Indeeksii barbaacha fe'amaa jira...
Barbaacha dhiheenya kanaa hin jiru
Bu'aan hin jiru sababni jedhuuf "Query here"
Barbaadi FlexSearch
Fuulli ati barbaaddu hin jiru ykn socho'eera.
Nageenya; nageenyi biyya keenyaaf, maatii keenyaaf akkasumas garaa fi sammuu keenyaaf eessaa argamaa? Iyyi cimaan kun bara baay’eef ni dhaga’ama, ammas akkuma addunyaan kun qorannaa gara garaatiin asiif achi soochootu akksumas akkuma soodaa adda addaatiin rukutamituun ittuma cimee deemaa jira. Iyyi kun iyya garaa/lubbuu keetiiti? Dheebuu fi jeequmsa yeroo ammaa keessatti, qabbana yeroo dheeraa si wajjiin jiraatu kan waan hunda caalu sana barbaaddaa?
Sodaan Maalii? Sodaan Waaqayyoo Sodaan Fulduraa Sodaan Kufaatii Sodaan Gidiraa Arguu Sodaan Du’aa Sodaan, diina dhokataa kan namoota umrii fi sanyii kamiyyuu qabaniifi kan adeemsa jireenya kamiiyyuu weeraruudha. Sodaan haxxee fi barbadeessaa yaada keenya kan summeessu, nagaa keessa keenyaa kan saamuu fi gammachuu jireenya keenyaa kan caldhisiisuudha. Sodaan naatuu, yaada’aa, rifataa, jeeqamaa, gaddaa fi dadhabaa nu taasisa; kun dhageentaa nama hin gammachiisne fi hin barbaadamne maaliiti!
Har’a addunyaa kanarra namoota onneen isaanii cinqamtu baay’etu jira. Sababoonni cinqii kanaas baay’eedha. Sababa kamiifuu Waaqayyo rakkoo kana akka beekuufi dhaabatee onnee cinqamte hunda gara isaatti amantiidhaan yoo dhufte simachuudhaan nagaya isiif kennuudhaaf eegaa jira. Waaqayyo si jaalata, onnee kee keessas boqachuu fedha. Akka hiika dubbii kanaatti onnee namaa jechuun nama yookiin sima, waan ati hojjataa jirtuu fi waan onnee kee keessaa burqu jechuudha. Waaqayyo uumaan yeroo jalqabaatiif nama uumee gammachuudhaanis akka jiraatuu fi isa tajaajiluuf iddoo bareedaa eden gannat keessa kaaye. Booda immoo wanti karoora Waaqaa kana xureessu ni dhufe. Innis diinticha nuti seexana jennee yaamnu santu Waaqa jibba ture. Namni akka shakkuu fi waaqaafis hin ajajamne taasisa. Sababa kanaafis onneen namaa badummaa fi cubbuudhaanis kan guutamte turte tun hariiroo tokkos Waaqa wajjiin akka hin qabaanne taasise. Onneen isaas tan nama gowwoomsituufi garmalees badduu taate. (Erm. 17:9). Namnis Waaqarraa ni fooyame. Jaalala isaa guddaa irraa kan ka’e Waaqayyo ilma isaa gooftaa Yasuus Kiristoosiin cubbuu namaatiif akka du’uuf erge. Amma abdiin nama hundaaf kennameera. Waaqayyo onnee tokkoon tokkoon namootaa keessa qubachuu barbaada. Gaaf tokko warri fayyan isa wajjiin iddoo bareedaa inni keessa jiraatu kan Jaannata jedhamu jiraatu. Inni cubbuun bara baraaf akka achi hin seenne seera baase. Cubbuun yaada, ilaalcha, gochaa fi amantaa fedha Waaqaatiin faallaa ta’eedha. Kunniin onneen namaa akka xurooftu taasisu. Waaqayyo qaama alaa qofa osoo hin taane keessa onnee namaas ni ilaala.