Cubbamoonni worri Waaqa hin beknee, kan hin ajajamne hundinuu adabbii isaanii fudhachuuf gara bakka rakkinnaa kan isaaniif qophaayee adeeman. Dubbii Waaqaa /Kitaaba Qulqulluu/ yoo hin amaninii kanas shakkuu hin dandeenyu. Yasuus Kiriistoos waayee kanaa yommuu dubbatu “Yeroo sana karaa bitaa kan jiraniin akkas jedhaan isin abaaramtoota nana sheexanaa fi ergamoota isaatiif bakka qophaayee gara ibidda bara baraatti narraa deemaa” (Mat. 25÷41). Akkasuumas laakkofsa 46 irratti “gara adabbii bara baraa” jedha. Yasuus Luq. 16÷19–24 irratti waayee namicha abbaa qabeenyaa tokkoo ibidda qilee keessatti kan dhiphatuu dubbata. Waayee ibidda qilee kanaas achitti bohichaaf ilkaan qarutu jira jedha (Mat. 13÷42).
Duuka-buutoonni worra mormaniin akka qabaman Yasuus ilaalchisee dubbateera. “Worra foon ajjeesan garuu worra lubbuu ajjeesuu hin dandeenyee hin sodaatinaa” (Mat. 10÷28). Dabalataan ijji keenya yookiin qaama keenya keessaa tokko yoo nu gufachiisee of keessaa baasnee akka gannu nu hubbachiiseera. Kana ilaalchisee Phaawuloos ergaa isaa irratti “Qaammolii keessan isaan biyya lafaa ajjeessaa” jedha. Bakka ibiddi isaa hin banne raamoon isaas kan hinmugne gara ibidda jahaannamiitti nu galchuuf, kajeellaa ijaatiif hamaa kan ta’e haawwi foonii balleessinee gara mootummaa Waaqayyootti galuu nuuf woyya.
Mat. 23÷33 irratti Yasuus worra isa morman Yihuudootaan “Ibidda jahaannam jalaa akkamitti baatu?” jedheen. Bakka kanatti Yasuus baay’ee dubbachutti akka jiru hubanna. Bakka kanarrattis waayee ibidda qililee yennaa hubachiisu, kan fayyinnaan morman, kan Waaqayyoof hin ajajamne bakka addabbii bara baraa akka ta’e deddeebisee ibsa.
Ergamoonnis yoo ta’an waayee bakka adabbii bara baraa kanaa waan dubbatan qabu. Phaawuloos ergamaan “Gooftaan Yasuus ergamtoota aangoo isaa wojjiin yeroo Waaqarraa muldhatu…worra Waaqayyoon beekuu hin barbaane worra wongeela Gooftaa keenya Yasuusiif hin ajajamne hin adaba” (2 Tas. 1÷7,8). Yihuudaanis waahee “Sodoomiif Gamooraa naannoo isaa jiran magaaloota ibidda bara baraan addabamuu isaani fakkenya akka ta’an” dubbateera (Yih. 7). Kitaaba raajotaa keessattis barreeffameera “Ibidda isa nama nyaatu faana jiraachuu kan danda’u nu keessaa eennu” (Isa. 33÷14)?
Egaa Kitaabni Qulqullun waahee ibidda qiliilee sodaachisuu rakkinna fi dhiphinna isaa nutti hima. Rakkinna guddaa lafa kanarratti kan nu qunnamu maraa kan caalu ta’uu isaa nu hubachiisa. Lafa kanarratti yaaddoorraa, dhukkubarraa, dhiphinnarraa, bilisa taanee jiraachuu barbaanna. Kana ta’uu baannaan duuti ni dhufa. Lafa kanarratti namoonni jiraachuudhaaf caraaqqii yemmuu taasisan du’a yoo jibban ni argina. Gooftaan Yasuus garuu waayee bara namoonni itti du’a barbaadanii yoo dubbatu yeroon namoonni “Gaarreeniin nurratti jigaa. Tulluuwwaniin nu dhooksaa” jedhan ni dhufa (Luq. 23÷30). Ammas namoonni du’a akka barbaadan garuu akka hin arganne du’as akka hawwan duuti garuu akka isaanirraa baqatu kitaaba muldhataa keessatti barreeffameera. Muldhata Yoh. 9÷6 iddoo sana ibbiddaan gubatuu malee hara galfachuun tokkollee hinjiru. Abbaan qabenyaa kan bakka sanatti gubataa ture fixee qubasaa bishaaniin cuubee arraba isaa akka isaaf qabbaneessu Alaazaariin gaafatee ture. Haata’uu malee hin arganne hin kennamneef ture (Luq. 16÷19-31).
