Future Life
Yeroo ammaa ati jiraataa dha. Hafuura ni baafatta, ni deemta ni hojjattas. Siif mijaayee jiruu gaarii jiraataa jirta ta’a yookiin jiruun sitti hammaateera ta’a. Aduun ni baati ni lixxis; bakka tokkotti yeroo kana daa’imni ni dhalata; akkasumas bakka dhibiitti namni du’u yeroo mara ni jira. JIREENYI KUN QOPHII YEROO MURAASAATI GARUU, DU’A BOODDEE GARAM DEEMTA? Yoo nama amantiis taate Yookiin yoo amantii kamittiyyuu amanuu baatte gaafii baay’ee barbaachisaa ta’e kana deebisuu qabda. Namni erga yeroo gabaabaaf lafa irra jiraateen booddee gara iddoo bara baraaf keessa jiraatuu deema (Lal.12:5). GARUU EESSA DEEMTAA?