Bu’aa xalayaan qabu kan beeke erga poostaan duwwaa ta’e tokko wosiila koo irraa na gayeen booda dha. Poostaa sana irratti teessoon isaa bakka sirrii ta’etti barreeffameera. Tambeeriinis itti maxxanfameera. Chaappaanis itti godhameera. Garuu keessa isaa homtuu hin jiru.
Nu hundumtuu fira yookaan nama nu jaalatu irraa bakka biraas haata’uu yeroo yeroodhaan xalayaa ni arganna ta’a. Haata’uu malee xalayaa irraa barumsa hafuuraa wonti barannu xiqqoodha. Xalayaa keenya isa qalamaan woraqaa irratti barreessine gara mana poostaatti erguuf otoo hingeessin dura poostaa fi tambeera yookiin qarshii ittiin binnu qopheessutu nu irra jira. Sanaan booda xalayaa barreessine sana poostaatti galchinee, cuqqaallee, irrattis bakka xalayichi itti ergamu bareessinee erga tambeera itti maxxansinee booda gara nama itti ergameef akka dhaqqabu jecha sanduuqa poostaa keessatti galchina. Hojjataan mana poostaas erga mallattoo yookaan chaappaa itti godheen booda postaan sun gara nama isa fudhatuutti ergama. Tambeerri poostaa sana irratti maxxanfame waan chaappaa uf irraa qabuuf tajaajila biraatiif ooluu hindanda’u. sanaan booda poostaan sun akkuma tambeerichi irra jirutti gara bakka itti barbaadameetti abbicha barreeffameef sana gaha. Waan xalayaan barreeffameef namtichi fudhatus gammachuu itti dhagahamu irraa kan ka’e poostaa sana banuuf qophaaha. poostichas cinaan tarsaasa yookaan suuta jedhee bana. Kana kan godhuufis waan xalayaa sana keessa jiru baasuufi. Erga xalayaa isa barbaadu keessaa baaseen booda poostaan inni ittiin dhufe tajaajila isaa waan xumureef tambeera isa irratti maxxanfame wojjiin marmaramee gara bakka irraa-bayiitti darbatama. Xalayaan garuu waan ergaa qabuuf ergaan isaa hamma rawwatutti eddoon kennameefii taa’a.
Kun sirritti waan nu taane ibsa. Waaqa biraa gara biyya lafaatti poostaadhaan jechuunis qaama foonii keessa taanee xalayaa ergamne dha. Fagoo yookaan dhiyoo deemuun haa baay’atus haa xiqqaatus gama hawaasaa, dinagdee, barumsa aadaatiin addunyaa kana irra waan barbaanne argachuufi. Wonti baayisee nama dinqu waan kanaaf cimaa taanee otoo jirruu Isa keessa keenya jiru faayidaa guddaa isa qabu lubbuu keenya irraanfachuu keenya dha.
Adeemsa jireenyaa dhuma irrati bifa kamiinis ta’e asiinis achiinis eenyummmaa, aangoo, ulfinna, miidhaginnaa fi seenaa keenya mara akka hintaane taasisee gara awwaalaatti kan nugatu simataa keenya du’a harka geenya. Innis /duuti/ qaama keenya balaadhaan tatarsaasee yookaan dhibee yoosuma nama ajjeesuun yookaan ammo dhibee suutuma jedhee yeroo dheeraa fudhatuun yookaanis karaa biraa qaama keenya banee xalayaa keenya yookaan lubbuu keenya fudhatee ergaa akkamii akka uf keessaa qabu isa qorutti abbaa xalayichaa fi hunda danda’aa kan ta’e Waaqayyotti dabarsa.
Yaa dubbisaa:- lubbuun kee jalqaba barreeffama kana irratti akka xalayaa ibsamee sanaatti duwwaa ta’aa laata? Tarii lubbuu kee karaa si hin shakkisiisneen waan abdii qabu taasisuudhaaf karaa baay’ee ni yaalta ta’a; tarii jidduu kanatti nama Waaqayyoo irraa affeerrii hafuuraa siif dhiyaate “dhiifama naa godhiitii hojiin natti baay’ata; yeroo hinqabu” jettee deebisteetta ta’a. Tarii yoo akkas jette ati yeeroo hinqabu jettee deebisteetta ta’a. Tarii yoo akkas jette atii yeroo dhabde malee ilaalcha Waaqayyootiin ati homaa hingoone. Kan yeroo dhabde homaa waan faayidaa qabu akka hin hojjanneefi. Garuu dhuma irratti Waaqa bara baraa fu-duratti dhiyaattee dhiiga Yasuus maal goote? Jedhamtee yeroo gaafatamtu biyya dura lubbuudhaan keessa turtetti deebitee adeemsa jireenya keetii sirreessuu barbaadda ta’a. Poostichi tambeera bareedaadhaan maxxanffamee ture qaamni kee inni foonii babbadee bu’aa kan hinbuusne ta’eera. Abbaa murtii bara baraa duraa murtii argachuuf yeroo dhaabattu “Isin worri abaaramtoonni na irraa deemaa….” (Mat 25÷41). Yennaa jedhamtu hoollachaa fi sodaachaa cimsitee araara kadhatta ta’a. Garuu yeroon isaa darbeera. Baay’ee duubatti hafteerta. Itti fuftee sagalee murtii dhageessuun ammo yeroo lubbuun turtetti homaa waan hingooneef bakka irra caalaatti booyichii fi ilkaan woliin qaruun guuteetti ididda bara baraatti gatamuun kan faayidaa hinqabne ta’uun isaa hammam haa ulfaatu?
Waaqayyo inni hunda danda’u yemmuu fuulaa isaa sirraa garagalffatu jireenni biyya lafaa irratti dabarsite hammam hammaataa akka ta’e agarta.
Egaa yaa dubbisaa:- wonti gaddisiisaa ta’e kun akka sirra hingeenne yoo barbaadde dubbiin Waaqaa “Nama gara kiyya dhufu alatti hin baasuu” (Yoh 6÷37) jedha. Egaa maaliif lapheekee Kiristoositti hinkennitu? Lubbuun kee /xalayichi/ duwwaa ta’ee otoo harka isaa hingayin maaliif Gooftaa fi fayyisaa lubbuu keetii wojjiin wol hinbartu? Hubadhu Waaqayyoo abbaan Yasuus akka biyyaa lafaatti murteessuuf isa hinergine, biyyi lafaa akka isaan fayyuuf malee. Eegumsa guddaadhaan poosticha yoo qabattellee yeroof si gargaara ta’a. Dhuma adeemsa jireenyaa irratti xalayaan inni keessa jiru garuu kan Waaqayyooti. Ati biyyerra uumamte tii gara biyyeetti deebita (Seera Uum. 3÷19). Yaa dubbisaa, xalayaan (lubbuun) kee otoo du’aan fudhatamee murttiif fuula Waaqayyootti hin dhiyaatin dura Yasuus kiristoos fayyisaa lubbuu keetii godhiitii ufii keetiif fudhadhu (simadhu).
Kana ni gootaa? Hardhuma raawwadhu. Guyyaan hardhaa kan jaalatame dha. Waayee boruu hinbeeknu. Tarii boru teessoo murtii goofttaa dura si dhaaba ta’a.