“Kunoo ati keessa namummaa namaa keessatti dhugaa ni barbaadda” (Faarsaa 51:6).
Amanamtummaan waa’ee jireenya keessatti wal-qabate hundaaf naamusa qabeessummaa amanamummaati. Amanamtummaan dhugumaanuu waan onneeti. Wongeela Yesuus Kiristoosiitifis yaada bu’uuraawaadha. Waaqayyoo yaadaa fi hawwii garaa namaa beeka. Inni dhugaa akka qajeelfama bu’uuraa kan akka malee barbaachisaa ta’eetti fudhata (Keessa Deebii 32:4). Inni amanamtummaa guutuu kan garaa keenyaa dhugumaan ni eebbisa.
Yommuu namni isinitti beeku danda’u dhugaa dubbatanii yeroo namni tokkollee isinitti hin beekne garuu amanamtummaa ni dhaabduu?
Nama dogoggora keessa jiru tokkoo akkasumatti ni dhiistuu?
Akka kafaluu hin dandeenye utuu beektanuu liqiin waa ni bittuu?
Yommuu kadhattan waanuma jiru Waaqayyootti ni himtuu?
Waan beektan hunda akka Waaqayyo barbaadutti amanamtummaan hojjattuu?
Waa’ee barsiisa Kitaaba Qulqulluu ilaallatuun isin amanamoodhaa?
Isin waan fakkaachuu barbaaddan nama fakkaattaniidhaa?
Seenaa dinqisiisaan Anaaniyaasii fi niitii isaa Safiiraa tokko Kakuu Haaraa keessatti argama (Hojii 5:1-11). Qabeenya isaanii gurguranii akkuma namoota hedduu kaanii waldaaf gutummaan guututti kennuuf yeroo jedhanitti kophaatti waliigalanii cinaa keessaa hambisuudhaan gowwomsaa hojjatan. Anaaniyaasii fi Safiiraan haganumaan gurgurree jechaa qarshii hooggantoota waldaatti kennan. Amanamtummaa diduu isaaniitiif battalumatti Waaqayyo itti murteesse du’aan adabaman. Seenaa waldaa duraa kana keessatti, oftuulummaan (yookiin amanamtummaa dhabuun) jabaa adabameera. Waaqayyoo kijiba akkasii fuula hamaan ilaalaa. Nuti dubbiin dubbatame soba ta’uu baatuyyuu tarii yaada dogoggoraa kennina ta’a. Gaafatamummaa Waaqayyo duratti qabnu irraanfachuutti dabsina. Waaqayyo garaa keenya beeka amanamtummaas nurraa eega.
Of tuulaan tokko waan hin taane kan ta’e of se’a. Tarii inni amanamaa ofiin jedha ta’a garuu bu’aa ofiitiif jedhee yommuu dhugaa babaldhisu of hin eeggatu. Waa’ee fedhii carraa-maleessaas inuma dubbata ta’a garuu yennaa balaan rukutamutti. Yeroo fi qarshii kennuudhaan hin arjoomu. Namni tokko waa’ee olloota isaa dhugumaan akka dhugaa dubbatu fakkeessa ta’a; ta’uus waa’ee isaanii jette-jettee dubbachuun ni salphataaf. Tarii namni tokko amanamaa fakkaata ta’a; ammayyuu carraan ittiin qabamu yoo jirre garuu qarshii nama biraa fudhachuuf qophaahaadha. Namoota kaan caalaa gowoomsituu ta’uuyyuu akkaataa madaallii amalaa isaa ol’aanaatiin akka jiraatu of amansiisuu ni yaala ta’a. Namni tokko haalawwan kaniin kamiyyuu keessa taanaan of tuulaa fi amanamtummaa maleessa ta’uu hin oolu.
Of tuulummaan namaa gaaf hundumaa Waaqa ni gaddisiisa. Yesuus “Sabni kun afaan isaaniitiin natti dhihaatan; hidhii isaaniitinis na kabajan malee garaan isaanii narraa fagoodha” (Maatewos 15:8). Garaa fi hidhii walitti fiduun waan namaan morkuudha. Amanamtummaan wiirtuu jireenya keenya keessaa ba’u ayyaanaa fi fudhatama Gooftaa biraa argachuuf furtuudha.