Eyyee enyullee yoo ta’e qaama isaatti ykn samuu isaatiin rakkinni nama sodaachisu akka isa qunnamu hin fedhu. Namoonni baay’een gara qarree du’atti yennaa dhihaatan, iddoo jireenya bara baraa akka deeman hubataniirtu? Namoonni akkanaa waan hin qophoofneef du’u simachuu diduudhaan yeroo akka malee dhiphataniif yeroo worwaatan ni argina. Namoonni kaansarii fi dhukkuba gara garaatiin dhiphachaa turanii dhumarratti du’an baay’ee dha. Haata’uu malee namoonni kunniin garuu yeroo qabanitti Waaqayoo fayyinna isaanii dhiheesse mormanii simachuu dhisuuun dhuma irratti bakka itti hin dunee fi hin tortoorretti qaama isaanii adabbii fi rakkinna barabaraa jalatti yoo gatani gatii maal qabaree? Asitti duuti waan hinjirreef abdiin boqonnaallee hinjiru; dhiphinni isaa dhuma hin qabu.
Egaa dhiphinniif rakkinni bakka qililee Kitaaba Qulqulluu kessatti bakka baay’eetti ibsame jira. Akkasumas eebbii mootummaa Waaqayyoo gammachuun isaas haala ifa ta’een arreeffameera. Nutis akka namooni hunduumtuu soodaa ibidda bara baraatii fi rakkinna isaa kessaa bahaanii hirmaattota ulfinna mootummaa Waaqayyoo ta’an dhugaa hubatanii garaa qulqulluudhaan Waaqaaf ajajaman waan nurraa eegamuu maraa raawwachuu qabna.
Namichi tokko yemmu dubbatu bishaan adunyaa irra jiru cufti halluu yoo ta’e sibiilli adunyaa kanaas qalamaa yoo ta’e gammachuu fi ulfinna mootummaa Waaqayyoo, akkasuumas dhiphinaaf rakkinna qiliilee keessa jiru wolakkaa isaallee barreesuu hin danda’u jedhe. Namoonni muraasni kana hin amanani. Garuu itti gaafatamummaa hangam ulfaatu ufirratti fudhachaa jiru! Waaqayyoo akka hin sobne Kitaabilee Qulquulluurratti nutti himeera. Yasuusis, “Samii fi lafti ni dabru, dubbiin kiyya garuu hindabru” jedheera. Namoonni dhugaa kana amanuu diisuun balaa akkanaa ufirraatti waamuu hinqaban. Kitaabni Qulquulluun akka dhugaa ta’e Waaqayyoos akka soba hin dubanne Yasuus
“Dubbiin kee dhuugaadha” jechuun dhugaa baheera (Yoh. 17÷17).
Ilma namaa kan cubbuu isaatiin abaaramee bakka rakkinaaf bakka boohichaa eeggatuuf akka iasaan du’a bara baraa keessaa bahnii gara mootummaa Waaqayyoo galan maal gochutu nurra jira? Haala namoonii ulfinna mootuumaa Waaqayyootiif gahaa ta’aniin dubbiin Waaqaa, “Qalbii jijjiiradhaa wongeelattis ammanaa” (Mar. 1÷15) jedha. Qalbii jijjiirachuu ykn jijjiirama laphee malee akka hin taane yemmuu dubbatu ammoo “Yoo deebi’uu baattan, akka daa’imaas ta’uu baannaan gara mootummaa Waaqayyootti hin galtan” (Mat. 18÷3) jedheera. Jijjiiramni kun Yoh. 3÷3 irratti dhaloota haaraya jedhama. “Namni yoo lamatta dhalachuu baate mootummaa Waaqayyoo arguu hin danda’u” ergamtoonni Gooftaas kanuma barsiisan. Pheexiroos “Egaa yaada garaa keessanii jijjiiradha; inni cubbuu keessan akka isinii dhiisuuf gara Waaqaa deebii’aa” (H. Erg. 3÷19) jedheera. Cubbuun kamillee gara mootummaa Waaqayyoo waan hin galleef amuma dhiifama cubbuu argachuun baay’ee nu barbaachisa.
Namni kamillee ibidda qililee sodaachisaa sana irraa bilisa ta’ee mootummaa Waaqayyoo kan gammachuu bara baraa namaa kennu dhaaluuf fedhii kan hinqabne waan jiruu natti hin fakkaatu.
Dubbii Waaqayyoo isa dhugaa ta’e akka hubannu inni nu haa gargaaru! “Namoonni yeroo tokko duuti kan itti murteeffamee” sagaleen kun wonna nuti guyyaa mara ilaallu mitii? Itti fufee icciitii guddaa nutti muldhisa “kana (du’a) booda garuu murtitu jira” (Ibr. 9÷27). Yasuus immo caalumatti yommuu ibsu “Worri awwaala keessa jiran hundinuu yeroon isaan qoonqa isaa itti dhagayan ni dhufa. Worri gaarii hojjatan jireenya bara baraa argachuuf ni ka’u; worri hamaa hojjatan immo murtitti dhihaachuuf ni ka’u” (Yoh. 5÷28,29).
Worra eebba mootummaa Waaqayyootti gammadan wojjiin Waaqayyoo nu haa taasisu. Mee affeerrii jaalala Yasuus kan ta’e kana haa fudhannu. “Isin worri ba'aan isinitti ulfaate gara koo koottaa ani boqonnaa isniif kennaa” (Mat. 11÷28).