Mana

Gara marsariitii Tiraaktii Wangeelaa fi Waldaa Macaafa Qulqulluutti baga nagaan dhuftan

Tiraaktota

Mee waayee michuu koo kanan sitti hima. Seenaa kana Kitaaba qulqulluu keessaa arganna. Kitaabni qulqulluun immoo dubbii Waaqayyoo waan ta’eef dubbii dhugaati. Waaqayyo, addunyaa kanaa fi waan addunyaa kana keessa jiru hunda isaa kan uumee. Inni Gooftaa Waaqaafi lafaati. Inni waan hundaaf jireenyaa fi hafuura kenna. Yesuus daa’ima dhalattuu, xiqqoo ta’ee gara biyya lafaa kana dhufe. Abbaaniifi haati isaa warri lafa kanarraa Yooseefii fi Maariyaam jedhamu. Inni dallaa loonii keessatti dhalatee gabatee loowwan irratti nyaattu keessa ciise. Yesuus badii tokkollee hin balleessine ture garuu sababa aniifi ati badii cubbuu hojjenneef inni bakka keenya nuuf du’uun waan isarra tureef qofa du’e.