Kiristaanni dhugaa fakkeenya amanamtummaati. Inni firummaa qajeelaa amanamtummaa isaa kan fuula Waaqayyoo duraatti qabuutin hafuuraan badhaadha. Barbaachisummaan amanamtummaa kan nama akka keennaa waliin qabnuus xiyyeeffannaa guddaa barbaada. Dubbii fi hojii daldala keessatti walitti amanuu waliif qabnu tursuu qabna. Waan kana raawwachuufis dhugaaf jennee wareegama kamiyyuu gochuuf ifaan ifatti hayyamaa ta’uun nu barbaachiisa.
Muxannoo kanatti aanse jirurraa barumsa argachuu dandeenya. Barsiisaan mucaa dhiiraa tokko tokko gaafate, “Saantima sadiif jettee ni sobdaa?”
“Lakki gennee” jedhee deebise qeerrichi.”
“Saantima kudhaniif jettee ni sobdaa?”
“Lakki gennee.”
“Doolaara tokkoof jettee ni sobdaa?”
“Lakki gennee” ture deebiin.”
“Doolaara kuma tokkoof jettee ni sobdaa?”
“Ani,” ofiin jedhe, “Doolaara kuma tokkoon ani maal gochuu dadhabaa?”
Utuma inni mamaa jiruu, hiriyaan isaa tokko isa duubaa “Lakki gennee” jedhe.
“Maaliif hin taane?” jedhee barsiisaan gaafate.
“Sababii sobni namatti maxxanuuf. Yommuu doolaarri kumni dhumuu fi wantoonni gaariin isaan bitaman hundis dhuman, SOBNI ammayyuu akkasumatti achitti hafa.”
Dhugaan isaaf jennee rakkachuuf hayyamtoota akka taanu nu taasisuuf ga’aadha. Qaanii yeroo muraasaa keessaa of baasuun kasaaraa amanamaa ta’uu keenyaatiif gatii guddaa kan nu baasisuudha. Qarshiin amanamtummaa dhabuudhaan argame sammuu xuraawaa fi murtii bara baraa kan Waaqni cubbuu akkasiitiif ramadeef kaffaltii gadheedha.
Utuu hojii hamaa kanatti aanee jiru hojjachaa jirtanuu ifa Waaqaa keessa deddeebi’aatan jira jettuu:
- Obboleessa yookaan obboleettii keessaniif dhiifama hin gonee?
- Yommuunama tokkootti dogoggora hojjatan dogoggora san sirreessuuf tarkaanfii hin fudhannee?
- Dhugaa raajesituu?
- Waadaa caabsituu?
- Kudhan keessaa tokko baasuu fi kennaadhaan Waaqa hattuu?
Amanamtummaan qormaata amalaati. Waaqayyo onnee keenya ni beeka; wanni tokkollee isa jalaa hin dhokatu. Haata’u malee nuti yeroo tokko tokko akka Waaqayyoo nu beekuufi akka dhugumaan keessa keenyatti nutti dhaga’amu hin taanufu. Nuti amanamaa ta’uu keenya yookaan maalummaa keenya dhugaa ummataaf hin ibsinu ta’a. Namni dhugumaan gammadaa ta’e tokko Waaqayyoof amanamaadha; maalummaa isaas amanee fudhata. Akkuma onnee keenyaa bannee Waaqaaf jiraanetti dhimmoonni kunneen hundi furmaata argachuu ni danda’u.
Kaka’umsaafi ilaalchi keenya qormaata amanamtummaatiif kennamuutu isa barbaachisa. Qormaata kana walqunnamtii Waaqaafi nama waliin qabnuun dabruuf jijjiirama keessaa nu barbaachisa; wantoonni alaa keessa namaa kan ibsaniidhaatii. isin amanamaadhaa? Waaqni isa nu gaafata; addunyaan isa nurraa eega; nutis isarraa faayidaa arganna. Inni jireenya kophaa nama kiisuudha. “Karaa hundaan amanamtummaadhaan jiraachu feena” (Ibroota 13:18). “Nama kamiifiyyuu hammeenya hammeenyaan hin deebisinaa. Ija namoota hundaa duratti wantoota amanamoo ta’an raawwata” (Roomaa 12:17). Leewota 19:35-36 fi Fakkeenya 19:6 ille dubbisaa.