufa balbala mootummaa Waaqayyo dhaabbattanii karaa ittiin ol seenan kan daaw’attan garuu galuudhaaf kan hin qophaayin, yaaduu malee takkumaa kan hin goone, otoo dhibooftanii yeroo keessan kan dabarsitan, abdii keessan arguuf kan hin qophaayin dhagayaa! Akeekkachiisni kun Waaqa biraa isinii kennameera. “ Yoos immoo nu’u fayyinna guddaa akkasii isa gooftaan ufii isaatii jalqabatti dubbate tuffannee attamitti isa jalaa baana ree” (Ibr. 2:3)?
Isin worri abdiin isiniif kenname garuu kakuu abdii keessanii kan dagattan, cubbuu fi du’a irraa erga addaan baatanii boddee mamii irraa kan ka’e gara fulduraatti deemuu kan dadhabdanii dhiiftanii kan bira darbitan deebi’uun kan ilaalaa jirtan, “Haadha manaa Looxiii yaaddadhaa!” (Luq 17:32). Kan worra cubbamtootaa “Murtiin bara duriitii jalqabee isaan irratti hojjachuu hin dhiifne, badiinsi isaaniis hin rafne.” Kan jedhu hin hubanne moo? (2 Phex 2:3). “Attamitti akkas uf gattee rafta? Ka’ii, Waaqa kee waamadhu! Tarii Waaqayyo kun akka nu’u hin banne nu yaadata ta’a!” (Yon. 1:6). Kan jedhu hubadhaa.
Yaa worra jireenya barabaraa hin argatin atattamaan ammuma kaaftanii garaa keessan guutuudhaan gara Waaqayyootti deebi’aa “Yeroo inni argamuu danda’utti Waaqayyoon barbaaddadhaa! Otoo inni dhiyoo jiruus isa waamadhaa! Namni jallaan karaa isaa isa jallaa haa dhiisu, namni hamaanis yaada isaa isa hamaa irraa haa deebi’u! gara Waaqa keennaa isa araarri isaa guddaa ta’etti haa deebi’u, innis isa ni maara.” (Isa 55:6-7).